Oduu Haaraya

Bilisummaan keenya KAARDIIN hin dhugoomtu!!

# Filannoo wayyaanee soba marsaa shanii,,, irratti hirmaachuuf ni galla jettanii,,, miidiyaatti bahuun labsii baafattanii,,, nuti karaa nagaa qabsoofna jettanii,,, sabaafi sab lammii biyyattii hundaafi,,, murteeffannee jirra galuudhaaf biyyatti. Qabsoo karaa nagaa geggeessudha qabna,,, yoo kanaan ol kaanee deggarsallee qabna,,, uummata itoophiyaaf gaanfa afriikaarraa,,, hawaasi addunyaas nuuf godha gargaarsa,,, kan murtiin keenya kanatu nu baasa. Jettanii waan hedduu gurra nu keessanii,,, kijiba wayyaanee dhoksuuf gargaartanii,,, qabsoo dhiigaan dhufe irra hejjettanii,,, aarsaa goota keenyaa gatii dhabsiiftanii,,, hin milkooftan yoomuu daandii irraa maqxanii. Kunoo dhihaateera mee eessa jirturee ??

Guyyaan filannoodhaa isin jala gahee,,, moo karaa irratti dhoqqeen isin qabee?? Moo intarneetiin dorgomturee laata ?? Achuma teessanii kuffisuufii laata ?? Mootummaa wayyaanee sirna nama nyaataa. Diimokiraasii waaraa jennee ijaaramne,,, mirga namtokkeetiif sablammii biyyaallee,,, kabachiisuu qabna gamtaan ijaaramnee. safuu,,,safuu,,, mee dhiisaa haa hafuu,,, silaa sabni hin rafuu,,, ciisee dhaggeeffata yaroo JAARSI sobu… Korojoo salphinaa qalqalloo kijibaa,,, filannoo fakkeessii shira warra kaabaa,,, kiba wayyaanee daandii boolla gubbaa,,, kottaa hirmaadhaakaa maal eegduree egaa?? Qaroomteetti qeerroon siyaasaan dibamtee,,, filannoo sobaatiin mirgi akka hin jirre,,, bareera barataaf qotee bulaanille. Yaa kaayyoo ganamaa lafee goota kumaa,,, kan sirraatii maqee hin milkaa’uum homaa,,, daandiin dhiigaan bahee filannoon dhugooma,,, jechuun saba sobuun hin gahuu yaa jamaa?? Utuu lafeen cabee lubbuun bahuu baatee,,, aarsaan kaffalamee jiraachuu utuu baatee,,, galmeen seenaa awwaalamtee,,, ekeraasaaniitu isin dura gora waaqatti iyyatee…Malee hin milkooftan boris ni qaanoftu,,, bilisummaan keenya KAARDIIN hin dhugoomtu.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …