Oduu Haaraya

Booda akka (itti) hin gaabbine

Namnni tokko yoomi fi maaliif gaabba? Gaafii kanaaf deebii kennuu dhaa dura waan tokko tokko haa ilaallu. Akkuma beekamu yoom yoo jennu yeroo gaafachuu keenya. Maaliif yoo jennu ammoo sababa waan tokkoo gaafanna. Yeroon walumaa galattis ta’ee akka seera dubbii (grammar) itti gara gurguddaa saditti hirama. Isaan kunis yeroo dabre, yeroo ammaa fi yeroo dhufu dha.

Gaabbuun gabaabinumatti of komachuu dha. Wanni of komannuuf ykn (itti) gaabbinu tokko waan dabre yoo ta’u inni kunis gara lamaan ilaalamuu ni danda’a. Tokko kan yeroo dabre keessatti ta’e ykn godhame yoo ta’u kun fakkeenyaaf balleessa ykn dogoggora ta’uu danda’a. Waan balleessa goonee dabrreef (itti) gaabbina jechuu dha.

Inni kan biraa ammoo kan yeroo dabre keessatti sirumaa otuu hin godhamin ykn hin ta’in kan hafe dha. Wanni sun godhamuu fi ta’uu dhaa otuu carraan jiruu garuu sababa fe’eenuu haa ta’u otuu hin godhamin ykn hin ta’in kan hafe dha.

Egaa gaafii jalqaba barruu kanaa irratti ka’eef gabaabinumatti deebii yoo kenninu: Yoom (itti) gaabbina kan jedhuuf wanni tokko godhamee ykn ta’ee yoo dabre fi akkasumas otuu hin godhamin ykn hin ta’in yoo dabre booda.

Maaliif (itti) gaabbina kan jedhuuf ammoo waan carraan sun amma nu dabree fi kan dabre sanas deebisuu waan hin dandeenyfi. Gaabbuun gochaa ykn yeroo gochaa sanaa booda dhufa. Kan kaleessaaf har’a, kan har’aaf boru kan baranaaf illee egere (itti) gaabbina jechuu dha.

Qabiyyee fi kaayyoon barruu kiyaa kun akkuman kanaan dura barruu biraa”Maaliif kan dabre irraa hin baranne?” keessatti kaasee ture har’as waa’ee Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti xiyyeeffata.

Ammas fakkenya tokkon kaasuu barbaada. Namoonni mana tokko ijaaranii yoo ijaaramee dhume wajjin (waliin) keessa jiraachuu barbaadan mana kana har’a wajjin (waliin) ijaaruu tu isaani irra jira. Kuun otuu hojjetanuu kuun taa’anii ilaaluu hin danda’an; yoo kana kan godhani illee ta’e sirrii miti. Walumaa galatti warri mana tokko keessa wajjin (waliin) jiraachuu barbaadan hunduu har’a ijaarsa mana kanaa irratti qooda fudhachuu tu isaani irraa eegama jechuu dha. Manni boru waliin keessa jiraatamu har’a walumaan ijaaramuu qaba.

Qabsoon Bilisummaa Oromoos akkuma fakkeenya kanaa itti ilaalamuu ni danda’a. Galiin keenya kan booddee (Bilisummaan saba keenyaa fi Walabummaan biyyaa keenyaa) akkuma mana fakkeenya kanaa olii keessatti ka’ee ti yoon jedhe dogoggora miti. Kun ammoo kan hundi keenya itti gallu fi gammachuu dhaan keessa jiraannu dha.

Qabsaa’otas ta’e lammiileen Oromoo hunduu akkuma namoota mana ijaaruuf ka’anii kanatti ilaalamuu danda’u. Akkuma manni kan hundaa ta’uuf deemu qabsoo fi galiin booddees kanuma lammiilee Oromoo hundaa ti. Kanaaf nuyis (lammiileen Oromoo) otuu kuun mirguma hunda keenyaatiif qabsaa’aa jiranuu kan hafnne callisnee teenyee ilaaluun akka booda (itti) gaabbinu nu godha. Waan dandeenyeen gargaarsa godhuun dirqama hunda keenyaa ti; ittigaafatama lammummaa ti.

Diina qawwee dhaan bilisummaa fi biyya keenya nurraa fudhate of irraa kaasuu kan dandeenyu qawwee duwwaa dhaan ta’u illee qabsoon garuu kana qofaan hin godhamu. Qabsoo keenya finiinsuu fi galii booddee ga’uuf hundi keenyaa waan dandeenyen, karaa barbaadneen ga’ee keenya gumaachuu tu nurra jira. Kan qabu qabeenyaan (maallaqaan) kan beeku fi barumsa qabu beekumsa fi barumsa (ogummaa) isaatiin qabsoo kana duuba hiriiruu barbaachisa. Har’a lammiileen Oromoo hunduu bakka jiran itti qabsaa’ota ta’uutu irraa eegama. Qbsoon kun ammoo matuma mataa keenya irraa jalqabuu qaba. Sammuu keenya bilisa baasuu tu nurra jira. Namnni sammuu ofii bilisa hinbaafnne (hingoone) nama biraa bilisa baasuu hin danda’u (waanan akkana jedhuuf yeroo biraan itti deebi’a).

 

Oromoonni baratan kan barumsa gurguddaa ol aanaa illee qaban profeesaroota, doftaroota, injinaroota fi kan kana fakkaatan baay’ee tu jiru. Haata’u malee yeroo tokko tokko yoon taa’ee itti yaadu warri barumsa guddaa qaban qabsoo kanaaf waa baay’ee hojjechuu otuu danda’anuu callisanii taa’uun isaanii na dinqqa. Barumsi fi beekumssi uummata ofiitii hin taane alaguma tajaajilaa umrii fixuun hiikni isaa maali? 

Warri mirga keenyaaf jedhanii qabsoo kana keessatti wareegamanis ta’ee warri har’a qabsoo kana keessa jiran hunduu akka qabsaa’otaa itti hin dhalanne. Hundi isaanii tu akkuma Oromoo tokkoo itti dhalatanii guddatani. Garuu dhiitamuu mirga saba keenyaa, dhabuu bilisummaa fi biyya keenyaa tu sammuu isaanii itti dhaga’mee waan boqonnaa isaan dhoowweef; roorroo uummata keenya irratti godhamu taa’anii ilaaluu waan hin dandeenyeef (hin danda’iniif) lubbuu ofii illee kanumaaf dhabuuf qabsoo kana keessa seenan. Dhimmuma (mirguma) lammiilee Oromoo hundaafuu jedhanii ti. Egaa namnni tokko nuuf jedhee waa kana hunda yoo godhu callifnee ilaaluun sirrii dhaa?

Booda (itti) gaabbuun hin dhufuu? Yoo har’a waan kana dafnnee itti yaadne malee boru (itti) gaabbuun keenya akka hin oolle mamiin hin jiru.

Mee warra barumsa qaban itti deebi’ee waan tkko tokko kaasuun barbaada. Fakkeenyaaf dhibdeelee qabsaa’ota jidduutti uumaman keessumaayuu waldhabbii ABO keessatti dhalate kanaaf furmaata fiduu dhaaf ga’een (role) warra barumsa ol aanaa qabanii baay’ee guddaa ta’uu danda’a. Karaa lamaan furmaata fiduu danda’u jedheen amana.

Karaan tokko akka jaarsummaa itti warra waldhaban walitti fiduu dhaan waliin akka haasa’an godhuu dha. Kanaan dura yaaliin akkanaa godhamee fi godhamuu baachuu yoon sirriitti beekuu illee baadhe kan amma ammaa itti godhame quubsaa natti hin fakkaatu.

Karaa lammaffaan warri barumsa ol aanaa qaban gara garaa walitti dhufaniimarii hunda qabataa tokko (forum) dhaabuu dhaan kana keessatti waan hundaa qorachuu fi xinxaaluu dhaan rakkoolee jiraniif furmaanni akka argamu godhuun ni dana’ama. Waayee akkanaa kana hojii irra oolchuun ulfaataa yoo ta’e illee tattaafiin otuu godhame kanuma milkaa’uu danda’u natti fakkaata.

Mariin akkanaa kun dhibdeelee qabsaa’ota jidduutti uumamaniif furmaata argachuu duwwaa otuu hin taane qabsuma keenya kan Bilisummaa fi Walabummaa kana iyyuu gadfageenyaan xinxaaluu dhaan; karaa, tooftaa fi tarsimoo dafanii galii booddee dhaan nu ga’an irratti waliin dubbachuu dhaaf ga’ee guddaa gumaachuu danda’a jedheen amana.

Karaa, tooftaa fi tarsiimoo gara garaa (different options) qoratanii, walitti akeekanii ilaalanii kana keessaa isa gaarii fi cimaa (preferable option) irratti walii galteen godhamee akka daandii kanaan qabsoon cimu godhuun barbaachisaa dha.

Karaa biraatiin ammo mariin hunda qabataan (forum) akkanaa kun warra barumsa ol aanaa qaban duwwaa otuu hin ta’in Oromoota naannoo fi kutaa Oromiyaa hunda keessaa fi amantii gara garaa irraa dhufan kan walitti qabu yoo ta’e caalaatti bu’aa guddaa tokko agarsiisuu danda’a.

 

Rakkooleen har’a bakkee tokko tokko itti mul’achaa jiran ykn mul’achuuf malan: firoomaan, gandaan, naannoo dhaan, kutaa dhaan akkasuma illee amantii dhaan wal qoqqoduun kun marii akkanaa kana keessatti furmaata argachuu danda’u. Kana duwwaa miti, mariin akkanaa yoo dhaabbate waa baay’ee tu hojjetamuu danda’a. Afaan keenya illee akka qulqullaa’uu fi guddatu godhuuf(waayee kanas yeroo biraan itti deebi’a) mariin akkanaa barbaachisaa dha.

Barruu kiyya kan har’aa otuun hin xumurin dura dhaamssi gabaabaan ani Oromoo hundaafuu dabarsuu barbaadu: hundi keenyaa rakkoo irratti rakoo biraa fiduu dhiifnnee rakkoo qabnuuf furmaata argachuu dhaaf akkasumas qabsoo Bilisummaa fi Walabummaa cimsuu dhaaf qaama rakkoo otuu hintaane qaama furmaataa (part of solution) ta’uu tu nurra jira. Wanni hojjetamu baay’ee tu jira. Kanaaf of qopheesuu dha. Har’a waan dandeenyu fi waan nurraa eegamu yoo hin goone (otuu hin godhin hafnne) booda (itti) gaabbina.

Amma walitti deebinutti nagaan turaa, fayyaa ta’aa.
Abdii Boruu

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *