Oduu Haaraya

Guddina Afaan Oromoof maaltu godhame, maaltu godhamaa jira, maaltu godhamuu qaba?

 

Afaan Oromoo Afaan ittiin dubbatamu malee Afaan ittiin barreeffame akka hinturin hundi keenyaa kanuma beeknu fi kan seenaan illee agarsiisu dha.

Galanni guddaan qabsaa’ota Oromoof haa ta’u, Afaan keenya cunqursa fi duula balleessaa diinni irratti godhaa ture keessaa ba’ee kunoo har’a sadarkaa kana irra jira. Akkuma Afaan biroo har’a Afaan keenyas qubee ittiin barreeffamu argatee addunyaa keessatt illee mul’achaa jira.

Qubeen Afaan Oromoo illee dhalattee, hojii irra ooltee, saba ishii erga tajaajiluu qabdee kunoo waggaa kudha saddeettaffaa dhiyoo kana akka ayyaaneffatte barruun tokko tokko nu yaadachiisa.

Waggoonni kudha saddeet xinnaa miti. Kan yeroo qubeen hojii irra oolte sana dhalate yoo akka gaarii itti guddate har’a dargaggeessa cimaa dha. Namnni umrii kana qabu nama waa hundaa beekuu fi godhuu danda’u dha. Haa ta’u malee guddina Afaan keenyaa kan inni waggoota kudha saddeettan dabran keessatti agarsiise yoo ilaalle dhugaa dubbachuu dhaa amma guddina nama umrii kanaa ta’aa? Ani gara kiyyaan (akka ilaalcha kiyyaatti) hin ta’un jedha.

Akka waan baay’een hojjetame mamiin hin jiru. Afaan keenya yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa guddaa irra ga’e. Kana ammoo hundi keenyaa itti gammaduu fi ittiin boonuu tu nurra jira. Gadifageenyaan yoo ilaalle garuu Afaan keenya guddachuu dhaaf waa baay’ee tu hafa. Kan hir’uu ta’e kan guutamuu qabu baay’ee tu jira jechuu kooti. Fakkeenyaaf Afaan keenya har’a illee qulqullaa’uu qaba. Jechoota alagaa kan ofitti make of keessaa baasee jechoota ofii bakka kana buusuu qaba. Akka seera aadaa keenyaa itti barreeffamuu qaba. Waanan kana jedhuuf dhiyoo kana raadiyoonii sagalee Oromiyaa irratti namoonni gara garaa kan ogummaa Afaanii qaban waayee kana yoo dubbatan dhaga’ee waanan itti gammadee fi gara kiyyaan itti amanuufi. Yaadni isaan kakaasan guddina Afaan keenyaaf dhuguma barbaachisaa dha.

Karaa biraatiin yoo ilaalle har’a jechoota barbaachisaa ta’an fakkeenyaaf jechoota teeknoolojii homaa hin qabnnu jechuu ni dandeenya. Ofii kiyyaaf otuu hin beekin yoon hafe fi yoo jiraatani illee hin beekuu ta’a dhiifama naa godhaa. Jechoonni akkanaa yoo jiraatan illee guutuu waan ta’an natti hin fakkaatu jechuun barbaade.

Afaan keenya guddisuu dhaaf, kitaabota barumsa sadarkaa ol aanaa barreessanii qopheessuu dhaaf duraan dursee Afaan keenya jechoota hundaa qabaachuu tu irra jira.

Wanni biraa ammoo kan dhugaa ta’e fi kan hundi keenya illee amanuu dandeenyu: Har’a Oromoo meeqatu barreessuu dhaaf Afaan keenya itti fayyadama? Barruulee gara garaa yoo ilaalle caalaan isaanii kan barreeffaman Afaan alagaa tiini. Kun akka Afaan keenya dagatamu hin godhuu? Kuni maaliif ta’uu danda’e? Barreessuu wallaallee ykn dadhabnee ti moo Afaan alagaatiin barreessuun salphaa (simple) ta’ee ti? Yookaanis ammoo barruulee keenya akka alagaanis dubbisuu danda’u jennee ti?

Sababnni kanaa waan fe’e haa ta’u garuu har’a Afaan keenyaan barreessinee, akka inni guddatu goonee, babal’isaa yoo deemnne malee dagatamee duubatti hafuu waan danda’uuf booda hunda keenyaa rakkisuu danda’a jedheen yaada. 

Mee gaafii keetiif gaafuma sana deebii siif kennina eegi naan jedhaa, natti illee kofllaa garuu gaafii tokko asitti kaasuun barbaada.

Akkuma tasaa ta’ee ykn jabaannee Bilisummaa uummata keenyaa fi Walabummaa biyya keenyaa otuu amma argannee, Afaan keenya: Afaan hundumtuu rakkoo malee ittiin barreessuu fi dubbisuu danda’an, Afaan biyyoolessaa, Afaan hojjaa, Afaan ormillee baratanii nu waliin ittiin hojjechuu danda’u, Afaan kitaabonni hunduu ittiin barreeffamanii barumsa sadarkaa ol aanaaf qophaa’an fi kan kana fakkaatanii ta’uu qaba.

Haa ta’u malee sadarkaan Afaan keenya har’a irra jiru waan kana hundaa kan guutu fakkaataa? Ana garuu natti hin fakkaatu. Ammas irran deebi’a waa baay’ee tu hafa jedheen amana. Kanaaf Afaan keenya akka hin dagatamnne, akka qulqullaa’u, bal’atu fi guddatu godhuun barbaachisaa dha. Waayee kana har’uma itti yaaduu fi itti qophaa’uu nuu wayya.

Haala yeroo ammaa impaayara Ethiopia keessatti deemaa jiru ilaalchisee namoonni tokko tokko yoo barreessan Afaan Oromoo Afaan federaalaa ta’uu qaba jedhanii yaada dhiyeessu. Gaafiin asittis ka’uu qabu garuu otuu kunumtuu kan ta’u ta’ee Afaan keenya har’a sadarkaa kana irra jiraa laata?

Barruu kiyya “Booda akka (itti) hin gaabbine”kan jedhu keessatti waayee marii hunda qabataa (forum) kaasuun kiyya ni yaadatama.

Afaan keenya qulqulleessuu fi guddisuu dhaaf illee mariin akkanaa barbaachisaa akka ta’e tuqeen dabre. Mee itti deebi’ee waan tokko tokko kaasuun barbaada.  

Marii hunda qabataan kan namoota gara garaa barumsa adda addaa qaban, kan naannoo fi kutaalee Oromiyaa gara garaa keessaa fi akkasuma illee amantii gara garaa irraa dhufan hammatu kun dhaabbachuun Afaan keenya illee akka guddatu godhuu danda’a kanan jedheef:

  • Namoonni gara garaa waliin yoo haasa’an yaada gara garaa tu dhalata, mala adda addaa tu burqqa.
  • Aadaan Oromoo walumaa galatti tokko yoo ta’e illee akkaataan itti mul’atu naannoo dhaa naannootti, kutaa dhaa kutaatti adda adda ta’uu danda’a. Aadaa alagaa ofitti makuu illee danda’a. Kanaaf marii akkanaa kana keessatti garaa garummaan jiru xinxaalamee tokko ta’uu akka danda’u godhama. Seerri adda addaa ni xinxaalama. Kana irratti bu’ureeffamee Afaan keenya illee seera aadaa tokkoon barreeffamuu akka danda’u godhama.
  • Jechoonni Afaan Oromoo tokko tokkos kutaa dhaa kutaatti adda adda ta’uu danda’u. Isaan kunis qoratamanii qulqulleessu Afaan keenyaaf kan tolan filatamanii akka hojii irra oolan godhama. Bakkee jechoota alagaa jechoota Afaan Oromoo buusuuf qorannoo fi xinxaalli akkanaa bu’aa guddaa fida.
  • Marii akkanaa keessatti caasaan qorannoo Afaan keenyaa tokko dhaabbatee warri ogummaa Afaanii qabanis ta’ee warri biraa as keessatti waliin hojjechuu dhaan jechoonni haaraan fakkeenyaaf jechoonni teeknoolojii akka uumaman godhama.
  • Karaa inni keessa dabree as ga’e fi gudinni Afaan keenya amma ammaa itti agarsiise gadifageenyaan xinxaalamee balleessi illee yoo keessa jiraate kun akkamitti akka qajeelu godhama.

Egaa mariin akkanaa tokko yoo dhaabbate waa baay’ee kan ani asitti hin kaasin tu hojjetamuu danda’a jedheen amana. Waayeen kun akka salphaa (simple) hin taane amanamaa dha.

Mee otuma achuu hin ga’in sanumaa asitti Afaan keenya guddisuu dhaaf hundi keenyaa itti haa yaadnnu, waan dandeenyu haa goonu. Kan barate barsiisee, kan hin baratin haa baratu, Afaan keenyaan haa barreessinu. Yoo ni dandeenya, ni goona jenne wanni hin danda’amnne fi hin godhamnne hin jiru. Fe’ii agarsiisuu (qabaachuu) fi waan sanaaf of qopheessuu qofaa tu nurraa eegama. Afaan keenya guddifnnee ittin haa guddannu. Guddinni Afaan keenyaa meeshaa qabsoo Bilisummaa fi Walabummaa ti. Sana booda illee guddina fi dagaagina saba keenyaa ti.

Amma walitti deebinutti nagaan turaa.

Abdii Boruu         

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *