Oduu Haaraya

BOOMBAA FII HINAAFTUU HUNDAAF

Urjii Ahmad

Nama Osoo hin Beyne akka boombaatti afaan banurra, Boombiitu irra wayya.
Sheekh Dr. Muhammad Rashaad Abdullee Gaafa jirus Rabbiin Jaalala Hawaasa Isaaf kennee jira. Du’etis Jaalalti Isaaf qabnu nu keessaa hin bahu.

Ammoo Jaahiloonni Osoo kitaaba sheekhaa fula 1 hin dubbisin Afaan bantan hundi humaa hin fiddan. Sheekni Seenaa qaba. Isin Seenaa Isaa xureeysuu hin dandeeysan.

Footoon Asi gaditti gartan hawaasa Isa Awwaaluuf jaalala Isaatiif bahe. Raadiyoo fii Tviidhaan beeysisni godhamee hin seehinaa. Ilmi namaa walumarraa dhagayu qofaan akkatti bahe.

Sheekhaa fii Aqiidaa Isaa namni beekuu feetan Kitaabni Isaa Tafsiirri Afaan Oromoo fii Aqiidaan xahawiyyaa ni jira. Sheekni akka keessanitti Oduu afuufaa hin turre Muslimootaaf carraaqaa, saba Isaatiif rakkachaa jiruu Isaa guutuu dabarse. Seenaan hoggaa hunda kabajaan Isa kaafti.

Arra Sheekni keenya du’us Kitaabni Isaa, Aqiidaan Isaa tan nu barsiisaa ture Kitaabban Afaan nuti beeynuun nu harka jira. Nama nuuf hiikuu hin barbaannu kitaaba lafaa fuunee dubbisuu qofa. San booda sheekni eenyuu ni beyna.

Ahbaashiin Sheekaan naggaduuf yaalii gootus sheekni Isaanirraa qulqulluu tahuu Isaa Vidiyoodhaan, barruudhaan labsa baasee jira.
Dhaamsi Isaa tan dhumaa kana ture “Yaa jaalawwan kiyya wanni isinii dhaamu akka maqaa waliin xureesine isiniin je`a. ammo yaada tokko tokko bakkan chiisutti nan dhagaya akka walitti hin mufanne kan ala jirtan, kan biyya keessa jirtan hundi yaada khiyya hiikkaa qur`aana kiyya itti deebi`aa laala”

Vidiyoo keessatti ammoo “Aqiidaan tiyya Aqiidaa xahawiyyaa ani afaan oromootin hiike” jechuun ibsa adii akka aannanii ibsee jira.

Adaamaarraa sababaan ari’amuu dandaheef Ahbaashii fii shira mootummaa irraa qulqullaawuu Isaatiif. Rabbiin rahmata haa godhuuf!

Namni Sheekni Ahbaashiidha je’u nama 4 keessaa tokko:
1. nama Jaahila Ahbaashiin waan taate hin beeyne
2. Nama Sheekaa fii kitaaba Isaa dubbisee ykn dhagayee hin beyne.
3. Nama Sheeka guddaa kana maqaa xureeysuu fedhu “Hinaafaa” “Boombaa Afaan banaa”
4. Nama Oromoo jibbuu fii Afaan Oromoo jibbu.

Sheekni hanga guyyaa qiyaamaa Muslimoota Oromoo qofaan osoo hin tahin nama Afaan oromoo beeku hundaaf barsiisaa tahaa jiraata.
Rabbiin dalagaa Isaa irraa qeebalee Jannata ol aanaa haa kennuuf.

Yoo Haqa namaa dubbachuu nutti ulfaate, Kijiba namarra kaayurraa haa of eynu.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …