Oduu Haaraya

Britain loltoota ishee gara Somaaliyaatti ertite

United Kingdom humnootii ishee gara Somaaliyaa fi Sudaan kibbaatti erguuf murteessuun ishee yaada gaarii tumsa uummata biyyoota lameeniif gochaa jirru jabeessa jechuun mootummaa biyyatti keessatti ministerri waa’ee Afrikaa Grant Shapps dubbatan.

Angawaan kun New York irraa VOA Sagantaa Somaaleef akka ibsantti hawaasnii addunyaa biyyoota wal waraansa sivilootaa irraa bayyanataa jiran kan akka Somaaliyaa hin deggeru taanaan kufaatiitti deebi’uu, sana booda hamaan dhufu kutaa sanaaf qofa ituu hin taane biyyoota fagoo jiran kan akka Briteenii fi Amerikaa gaaga’aa jedhan.

Somaaliyaan imaammata biyya alaa kan mootummaa United Kingdom keessatti ijoo fi iddoo duraa qabattee jirti kan jedhan Mr. Shapps kun dhimmi Briteen qofaa waan hin taaneef biyyonni ka biroonis imala nagaa eegsisuu kanatti akka hirmaatan gaafatan.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …