Oduu Haaraya

“SAY NO” MURTII SHIRAA

Nuti hin dhageenyu dubbii jara sanaa
Lafa teenyaaf lubbuu teenya laannaa
Isinis nu fixxan, nutis numa dhumna
Mirga keenya sirritti kabachiifanna
Haqa keenya irratti wareegamna.

Dhimmi Finfinnee dhimma Oromooti
Waan diinaan dhageenyu shiraafi murtii
Irratti wareegamna hamma dhumanutti
Callifneen tatteenyu lubbuun baatu baatii.

Oromoo fottooysee addaan faffacaasuu,
Qonnaan bulaa keenya raasatti hambisuu,
Qabaataa hiyyoomsee kadhattuu taasisuu
Aadaa saba bal’aa tooftaadhaan qancarsuu,
Afaan Oromoo malaan dhabamsiisuu,
Shira murtii isaanii tokko hin callisu!

Maqaa “Master Planiin” ilkee nuuf qarattee
Hojirra oolchinaan kan duruu dhaaddattee
Maaluma nu seete, eessa nu laallattee?
Goota ta’uu keenya dhiiroo ni dagattee?

Nuti abbaa biyyaati bakka biraan dhufnee
Irraatti dhalannee irratti guddannee
Siitu gamaa dhufee mana keenya seene
Gaafas wahi beeynee, akkanaaf sin eeynee
Gara laafina keenyaaf kadharraa si baafne.

Beelaan gaaga’amtee dhoortoo nu kadhattee
Amma beela baatee garaakee guuttattee
Qorii irraa nyaattetti haguudhatti kaate
Kan beela si baase agabsuuf muratte.

Maqaa dhalootaa ifiin moggaaftee
Odaa Oromootaa siidatti geeddartee
Lafa abaaboolii kan biraatiin yaamtee
San hunda callifnaan har’as nu laallattee….
Duguuggii sanyummaaf ammallee foolatte.

“Say No” murtii duguuggii sanyummaa
Dinnee didaa hindhageenyu humaa
Iyyaa! iyyaa! iyyaa! garayyuu mormaa
Tana hinfudhannu dhumnu dhumnaa!
________________
Najiib Zannuun

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …