Oduu Haaraya

CAACCUUN KALLACHAA BAR JABAA

 

Malkatoo malkata qabaa

Raajii waan ajabaa

Caaccuun kallachaa bar jabaa

Inni maalif gadi of qabaa?

Garuu garoo………………………

Si’a kana maali kan muguu

Inni of hin arguu?

Ormi kijibaan ka haguuguu

Waraabessi guuguu

Kan lafee duguuguu!!

Ajab ajab……………………………

Dharri kan beekus kijibaa

Booddeen kufa qabaa

Rafe teessorraa of dhabaa

Dhugaa ofitti qabaa!!

Argitan kaa

Dhageettan kaa………………….

Dharri kunoo raatayee

Dhugaa Rabbi faayee

Hunduu ragaa bayee!!

Bee bee…………………………….

Dhara jibbee martii

Dhugaan ni qallattii

Qallattii qallattii hin cittuu

Dhugaan bar takkatuu

Sobnis babbay’attuu

Dhugaa bakka buutuu

Jedhee duruu mammaakee

Warri sirrii nuuf akeekee!!

Dhageennee qalbeeffannee………..

Dhugaan tokkoo lamaa gayaa

Dharri iyyaa raatayaa

Dhara baay’esseetin iyyaa

Dhugaan hin qabduu ree hiriyyaa

Anaaf dhugaa naaf wayyaa!!(2)

 

(Gamteessaa Sabaatin)

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …