Abdii Boruutiin
Waayee cufamuu ykn qilleensarraa bu’uu Raadiyoonii Sayifa Nabalbaal (Seife Nebelbal Radio=SNR) yeroon dubbisu amanuun dadhabe. Asirratti makmaaksa Oromoo tokkon yaadadha: “Ishiinuu hin jirtuu, ishiin sunuu mana hin jirtu” jedha. Yeroo ammaa SBO sagantaa Afaan Amaaraa irraa kan hafe, raadiyoonii walaba ta’ee Afaan kanaan tamsaasu hin qabnu. Akka ilaalcha kiyyaatti, SNR qabsoo kana keessatti gayee guddaa taphachaa fi qooda guddaas gumaachaa akka jirun amana. Raadiyoonii akkanaa qabaachuun keenya faayidaa karaa lamaa qaba jedheen yaada. Inni tokko, warri firoota Oromoo ta’anii garuu Afaan keenya hin dandeenye, Raadiyoonii kana hordofuudhaan dhimma Oromoo ykn haala uummatni fi qabsoon bilisummaa keenyaa keessa jiran hubachuu danda’u. Karaan biraa ammoo, akkaataa raadiyooniin kun sagantaa isaa dabarsu yoo ilaalle, fudhatanis fudhachuu baatanis diinota keenyatti dhugaa jiru himuudhaan; shira isaanii saaxiluurratti gahee cimaa taphachaa jira. Kanaaf raadiyoonii akkana kana dhabuun keenya hiri’na miidiyaa fiduu bira dabree; sababa maallaqaatiin cufamuun isaa nuuf qaanii guddaa dha.
Rakkoo maallaqaatiin otuu hin taane, raadiyooniin kun otuu sababa biraatiin kan cufamu ta’ee, hamma kana baay’ee nama hin gaddisiisu. Qabeenya Oromiyaarratti diinni dhufaa dabru abbaa qabeenyaa nurratti ta’ullee, uummatni Oromoo uummata waa hundaa qabu jechaa; garuu raadiyoonii kana gargaarree qilleensarra tursiisuu dadhabuun keenya dhugumatti waan nama qaanessuu dha. Jiruu fi jireenyi biyya ambaa baay’ee ulfaataa fi innumti kunuu kan qabsoo cimaa gaafatu ta’ullee, garuu waan ji’arraa (baatiirraa) yookaanis ammoo waggaarraa arganurraa waa xiqqaa hir’isnee, miidiyaa uummata keenya tajaajilu fi qabsoo keenya keessatti qooda guddaa gumaachu gargaaruun, yoo dhuguma fedhii fi kutannoon jiraate, waan hin danda’amneef sababni ni jira jedhee yaaduun na rakkisa. Biyya keessatti (Oromiyaa keessatti) uummatni keenya karaalee adda addaatiin wareegama kaffalaa jiru. Kuun bosonatti galanii; bilisummaa keenyaaf jedhanii lubbuu isaanii kan deebitee hin argamne dabarsanii kennuuf qabsaa’aa jiru. Kuun ammoo mirga keenyaaf jedhanii hidhamaa, dararamaa fi du’aa jiru.
Maarree, uummatni Oromoo kan biyya ambaa jiraatan; xinnaatullee kan nagaan bayanii galuu danda’an; xinnaatus baay’atus hojjetanii waa argachuu danda’an; bilisummaa hawwuu qofaa otuu hin taane, qabsoo kana keessatti akkamitti qooda keenya gumaachuu dandeenya jedhanii of gaafacuun maaliif rakkisaa ta’a? Yeroo murteessaa ta’e kana keessatti waliif mirmachuun maaliif dadhabama? Yeroo ammaa kanaa, yeroon raadiyooniin kun sababa maallaqaatiin cufamuuf dirqamu? Dhugaa dha, raadiyooniiwwan adda addaa kophaa kophaatti ijaaramanii heddoomaa dhufuun, yeroo tokko tokko akka salphaatti waan ilaalamuuf, dhimma kanaaf hubannoo kennuun nama rakkisuu danda’a ta’a. Hunduma isaaniituu bakkee adda addaatti gargaaruunis gaafii waan uumuuf, fedhii namootaa hir’isuu mala. Haa ta’u malee, hanga fedhii saba keenyaa guutanitti; hanga qabsoo kana keessatti gahee taphatanitti; heddoomuun miidiyaalee keenyaa badaa dha jedhee hin yaadu. Karaa biraatiin yoo ilaalamu garuu, hundi isaaniituu bakkee tokkotti dhufanii miidiyaa cimaa tokko kan uuman otuu ta’ee, kun karaa gargaaramuutiinis ta’e karaa hojiitiin bu’aa caalu fida jedheen amana.
Egaa, waa hundaa hubachuudhaan uummatni keenya, keessumaayuu warri biyya ambaa jiran, haa xinnaatu haa baay’atu hamma danda’amu gumaachuudhaan raadiyooniin SNR akka qilleensarra oolu taasisuun dirqama Oromummaa ti jedheen yaada. Kanaaf, alagaa fi diinni akka nutti hin kofalle, waan humni keenya hayyamuun raadiyoonii kana haa gargaarru. Yeroon ammaas yeroo raadiyooniin akkanaa cufamuu miti. Dhumarratti, carraa kanaan yaadan qabu tokkon dabarsuu barbaada. Yoo kan danda’amu ta’e, raadiyooleen gara gara faffaca’anii jiran hunduu bakkee tokkotti dhufanii miidiyaa cimaa tokko kan uuman yoo ta’e, gargaaramuufillee haala mijataatu uumamuu danda’a jedheen amana. Akkuma kanaan durallee dubbatamaa ture, otuu OMN jalatti caasaadhaan hammatamanii garuu walaba ta’anii sagantaa isaanii dhiyeessuu kana danda’an ta’ee, kunis filannoo (option) badaa waan ta’u nati hin fakkaatu. Qabeenya fi beekumsa walitti qindeessuun bu’aa caalu fida malee, bu’a-dhabeenyi isaa natti hin mul’atu.