Oduu Haaraya

DACHEE MAAL SIGOONE?

Yaa lafaa yaa dachee dandeessu hundumaa
gurraa kee as qabimee waa tokkon sitti himaa
kan garaa koo ture komii kumaatama
gaaffiikoo deebisnaan sittin araarama
sifaarsaa yeroo turee bookafaa qabanee
coomafaa murannee,
itittun unannee
waadaa hin nyaattu jennee hedduu si abdannee
har’a maaltu taanaan walirrati kaane?
Akkas jennee mitii kan sifaarsaa turree
waaqa sadagannee siin itti ansinee
dachee niitii waaqa jennee si waammannee
waa’ee iyyaa keenyaaf gurra qabda seenee
jaartii garaa margaa,irrikee midhaani
jallii kee bishaanii
Nutoo sintuffannee akka warraa kaanii
ati nuqaanessuunkee maaluma dhufnaanii?
Sirraa horree yaafnaa,
sirraa qonnee nyaannaa
sirraa buburaqnee gallaa
hundaa dandeessu koo beekaadhaf wallaalaa
gaaffii koo deebiisi diinaan wal ilaallaa!
Yaa lafaa dhaga’i dhimmaa sirra qaba
gaaffii tokko miti kumatamaan sirraa qabaa
sammuunkoo xaxamee essarraa jalqabaa?
Iyyus mankararuss eessaa abbaa koon dhaqaa?
Gaaffii hedduu keessaa kan garaa koo raasuu
gootota fixxee warreen ani faarsu
walirraati nyaatte hangafa quxusu
naandeebistuu taanaan gonkumaa sindhiisu!
Oliiqaa Diingiliin Abishee garbaafaa
Murattuu dolloofaa Hajii Adam Saadoo
Elemoo Qilxuufi Zawugaa Boji’aa
Daraartuu fi Kulaanii, Alamuu qixxeessaa
maaliif nuun deebistuu maal siigoone waan isaa?
Warreen Arfaan qalloo kan goodaa Harargee
Gaaroo kumsaa dhabe an kanaafan aaree
Musxafaa Harawwee meerre Haajii Roobalee
Ismaayyoo, Eebbisaa waan fuudhen wallaalee
yaa Lammeessaa Boruu Jireenyaa Ayyaanaa
badhaasaa Dilgaasaa mee kootaa siin eegnaa
Gootichi eessa jira H/Maariyaam Gammadaa
gumaa jarreen kanaa ani dacherraan barbaada
Jaagama Badhaanee Abdiisaa Aagaafaa
haayicha Oromoo Obboo Baaroo Tumsaa
obboleessa isaanii Q/Giddinaa Tumsaa
eessa keesse dachee Guddisaa Annisaa?
Warreen qaroo ta’an keessaa fiffilatte
hafuura dhokfsattee funaanttee fixxee
hayyoota koo hedduu dhooftee galaafattee
maaf na iyyisiistaa? Nanandeebistuu dachee?

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …