Oduu Haaraya

Dhagahaa Dhaamsa koo!! Ajaa’ibaa nama raasu!!

Dhagahaa Dhaamsa koo!! Ajaa’ibaa nama raasu!!

Yeroo namni Alamayyoo Atomsaa jedhee OPDO natti faras. Jara kaleessaa Dhigaa Ummata keenya Dhangalaasu! Mee maalumaaf maqaa Isaa natti kaasu! Summii maalitu ajjeessee Abaarsa Oromootu Gaggeesse yoo jechaa koo Nadhageessee! Yaa warri ABOf taatan miseensa, Kaayyoo baataniif jajjabeessaa, Galmaan gahuuf irbuu seentan kaleessa, Kanatu waan hundaafuu murteessaa.

Irbuu seentan yaadachaa Hojii qabsoo hojjachuuf dhaadachaa Beektoota keenyaan mala walgaafachaa Cunqursaa fi diinaa addunyaatti iyyachaa Iyyansa Sabaaf birmachuu Sana booda dalgachuu Maal gabrummaa baatani jiraachun?? Tokkummaa keenya jabeessa, Kanatu Bilisummaatti nu geessaa, Diinni nu fixaa jiraa biyya keessaa, Barataa barmootarraa ari’ee kunoo ni dhageessaa Haadhaa fi Abbaa walitti hidhee ajjeessaa Halkan guuree mana hidhaa geessaa, Kumaatamaan mana hidhaa ciisaa, Sibiila abiddaatiin guggubee qaamasaa bobeessaa, Kana ana miti miidi’aa addunyaatu odeessaa, Akkamiin calliftee teessa?

Lakki!! OPDO Wayyaaneen horiin si macheessee, Dhugaa sitti fakkeessee, Akka Goobanaa Daaccee Sabarratti si hammeessee Godaannisa hin badne fuutee Oromoorra keessee Hojii kee diiggaa seenaanis siif galmeessee Yakkamtoota seenaa ta’uu kee dhageessee? Oromoon si jibbee ofirraa si fageessee, Maqaa kee cufaa tarreedhaan galmeessee, Sabni maal si godhe? situ of balleessee. Yoom akka kee gosa yaammatu? Isaan sabaan dhaadatu, Kanaaf Oromootni bara-baraan yaadatu, Sabni cunqurfaamee Bilisummaa dhaadatu Qabsoon hamma galiisa gahutti tasumaa hin dhaabbatu, Kumaatama Oromootu itti hiriiruuf gaafatu.

Qabsaawaa fakkatee nu duraa balleessaa, Oromoo Lammii koo adaraa na dhageessaa? Naannummaa fi gandummaa of irraa fageessaa!! Jaallan keenya kanaaf hin kufnee kaleessa, Kanatu waan hundaa hadheessaa, Gantuu garaaf baatetu maqaa isaanii xureessaa, Sabni gabrummaa jala jiru maaliif kana gaggeessa??

Pooliisii Sumaalee balleessaa nu keessa!!!!!!!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …