Oduu Haaraya

Dhamasa warreen hirirra irra jirtaniif

1. Nama kamiinuu mirga dhuunfaa isaa hin tuqinaa.
2. Saba kamiinuu maqaa hin dhahinaa, harkaanis hin tuqinaa.
3. Qabeenya kamiinuu hin diiginaa, hin mancaasinaa.
4. Manni baankii ykn manni daldalaa akka hin saamamne tumsa godhaa.
5. Qawwee hin bitatinaa, yoo argattanis hin fudhatinaa.
5. Namni qawwee hidhatee ykn bitate uummata bal’aa irraa fagaatee waan beeku ha godhu.
6. Nama isin jidduu ijaajjee dhakaa darbatu ykn qawwee dhukaasu ofirraa dhorkaa.
7. Dhakaa hin darbatinaa, ulee namatti hin mirmirsinaa, hin dhahinaa
8. Sirbaa fi dhaadannoo miiraa namaa gara jeequmsaatti jijjiiru ofirraa dhiisaa.
9. Yoo dhaaba siyaasaa seeraan galamaaye bakka keessan dubbatu argattan malee jaarsummaa hin taa’inaa.
10. Haga danda’ametti qindoominaa fi dammaqinaan socho’aa. Sirbaa fiiguurra harka wal-qabatanii yaa’uutu irra caala.
11. Dhimma keessan akka hordofan nama muraasa filattanii biraa hin galinaa.
12. Biyyi guutuun bakka tokkotti walgahurra bakka adda addaatti hiriiruutu caala. Uuummatni aanaa tokko keessa jiru magaalaa tokkotti walgahuurra magaalota sadii ykn afur keessatti socho’utu humna diinaa dadhabsiisa.
13. Warra maatiin jalaa wareegame jabeessuun qaama qabsooti.
14. ‘Master Plan’ iin haqameera yoo jedhan illee hanga haqxi keenya guutummaan deebitutti hin galinaa.
15. Hacuuccaa daangaa hin qabne nurratti ijaarame yeroo isa dhumaatiif ofirraa kaasuun amma waan ga’eef wareegamni heddummatu booddeetti hin deebi’inaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …