Oduu Haaraya
kg

Dhiigaa fi Dafqa  Sabboontoota Oromootin Bu’aa siyaasaa Argachuuf Hololuun Of Gowwoomsuudha.

Baarentuu Gadaa Iarraa///

Ummanni Oromoo aadaa, seenaa, afaan  fi duudhaa isaa dhiigaa fi  dafqa
isaatiin tikfataa as gahe. Funduraafis dhiiguumaa fi dafqa isaatiin
tikfataa jiraata. Ni guddifatas.

Weertoonni  ummata  Oromoo  weeraranii  qayee isaarra jiraachaa
turanii fi jiran Waggoota 130n darbaniif aadaan, afaanseenaa fi
duudhaa  isaa  walumaa galatti  eenyummaan isaa balleessuuf  hedduu
carraaqan. Weeratoonni kun amma Wayyaanee har’aattis   toftaa  haa
jijjiratan malee duulli Oromoorratti taasisan hin dhaabbanne.   Aadaa,
seenaa, afaanii fi duudhaa walumaa galatti abbaa biyyummaa isaarratti
kalees har’as yakka raawwachaa jiru. Ummanni Oromoo biyya isaa
keessatti akka lammii lammaaffaatti  hacucamaa, biyya isaarratti mirga
wal qixummaa, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu dhabee
mankaraarfamaa jira.
Oromoon  saba guddaa, saba seenaa, aadaa, afaanii fi dhuudhaa
addunyaaf fakkeenya ta’u qabuu dha. Ummanni  aadaa bonsaa, sirna
waliin bulmaataa  baayyee ammayyoome kan akka  Sirna Gadaa qabu kun
guyyaa Habashoonni “Nafxanyoonni” qawwee warra lixaatirraa argataniin
itti duulaniirraa kaasee aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa isaa,
walumaa galatti biyya isaa weertootarraa  bilisa baasuuf, akka hin
bannee eeguuf wareegama ulfaataa safaramee hin dhumne baasee jira.
Baasaas jira.  Aadaa, aafaanii fi duudhaa  akkasumas  biyya isaaf
jecha wareegameera,  cabeera,  dararameera, itti salphifameera, biyyaa
itti godaansifameera. Walumaa galatti jiruu fi jireenyi isaa itti
dhabeera. Ilmaan isaa qaqqaalii danuun  itti  dhiiganiiru,  Ammalleen
eenyummaa isaa tikfachuu fi biyya isaa deeffachuuf  ilmaan isaa baddaa
gammoojjitti  wareegama gurguddaa kaffalaa jiru. Akka  dhiiga
isaanitiin  mirgi abbaa biyyummaa Oromoo milkaawus shakkiin hin jiru.
Akkuma eenyuyyuu quba qabutti  Habashoonni ilmaan nafaxanyootaa
kaleessaas  ta’ee Wayyaaneen har’aa  aadaa, afaan , seenaa fi duudhaa
Oromoof jaalalas at’e kabaja hin qaban.  Lafa Oromoo malee, qabeenya
Oromoo saamaa jiran malee aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa Oromoof
kabajaa fi jaalala hin qaban.  Kabajuu, Jaalachuu fi akka qabeenya
saboota  Impaayeera  sana keessa jiranii keessaa isa tokkootti
ilaaluun hafnaan akkuma  aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa saba
addunyaa kanarra jiru isa tokkoottuu fudhachuuf fedhii hin qaban. Waan
Oromoo Jibbaan guutamanii ilaalu. Aadaa fi duudhaa isaatii mitii
Oroomoodhumaawuu akka abbaa biyyaa biyya isaatti hin fudhatan.
Kanarraa ka’uunis barootaaf karaa walirraa hin cinneen Oromootti
duulanii  lafa isaa qoofa odoo hin taane, aadaa, seenaa, afaanii fi
duudhaa  isaa balleessuuf carraaqaniiru. Carraaqqii isaanii kana
milkeessuufis hayyoota Oromoo, Abbootii Gadaa, qabsaawoota Oromoo
hedduu hidhaniiru,ajjeesaniiru, dararaniiru.  Lafa safuu; Ardaa aadaa
fi duudhaa Oromoo  mancaasanii balleessuuf tattaaffii guddaa
taasisaniiru. Qaaluu Oromoo galma irratti diiguu fi gubuuniis
yakkoota seenaan hin daganne raawwataniiru.
Wayyaaneen har’aas  Abbaa Gadaa hidhaa, irreecharratti dhukaasa bantee
nama  ajjeesaa jirti. Ilmaan Oromoo qaroo guddina aadaa, seenaa fi
duudhaa saba Oromootif halakanii guyyaa hojjetan  kumoota hedduun
lakkaawwamanis hidhaa, ajjeesaa fi biyyaa godaansisaa jirti. Walumaa
galatti kalees har’as yakkoonni danuun aadaa, seenaa, afaanii fi
duudhaa Oromoorratti raawwachaa jiru malee wanti bu’uurrarraa fooyya’e
hin jiru.  Haata’uutii garuu wayyaanee har’aas ta’e weerartoonni
kaleessaa akka yaadanii fi barabaadanitti milkaawuu hin dandeenye.
Galanni gotota Oromoo dhiiga isaanii dhangalaasaa turanii fi jiraniif
haata’uutii eenyummaan Oromoon  guyyaarraa gara guyyaatti akka biiftuu
ganamaa calaqqisaa jira. Ummanni Oromoo qabsoo isaatiin aadaa,afaan,
seenaa fi duudhaa isaa guddifachaa jira.
Murni har’a impaayeera itiyoophiyaa  afaan qawweetiin bitaa jirtu tun
waggoota 25n darbaniif  yakka meeqa akka ummata Oromoos ta’ee  saboota
cunqurfamtoota kaanirratti raawwachaa turtee fi jirtu eenyu jalaawuu
dhokotaa miti.  Maqaa sabaa fi sabalammootaatiin siyaasa hattummaa
gaggeessaa jirtuun akka waan aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa
sabootaa ishiin deebifteetti hololataa turte. Hololataas jirti. Odoo
saboota mirga isaaniif qabsaawan keessumaa ammoo ilmaan Oromoo manneen
hidhaa keessatti kumootaan hiitee darartuu, ajjeeftuu fi biyyaa
godaansiftuu  anatu mirga keessan isinii kabachiise jechaa  turte,
jechaas jirti. Waggaa waggaaniis guyyaa 1 ergamtootaa fi gaaraaf
bultoota walitti qabdee, kaanis humnaan  hiriirsitee  sirbiisiisuun
akka waan mirgi sabootaa kabajameetti  irraa hololatti. Dhugaan
lafarra jiru garuu bara Wayyaanee  keessa sabni mirgi isaa kabajameef
hin jiru. kan aadaan, seenaa fi duudhaan isaa seeraa fi sirnaan akka
ofii beekuu fi barbaadutti deebi’eefis hin jiru.  Toftaa fi tarsiimoon
isaa gara gara  haata’u malee  kalees bara wayyaanee har’aas dhiittaa
mirgaa, hacuccaan aadaa fi seenaa, saamichi jiru tokkuma.    Keessumaa
ummanni Oromoo kalees har’as hacuccaa hanga hin qabne keessa
jiraachuun eenyufuu ifaadha.
Wayaaneen safuu, maal naan jedhanii hin beektu. Sobduudha,
fakkeesituudha. Gara jabeettidha.  Akkuma waggoota 25n darbaniif
dhimmoota gara garaarratti kijibaa fi fakkeessaa baate  ammas soba hin
fakkaanne sobaa jirti.  Kunoo “guyyaa sabaa fi sablammootaa” jechuun
hololli  gaggeessaa  turtee fi jirtu itti  hanqannaan tibba kana ammoo
waan itti hin dhiigiin waan itti hin dafqin qabattee abbaa itti
ta’uuf Oromoo sobuu fi sossoobuuf hololaa jirti.  Soba afarsaa jirti.
Garuu itti hin milkooftu.
Akkuma hunduu quba qabu  Sirni Gadaa Oromoo sirna waggoota dhibboota
hedduu lakkoofsise, sirna Oromoon addunyaa kanaaf gumaacheedha.  Eegaa
Sirna Gadaa, sirna akkanaa sirna dhiheenya kana qabsoo ilmaan
Oromootiin yuniskootti galamaawe wayyaaneen butattee kaatee hololaa
jirti.  Sirnichi  dhiigaa ilmaan Oromootiin tikfamee kan as gahe
ta’uun osoo beekamuu ishiin akka waan ofii uumtee, ofii kuniinsitee,
kakka’umsa ishiitiin yuniskootti galmeessiteetti holola irraa
tolfattee of faarsaa jirti.  Holola fokkisaa fudhatama hin qabne
gaggeessaa jirti. Dhugaan jiru garuu  gadaan kan galmee yuniskootti
galmaawe dhiigaa fi dafqa ilmaan Oromoo, ifaajjii hayyoota
Oromootinii.
Murni tun  afaaniin aadaa, seenaa, afaan fi duudhaa  akkasumas mirga
sabootaa  kabajee kabachiisaan jira jettus qabatamaan garuu takkaawuu
muldhatee hin beeku. Inumaawuu  dalgaan ishii martuu kan kanneen
duubatti harkisuudha.  Kan fakkeessiif hojiirra olanis  qabsoo ilmaan
sabootaa taasisaniin kan dhufe malee kan wayyaaneen jaalattee goote
ykn hojiirra olchitee miti. Yuniskootti  hambaa  ilma namaa addunyaa
kanaa ta’ee Galamaawuun  sirna Gadaa Oromootis bu’aa qabsoo Oromoo,
dhiiga gootoota kalee fi har’aa  malee kan wayyaanee Oromoo fixaa
jirtuun hojiirra oolee miti.
Hololli har’a wayyaaneen  Anatu gadaa yuniskootti galmeesise, anatuu
dimookiraasii isiniif fide, sirna kiyyatu  aadaa, seenaa, duudhaa fi
afaan ummattootaa deebiseenis waan fakkaatuu miti. Holola dharaa
akkasii bara kana keessa gaggeessuunis of gowwoomsoo yoo ta’e malee
bu’aan siyaasaa inni ishiif fidu hin jiru.
Oromoon  wayyaaneen diina innikaa aadaa, seenaa, afaan fi duudhaa isaa
akkasumas eenymmaa isaa ta’uu tolcheet beeka.  Diina isa balleessuuf
hojjechaa jirtu ta’uus  himtuu hin barbaadu. Waan  diinummaa wayyaanee
beekufis kunoo qabsoo waliraa hin cinne, FXG fi qabsoo roga maraa
irratti gaggeessaa jira.  Eenyu akka itti dhiigee, itti cabee Gadaa
asiin gahe waan  beekufis Holola bu’a hin qabne wayyaaneen anatu
yuniskootti galmeesisee jettuufis gurra hin qabu. Amma Guyyaan sabaa
fi sablammii inni dhugaa, abbaan biyyummaa, mirgi hiree ofii ofiin
murteeffachuu milkaawuttis qabsoo isaa kan itti fufu ta’uu dhugaan
har’a impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiru ifatti mirkaneessa. Kan
ta’uu qabus isuma kana.

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …