Oduu Haaraya

Dhimma OSA: Keessummaa Kabajaa fi Waraqaa Qorannoo dhiyeessuun waladda

Heenok Gabbisaa

Dubbii OSA: Keessummaa Kabajaa fi Waraqaa Qorannoo dhiyeessuun waladda!

Bara 2015 Pirezidaantii OSA ta’ee tajaajileen ture. Haqa armaan gadii seenaaf galmeessuun barbaachisaadha:

1. Pirezidaantiin OSA miseensa Boordiiti. Murtiin Boordiidhaan darbu kamuu filannoo caalmaadhaaan ragga’a. Pirezidaantiin filannoo irratti harka kaasuu hindanda’u; garuu falmii gageeffamu irratti yaada dhiyeessuu ni danda’a. Falmiidhaan Murtii Boordii influence gochuu ni danda’a jechuudha.

2. Pirezidaantiin namoota keynote speaker ta’an (keessummaa kabajaa) filuuf aangoo qaba. Akkasumas (venue) bakka korri waggaa fi giddugaleessa waggaa itti gaggeefamu murteessuu ni danda’a. Wayita murteessuu Boordii mariisisuu qaba. Kana jechuun, Boordiin murtii Pirezidaantii shaaruuf aangoo qaba jechuudha.

3. Namni tokko keynote speaker (keessummaa kabajaa) ta’ee yoo hinfilatamin garuu ammoo waraqaa qorannoo dhiyeessuuf murtii Boordii hinbarbaachisu.

4. Namni tokko Keessummaa kabajaa ta’ee filatamuuf ulaagaa cimaa darbuu qaba. Baratamni jiru (academic custom) akka garsiisutti, beekumsaa fi hubannoo mata duree kora waggaa san waliin kan walgitu irratti haasawa beekumsaa fi qorannoo irratti hundaa’e nama dhiyeessu ta’uu qaba. Nama kallattii agarsiisu ta’uu qaba.

Mata-dureen OSA bara kanaa waa’ee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu ilaala ture. Keessummaan kabajaa affeeramu nama dhimma kana irratti ummata Oromootiif ergaa dabarsu ta’uu qaba. Kana yoo hinta’in akka keessummaa kabajaatti affeeramuu hinqabu jechuudha.

Garuu ammoo akka nama kamuu dhiyaatee waraqaa qorannoo isaa dhiyeessuuf mirga ni qaba. Waamicha hinbarbaachisu. Eenyuu illee dhorkuu ykn ugguruu hindanda’u. Fakkeenyaaf, Abiy Ahmed iyyuu yoo barbaade waraqaa qorannoo dhiyeessuudhaaf eyyama Boordii isa hinfeesisu. Garuu keessummaa kabajaa ta’uuf ulaagaa cimaa isa feesisa.

Dimshaashumatti: waa lama adda haa baafannu. Keessummaa kabajaa (keynote speaker) fi waraqaa qorannoo dhiyeessuun waladda. Baqqalaa Garbaa waraqaa qorannoo dhiyeesse. Saniif murtii Boordii ykn affeeraa Boordii isa hinfeesisu.

Ani maaliif keessummaa kabajaa ta’ee hindhiyaatne namni jedhu yoo jiraate sun dhimma biroo natti fakkaata.

Kora OSA baranaa irraa namni waraqaa qorannoo akka hindhiyeessine Boordiidhaan dhorkatame ykn uggurame tokko illee hinjiru.

Note: Professor Ephrem Isaac akkuma nama kamii odeeffannoo waa’ee kora bara 2022 dhagayee ofiisaatiin dhufee hirmaate. Waraqaa qorannoo illee hindhiyeessine. Guyyaa lammeenuu taa’ee dhaggeefataa bahe. Namni kamuu OSA irratti hirmaachuuf eyyama ykn affeerraa hibarbaadu. OSAn Kan ummataa waan ta’eef!

Hubannoo ga’aa qabaachuuf dhugaa armaan olii hubatuun barbaachisaa natti fakkaata.

Xumura irratti, haalli Oromoon yeroo ammaan kana keessa jiru rakkisaadha. Walqoodiinsi umamaa jiru hegeree Oromootiif daran nama yaaddeessa.

Silaa saba haraca’e kana gara tokkotti luuccessuuf namoota nuti abdannee, itti amannee waggaa kurnan darbe waliin dhamahaa baanetu ammatti garuu yaadaan waljala dabarre. Nama gaddisiisa.

Oromiyaa waan jedhamu kana waliin qabna. Maatii fi ilmaan Oromootu guyyaa gara guyyaatti ajjeefamaa jira. Kaan daldalatee kaan ammoo ajjeeffamuun abadan hintaatu!!!! Kanaaf, jiruu fi jireenya Oromoo fi Oromiyaa irratti namootni muraasi qofti murteessuun barri darbe.

Kanaaf: waljibbiinsaan osoo hintaane; gandaan walqooduudhaan osoo hintaane, suutuma jechaa waa hubachuu nu feesisa!

Na-ofkachaa!

Henok Gabisa

Hagayya 2, 2022

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *