Oduu Haaraya

Umanni Oromoo garee waanyoo fii of tuultootaa jiddutti rakkachaa jira

Rakkoon amma mooraa Siyaasaa Oromoo jeeqaa jirtu waa lamarraa kaate. Karaa kiyyaan malee karaa keetiin tahuu hin qabdu jachuu, Kaayoo ofii bira dabranii kan garee birootti harkaa laachuudha. akkaan an arkaa jiruu fi hubadhutti ABO fi KFO dha. KFO keessaahiis maaliif akka tahe beekuu baadhuus kan irratti xiyyerfatamu Jawar qofa. Dubbiin tun ammoo waan murni Siyaasaa godhaa jiru malee dhimma Hawaasa bal’aatiimiti. amma deeggartoota keessa seentee jirti. dubbiin akkanaa gaafa deeggartoota murna Siyaasaa bira dabartee Hawaasa seente ni hammaattii beekhaa.

barruu jawaar

Falli gabaabaadha. tokkoffaa ABO’n ana malees Dhaabni Siyaasaa Oromoo kan biroo ni jiraa beekuu. beekuu qofa osoo hin tahin akkuma ABO’n deeggarsa guddaa Ummata Oromoo biraa qabutti, KFO’niis deeggarsa guddaa Oromoo biraa qabaachuu amanuudha. mirga akka tahees beekuun barbaachisaadha.

Lammaffaa KFO’n Dhaaba Kaayoo Siyaasaa mataa ofii qabu. Dhaaba Siyaasaa Oromoo kan biroorratti yaada kannuurraa of-qusachuu qaban. fakkeenyaaf Ummanni keenya kan Diyaasporaa waa’ee WBO irratti waa hedduu Jawar fi Obbo Baqqalaa gaafachaa turan. hubannoo dhabuurraa tahuu mala. garuu kun dogongora.

Waraanni Bilsummaa Oromootiis akkuma KFO’tti Dhaaba Kaayoo mataa ofii qabu. Jawar fi obbo Baqqalaan waan WBO deebisuu hin dandayan. Kan waa’ee WBO deebisuu dandayu hoggansa Dhaaba sanii qofa. Ummanni dogongora ykn hubannoo dhabuun gaafatullee yaada irratti kannuu osoo baatanii gaarii natti fakkaata. Sababni isaatiis namni keenya akka arkaa jirtan kanatti Diina caalaa ofiif wal-balaalefachaa jira. Qabsoon teenya hanga diinni nu miidhe daran madaa keessaa qabdi. Sadarkaa yoo walfaarsanillee wal-shakkanirra gayaa jirra. Kanaaf dhimma isa biraa achumatti yoo ja’an furmaata jedheetiin yaada.

Jamaal Ahmed

Check Also

menelik2

A call on the Oromo elites to promote Oromo Extermination Memorial Day

By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *