Dhimmi Finfinnee Dhimma Abbaabiyyummaa Oromooti | Bilisummaa Online
Oduu Haaraya

Dhimmi Finfinnee Dhimma Abbaabiyyummaa Oromooti

 

 

Berhanu Hundee

 

Waayeen Finfinnee yeroo baay’ee ka’aa turullee yeroo ammaa kanatti garuu addatti waan xiyyeeffannaa argate fakkaata. Dhimma kana laalchisee afaanfaajjiin adda addaas uumamaa jira. Keessumaayyuu humnootni bilisummaa fi abbaabiyyummaa Oromoo hin fudhanne dhimma Finfinneerratti waan danda’an hundaa godhuuf kutatanii waan ka’anis fakkaata. Mormiini humnootni kun Finfinnerratti qaban karaa adda addaatiin ibsamullee; sababoota gurguddoo ta’an akka fakkeenyaatti dhiyeessuuf:

 

  • Osoo beekanuu seenaa Finfinnee awwaaluudhaan, akka magaalaan tun kan warra Amaaraa taate godhanii ibsuu yaalu. Kana godhuun isaanii immoo dhugumatti haqa qabaatanii osoo hin taane, badii Minilik Oromoorratti raawwate sana fudhachuu diduufi. Finfinneen badii sana wajjin waan walqabatteef jechuu dha.

 

 

 

  • Finfinneen haadha ishii Oromiyaati yoo deebite, akka waan jiraattotni magaalaa tanaa kan Oromoo hin taane dhiibamanii achii bahanitti laalu. Oromoon sabaa fi sablammii biroo akka hin miine; uummata nagaa jaalatu fi alagaallee ofittiqabee jiraachisu akka ta’e osoo beekanuu, garuu shakkii fi sodaa qabanirraa kan madde dhimma Finfinneerratti cimsanii mormu.

 

 

 

  • Finfinneen wiirtuu aangoo fi jiddugaleessa qabsoo waan taateef, hunduu Finfinnee akka furtuu tarsiimoo siyaasaa fi diinagdeetti fudhatu. Humnootni abbaabiyummaa Oromoo hin fudhanne fi farra-Oromoo ta’an, magaalaa tana dhabuun Itoophiyaa dhabuu ta’a jedhanii waan yaadaniif ykn amananiif, Finfinneen gonkumaa akka Oromiyaa jala hin galle qabsoo hadhooftuu godhuu barbaadu.

 

 

Dhimma Finfinneetiin mormuuf sababaaleen fedhanillee dhiyaatan, Oromoodhaaf garuu jaalatamus jibbamus, amanamus amanamuu baatus  dhimmi Finfinnee dhimma Abbaabiyyummaa Oromoo ti. Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) kaayyoo isaa hangafa godhatee kan eegaleef abbaabiyyummaa Oromoo mirkaneessuuf waan ta’eef, handhuura Oromiyaa Finfinnee keessaa baasee gatuu ykn dhiisuu hin danda’u. Kanaafuu, dhimma Finfinneerratti gama Oromootiin haal-dureen takkallee fudhatamuu hin qabu. Finfinneen gara seenaatiinis ta’ee gara seeaatiin qaama Oromiyaa ti. Oromiyaan handhuura ishii ofkeessaa baastee jiraachuu hin dandeessu. Waan ta’eef Finfinneen haadha ishii jalatti deebi’uun dirqama ta’a.

Ani akkan yaadutti fi amanutti, durumaanuu faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu jedhamee lafa kaa’amuun sunuu dogongora ture. Faayidaa haati ykn abbaan ilmoorraa qabu maali?? Oromoon Finfinneerraa wanti qabu abbaabiyyummaa ti malee faayidaa addaa wanti jedhu hin jniru, jiraachuus hin qabu. Faayidaa addaa qabaachuu ykn argachuu kan qaban, jiraattota magaalaa Finfinnee, kan Oromoo hin taane dha. Akkana jechuun jiraattotni kun guutumaa guutuutti mirgoota adda addaa qabachuun dirqama ta’a. Faayidaa addaa isaan argachuu kan danda’an immoo dura Finfinnen bulchinsa Mootummaa Oromiyaa jala galtee; sana booda bulchinsa magaalaattii keessatti jiraattotni Oromoo hin taane akka lakkoofsa isaaniitti bakka bu’oota qabaachuu jechuu dha.

Dhumarratti, humni kamuu dhiichisus, bookkisus, dhaadatus, waan barbaade hundaa godhuuf kutatee ka’us, bilisummaa fi abbaabiyyummaan tolaan waan hin argamneef, Oromoon tokko ta’ee; tokkummaa fi humna isaa cimsee; karaa barbaachisaa ta’e hundaanuu ofqopheessee, dhimma Finfinnee kana xumur ittigodhuu qaba malee asii fi achi jechuun; haalduree nurratti godhamuu malu fudhachuun waanuma hin yaadamamnee dha. Oromoon aangoo argatee biyyattii tana bulchaa jira yeroo jedhamutti dhimma Finfinneerratti laafina agarsiisuun badii biraatti nu geessuu mala. Balaa nutti deemaa jiru alaalatti arguun barbaachisaa fi murteessaa dha. Oromoon finfinneerraa kan barbaadu faayidaa addaa osoo hin taane abbaabiyyummaa dha. Kun mirga Oromoo kan uumaa fi uumamaa ti. Dhugaan kun firaafis ta’ee diinaaf ifa ta’uu qaba.

 

Hanga walitti deebinutti nagaatti.

 

 

Check Also

hangaasaa ibraahim 20221023

“An xuuxxoo Wayyannee luuga/hodhaa hin guddanne”

Hangaasaa Ibraahim “Toophiyaa kheessatti wanni nagayaan baatee nagayaan galtu aduu qofa” Du’a sodaaf biyyaa hin …