Oduu Haaraya

Dhufaatii Obaamaa fi waan Obaamaan fidee dhufu

Obaamaan nama kabajamaa dha keessumaa warra lixaa biratti.Egaa obbo Obaamaanis qe’ee dhufnee isin ilaalla erga jedhanii dhaammatanii bubbulaniiru.Toole nutis koottaa anaa dhufu jennee simachuuf oliif gadi akka kaachaa jirru ollaanuu ni beeka,guguumgumees nu hamata,nuttis kolfa.
1. Waanuma fedheefuu yoo dhufeef maal fidee dhufaa?
2. Nutoo maalirraa eegnaa?
Gaaffii isa jalqabaa irraa yommuun ka’u Obaamaan akkuma beekamu yeroo jalqabaaf xiyyaara guddaa AIR FORCE ONEkan jedhamu keessa isaatii waan hundaa kan qabu.
Fakkeenyaaf xiyyaarri kun HIGH TECH OFFICE ykn biiroo teeknooloojawaa kan waan hundaan guutameef kan piresdaantichaa qofa kan ta’e qaba.Akkasumas mini hospital gaafan hospitaala xiqqaa jedhumoo gargaarsa baqaqsanii hodhuu kan gochuu danda’u jechuu dha,Xiyyaarri kun gara ijaarsa isaatti yoo deebine hanga gamoo abbaa darbii sadii gaha.Lafa namoonni eeggannoon godhamuufii kun jiran haala kamiinuu lafarras ta’e qilleensarratti scan gochuun argachuun hin danda’amu.Miisaayilaanis yaaluunis ta’e yaalanii argachuunis kolfa sareeti jedhu egaa xiyyaara kana warri hojjetatan.Yoo dubbiin diddeef immoo xiyyaara loltuu helikopteraa fi jeettiillee fe’ameefii kan balali’uu danda’u yommuu ta’u xiyyaarri kun walumaagalatti xiyyaarota kaanirraa kan adda isa godhu namoota barbaachisoo keessumaa Piresdaantii Ameerikaaf akka hojjetame barreeffamoonni tokko tokko ni ibsu.Egaa kun dhimma ijoo koo yoo ta’uu baatellee hamma beeknurraa yoo walitti himne gaarii ta’a,waan hin dhageenye wal dhageessifna walis barsiifna jedheeni.
Egaa kana malees Piresdaant Obaamaan yommuu socho’anitti eegdota mataa isaaniirraan kan hafe eegdonni biroon akka itti siquu hin dandeenyetu himama.Gama mataa isaatiin nama 70 akkasumas gareen balallii nama 25 hanga 26 akka isa duukaa balali’uu danda’an.
Gaaffii lammaaffaatti haa deebinu nutoo maal irraa eegna dhufaatii isaa kanarra?
a. Bilisummaan uummataa akka hin jirre akka hubatu
b. Sagalee uummata miidhamaa kana akka dhagahu
c. Akkasumas hiriira nagaa kan amantaa fi sabaan wal hin qoodne kan sirna qabeessaan gaggeeffamu ijaan argee akka hubatu
d. Filannoon keenya baranaa taajjabbii keessan malee gaggeeffame harka dhibbarraa dhibba jedhame kun soba ta’uusaa nuuf hubadhuu jechuu
e. Uummata magaalaa Finfinnee fi naannoo isheetii kaafame fedha isaatiin alatti lafti jalatti bitamee gurguramaa akka jiruuf uummatni rakkoo keessa akka jiru hubachiisuu
f. Keessumaa uumatni Oromoo sochii barana godhee garuu abbaa mo’ichaa otoo hin ta’iin hafee fi diimokiraasiin biyya kana keessa jiru kan fuuldurri cidhaa fi kan duubni hidhaa ta’uusaa seeran beeksifachuun fala tokkon jedha
Dhuma irratti dhaamsi ani qabu Obaamaan Xiyyaara addaa fiddee dhuftee Boolee yoo dhaabde unuuf hiika hin qabu garuu diimokiraasii biyya keessanii sanarraa yoo heelikopteraa fi jeettota keen fiddee dhuftee altakkaa biyyattiirra akka nama qoricha aramaa raabsuutti irra nuuf firfirsite garuu nu fayyadan jedha!
Yoo dhufeef anaa dhufuu
Yoo hafeef immoo turtii gaarii isaaf haa ta’u man’ee isaa itti haa ho’isun jedha!
nagaan nuuf jiraadhaa!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …