Oduu Haaraya

Dhageessanii?? Aaga Dhaga’aa!!!

Seenaa Abdissa

Aartiistota Ciccimoo fi babbeekamoo ta’an hedduu of keessatti hammachuu dhaan Sadarkaa Aartiin uummata Oromoo irra ga’e jiru agarsiisuuf kan Jedhu Diraamaan “Dambalii” qophii isaa xumuruu dhaan Diilbata fuuldura keenya jiru jechuunis Waxabajjii 28,2015 sa’a 7:30(Local time) irraa jalqabee Gamoo guddicha uummanni Oromoo waan qabu walitti buusee Finfinnee keessatti Ijaarrate “Gamoo Giddu Gala Aadaa Oromoo” keessatti Haala Ajaayibsiisaa ta’een Eebbisiisuuf Qopheessitoonnii fi Qindeessitoonni Diraamaa Dambalii qophii isaanii xumuranii jiru.Kanaafis uummanni Oromoo hundi Guyyaa Jedhame kana sa’a jedhametti Argamuu dhaan Ofiis Bashannanaa Aartiin keenyas sadarkaa kamirra akka ga’ee jiru Ragaa akka baatan kabajaan isin Afeerra!!

Tikkeettii Galumsaaf isin gargaaru kanneen Finfinnee jirtan Piyaassaa Gamoo Iliyaanaa Darbii Sadaffaa Mana Huccuu Aadaa Yeshii(Feeneet) biraa kan argachuu dandeessan yoo ta’u kanneen naannoo Adaamaatti argamtan Naannoo Firaankoo Gamoo MohaammadNur irra dhufuu dhaan ana biraa fudhachuu ni dandeessu.

Gatiin ykn Kaffaltiin Galumsaa tola yommuu ta’u qopheessitoonni qophii kanaa isin dhuftanii Aartiin keenya akka Guddatuuf nu jajjabeessuu keessaniif isiniif kaffalamuu qaba malee nuuf Gatiin ykn Kaffaltiin baastan tokko illee hin jiru jedhu qopheessitoonni qophichaa!!

Xaxee nu gaadi’ee utuu qabnuu kaayyoo
Har’a haalli yeroo nu fakkeessus Laayyoo
garuu laayyoo miti nuun saba Jaboo dhaa
Warra Tumaa Gadaan Addunyaan kun beektu Ilmaan Oromoo dha!
Aartiin keenya hin banne isa badus miti
Dhalootaan Dagaagdee Dhalootatti ceeti.
Nutis ga’ee keenya ba’uu dhaaf Sochoonee
Aartii keenya Guddisuuf Dambalii dhaan as baane.
Gumaata Guuttannee isin eegaa jirraa
Lammiin keenya marti hin Hafinaa Nurraa!!!

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …