Oduu Haaraya

Dr. Mararaa Guddinaa: Hidhaa fi Ajjeechaan Furmaata Hin Ta’u, Qabsoo Uummataas Boodatti Hin Deebisu

“Maaster Pilaaniin Finfinnee akka waan hin raggaasisamiinitti aangawoonni mootummaa dubbatan iyyuu karaa adda addaa hojii irra oolfamaa jira. Labsiin fooyyaa’ina bulchiinsa magaalaalee Oromiyaa Caffee Oromiyaatiin bahes harka lafa jalaatiin karooricha hojii irra oolchuuf kan hojjetame” ka mormii isaa dhageessisaa ture, Koongiresiin Federaalawa Oromoo, hiriirawwan mormii walakkeessa baatii Sadaasaa tii jalqabee guutummaa Oromiyaa keessaatti geggeessamaa jiru irratti lakkoobsi namoota ajjeesamanii dhibba tokko caalee jira, jedha.

Hoogganoonni paartichaa dhibba keessaa harka shantama ta’an akka hidhamanii jiran ka dubbatan, dura-taa’aan paartichaa, Dr. Mararaa Guddinaa, “mormitoota qabsoo karaa nagaatti bobba’anii jiran guuranii hidhuun furmaata ta’uu hin danda’u. Hoogganoonni keenya hidhamuun dhaaba keenya irratti miidhaa qaba. Garuu, kun qabsoo karaa nagaa irraa boodatti nu hin deebisu. Uummatni keenya kaka’umsa mataa isaatiin mirga ofii falmachuu jalqabe immoo, nuti hidhamnes dhiisnes boodatti hin deebi’u.” jedhu.

Gaaffii fi deebii Dr. Mararaa Guddinaa waliin geggeessame guutummaa isaa dhaggeeffadhaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …