Oduu Haaraya

Namoota hubannoo siyaasaa gahaa hin qabneef, wantoota ifa ta’uufii qaban jedhee yaadu keessaa: Hiriira bahuun nu bilisoomsuu danda’aa?

“SHARE” godhaa
Tarsiimoon, barnoonni bilisummaa booda (BBB) jettu qabsoo keenyaaf barbaachisaa?

Gaggabaabsee gaafiilee lamaan kana hiikuu barbaada. Akka barruulee warra dhimma qabsoo karaa nagaa (Nonviolent Struggle) qoratan dubbisee irraa hubadhetti, qabsoo karaa nagaa keessatti, tarsiimoon beekkamoo ta’an kan akka hiriira bahuu, gibara kafaluu diduu, magaalaa gabroomfattootaa laamshessuuf lagachuu fi kkf haa jiraatan malee, tarsiimoon dhaabbataan biyya hunda ykn saba cunqurfame hundaaf dalaga jedhamu hin jiru. Tarsiimoon cimaa kan baafachuun danda’amu, amala mootummaa gabroomfataa baruun akkasumas haala keessa jiran hubachuun, tarsiimoo hanga danda’ametti ummata cunqurfame hin miine baafachuun sochii qabsoo karaa nagayaa taasisuun gaarii. Dursanii maaliif qabsoofnaa? Maalirratti qabsoofnaa? Haala kamiin qabsoofna? Miidhaan maali? Bu’aan isaa maali? jedhanii hubachuun, kutatanii qabsootti seenuuf nama gargaara.
Humni guddaan Wayyaaneen ummata ittiin gabroomsaa turte, humna waraanaa caala tooftaa ‘qoqqoodanii bulchuu’ (devide and rule) fayyadamuudhaani. Humna waraana isii kan utubee qabe tooftaa kana. Murni xiqqaan kun osoo ummata addaan qoqqoodee bulchuu baatee humna waraana guddaa qabaachuu hin danda’u; akkasumas biyya guddoo tana dhiisii naannoo tokko bulchuu hin danda’u. Kanaafuu, tooftaa qoqqooduu kanatti fayyadamee, maatii irraa eegalee hanga sadarkaa ministeeraatti akka ummanni afaan tokko hin taane godhee, humnuma ummataatiin ummata gabroomfataa jira. Haala wanti tokko itti ijaarame yoo beekan, diiguun salphaadha. Dura tooftaa isaa kana, gadi fageenyaan ummata hubachiisuun hedduu barbaachisaadha.

Qabsoo karaa nagayaa kanaan fiixa/galma gahuu ni dandeenyaa? Akka hubannoo kiyyatti, tarsiimoo itti dhimma baanutu murteessaa. Fkf, hiriira bahanii mormii garsiisuudhaan sadarkaa addunyaatti, mootummaa gabroomfataa saaxila baasanii, diplomaasiin moo’achuun ni danda’ama. Haa ta’uu garuu, yoo galmi qabsoofnuuf mootummaa kana ofirraa buusuu tahe, jarri gargaarsa faa yoo dhoorgatte malee, nurraa waan buusan hin se’u. Sababa kanaaf hiddi ciramuu qabu biyya keessa jiraachuu hubachuun barbaachisaa. Mootummaa kana ofirraa buusuuf, laamshessuu/jalaa hiddi isaa nyaatamuu qaba. Kana godhuun kan danda’amu:

1) Ba’aa humna isaa laamshessitu/laaffistu irra kaa’uu
Hiriira bahuun, mootummaarratti hojii dabala. Ummata hiriira bahu kana too’achuudhaaf, baasii guddaa baasee humna waraanaa ramada. Nyaataaf, geejjibaaf fi kkf baasii guddaa baasa. Fakkeenyaaf osoo Oromoon walii galee godinaalee fi aanaalee jiru hunda keessatti hiriira godhee, Wayyaaneen too’achuu dhiisii guyyaa san baqattee akka yaatu ani shakkii hin qabu. Maaliif yoo jetta, akkuma durarratti kaase humni isii guddaan tooftaa qoqqooddee bulchuuti; sun harkaa fashallaan waraannis harkaa baha. Kun akka ta’uuf Oromoon hundi bu’aa hiriira bahuun qabu, walhubachiisuun barbaachisaa; waan itti amanan godhuun namaaf salphata waan ta’eef.

2) Qabeenya saamaa jiran, harkaa fashaleessuu
Asirratti tarsiimoo hiriira bahuu kanatti dhimma bahuun barbaachisaadha. Hiriira yeroo baanu, carraa ummanni wal arguufii waldhaga’uu akkasumas gurmuu walii ta’u waan ta’eef, yoo barbaadan gaara jigsuunis isaaniif salphaadha. Fkf, Alaamuddiin baajata humna waraanaa kennee, wayyaanee gara Gujiitti bobbaase. Maallaqni sun warqii Gujii keessaa qote. Sababa kanaaf, carraan yoo jiraate, dhaadannoo qofa dhageessisuu osoo hin taane, maashinootaa fi haala inni warqii qotuuf mijeeffate san hunda jalaa barbadeessuun irra bu’aa qaba. Waan san deebisee dhaabuuf baajata guddaa isa barbaachisa akkasumas shakkiin ammas deebisanii barbadeessan jettu waan itti uumuuf, itti deebi’uu dhabuu danda’a.

Tarsiimoolee qabsoo amma deemaa jirtu keessatti fayyadaman tan miidhaa qabdi jedhee ani yaadu, tarsiimoo barnootni bilisummaan booda (BBB) jettuudha. Miidhaa isiin qabdu keessaa:

1) Mootummaan gabroomfataan tokko akka ummanni walitti dhufu hin fedhu. Sababni isaa, ummanni walitti dhufe, odeeffannoo walii dabarsa, wal mar’ata, mala dhawa. Yeroo hedduu qabsoon barattootaan dursuun isaa sababni tokko kana. BBB jennee barnoota dhiisuun, waan mootummaan gabroomfataan barbaadu godhuudha.

2) Mootummaan gabroomfataan ummata gadi qabuuf baaja kamiiyyuu argannaan itti dhimma baha. BBB jennee barnoota yoo dhiifne, baajata barattootaaf baasu san ganda keessaa deemee barattoota adamsuuf itti dhimma baha. Kanaaf, tarsiimoon BBB jettu, amala mootummaa kanaafi haala keess jirru waliin waan deemu natti hin fakkaatu.

[ Ferhan Abdulselam | Gurraandhala 11, 2016]

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *