Oduu Haaraya

Dr.Milkeessaan buutame jira!

Oduu Ammee!
“Giriggirri keessa budeen nacciin shan bade” jedhani!Giriggirri dhibee Koronaa vaayiraasii sababeeffachuun Mootummaan bilxiginaa fi harcaattootni sirnaa naafteenyaa koronaa vaayiraasiitti aantee adamoo beektoota ukkaamsuu eegaltee jirti waan ta’eef beektotni mana keessanii akka hinbaane ofeeggannoo cima godha! Booda gaafa barri darbee akka dukkaanna’eetti hin hafu maaliif hitanii jedhanii qaamni gaafatan yoo argame mana ta’aa jedhanan waan didaanii bakkee keessa waan deemaniif dhibee koronaa vaayiraasii qabachuu fi dhabuu isaanii addaa baafachuu koree taaskii foorsii dhibee koronaa Vaayiraasiif ittisuuf dhaabbatetu qabee bakka ‘magagamiyaa’ yeroof qophaa’ee geesse malee nutti waan beeknu hinqabnu isiin jechuun isaanii hinhafu!
Dr.Milkeessaan buutame jira, Dr.Darajjeee immoo buutuf barbaadaa jiraachuun oduun gola bilxiginaa keessa miliqxee baatee jirti.
Garaagarummaan mootummaa bilxiginaa fi koronaa vaayiraasii gidduu jiru sabummaan addaan baasanii miidhuu qofadha malee jarri lachuu tokkummaa!
Kanaaf, yeroo ammaa dacheen oromiyaa fi uummaatni oromoo koronaa harcaattoota sirnaa naafteenyaan ijaarame mootummaa bilxiginaa fi koronaa dhukkubbaa waliin waraanatti seenee keessummeessaa jira jechuun nidanda’ama.
Kaadireen bilxiginaa maraatee nama uuffata itti deebisuu dhabdee dhiroo maalwaaya?

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …