Oduu Haaraya

DUBBADHU FINFINNEE!

DUBBADHU FINFINNEE!
 
Dubbadhu Finfinnee maaliif nu calliftaa?
Ati tan eenyuuti sodaa maaliif ustaa?
Dubbadhu har’aa yeroon ati dubbattuu
Baaqaa fi callaa kan adda nuuf baaftu
Sagalee olfuudhi callisuun hin taatuu.
Gafarsaaf Qabbannaa,Aqaaqiif Gullallee
Kolfeef Kotobee,Birbirsaaf Boolee
Warri habashootaa sirratti wal-lolee
Dubbadhu yaa Shaggar callisuun hin mallee.
Yaa lafa seenaa haadhoo too yaa tiruu
Diinni maalumaaf sitti wal jijjiiruu?
Hanga yoom obsita,maaf callifte garuu?
Yaa lafa seenaa tan Maccaa –Tuulamaa
Habashoonni maaliif lafa tantee saamaa?
Dhiiroo dubbadhu mee yeroon tantee ammaa.
“Ani tan Oromooti!” jedhii mee dubbadhu
Gootoota kee jaboo kalee san yaadadhu
Lammiin-tee si yaamtii mee jalaa owwaadhu
Amma booda gahee mataa ol qabadhu.
Warri kaabaa garayyuun si marsee
Adda si kitifee lammii-tee facaasee
Jarri naasuun qabne bar sitti roorrisee
Garuu maa callifte? Akkamiin dandeessee?
Nafxanyaan kaleessa waan meeqa si gootee
Odaa yaa’aa Gullallee;siidatti geeddartee
Seexaana gurraacha lafakeerra goote
Eegaa gaaf-sanillee hacuuccaaf calliftee
Har’a hoo maal tahuuf afaan kee qabattee?
Isaantu sit-dhufee ati ittin dheeynee
Koottaa jettees bar waa hin waammannee
Si keessat quufanii warri galatan hin beeyne,
Duuba maaf si miidhu,dubbadhu Finfinnee.
Jaarraa tokkoon dura alagoonni hin turree
Jarri ergasumaa si keessat wal guuree
Addaan si mogolee bakka meeqatti ciree
Maqaa kiristinnaan kan duraa jijjiiree
Akka fedhasaanii fuudhuun waliif hire.
Jarattiin of-qolli way sittti hambisanii
Maqaa kee dhiisanii ofiin moggaasanii
Afaan kee dhooysanii dursan kan isaanii
Tan ofii mul’isuun Aadaa-tee ukkaamsanii
Si dhabamsiisuu-dha jarri kan hedanii
Mormii mee falmadhu laaftuttin laalinii.
Dubbadhu Finfinnee nu jalaa hin didinii.
Dubbadhu akkas jedhii sabni si dhagayaa,
“An tan Oromooti,ilmaan Oromiyaa
Gabrummaan kaleessaa asirrat naaf gaya”
Akkas jedhii kunoo mirga keef falmadhu!
Si dhabamsiisuufii, Finfinnee dubbadhu!
_________________________

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …