Oduu Haaraya

EE BARA SAN !!

dubbadhu bara san
bara dukkani ardi hamaate
jaldeesi mukaa nu bate
guyyaa mali wolalame
wolaaltun nu mote
bara dhiigni dhiigati dhahe
bineensa mala male
yeroo wolaali hamaate
doofan beekaa dhaale
bara adun dhiigaa marate
lafti dukkanaan olte
yeroo raamoo raaretin gadite
dhiigaa jigeef nuuf botee
dhiigni lafa yaa’ee akka hori kitamaa
ruutun waa hin beekne lola qulqullun hima ?
bara dhaltin haadha dhabe
gale mar’ate o’ee
gaafa kormi abbaf gadde
qe’ee boraate bo’ee
bara allatin sami balalite
hammeenya nama tajabde
bara bineensi hin yaadne
ilma namatiif gadde
bara alaa aloon teenya
rifatudhaan lubbuu dhabde
gaafa ardiif samin gadda nuuf lallabe
bara hayyuun oromo waan malu dhabe
guyyaa uumaaf umaamni gocha milinikiti aaree
qurcaayi qurciin du’i jedhe waaqni isaa abaaree
ee baran san !!
jete naan hin jedhin
namuu hiixiix jedhe
ee araaroo ee araaroo
hiixiixin waa hin olchinee
araaroon waa hin galchine
araatan raasaa dhufe
araara nu bufnee
hin galaaf baheee
akka baheen hafee
kam dubbadhe dhiisa
maal nuu hambifate FAFEEN .
tuni nuufu fafaa dhiigaa nu jigsani dhaadatu
akka waan dansaa dalagani dedebisani dubbatuu
sii magan bara san

 

qopheessan SIKKOO MANDOO

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …