Oduu Haaraya

Eid Mubarak! !

Kan baranaa kan hegeree!!!

Addi Bilisummaa Oromiyaa (ABO) dhaamsa baga geessan/geenye Ummata islamaa addunyaa guutiifi ummata Oromiyaa fi Saba Oromoo kan gidiraa hamtuu eenyummafi amantii isaaf mana hidhaa fi biyyaa arihamee dhihana bineensaa tahaa jiru akkasuma Loltuu Bilisummaa Oromiyaa (LBO) baga geeysan. Dhaamsa baga geessanii yoo dabarsu ABOn Hegeree gabrummaa jalaa qabsoon baanee bilisummaa badhaadhnu abdii Rabbiitiin dabarsa.

Wayyaaneen umrii gabrummaa isaa dheerefachuuf jecha ummata islaamaa irratti ajjeechaa, hidhaa, biyyaa arihuufi salphisu barootan as dhihoo, keessattuu bara 3n darbe kana dachaa godhachuun diinummaa isa kan dhoysaan mana hidhaafi mooraa waraana isaa keessati halkan raawatu dirree bahaan gaggeessuu ifatti kan muldhise kofaleen iddoo guyyaa adii agaziin rasaasaan ummata masjida bahu fixe ragaa dhihoodha. Gabroomsaan arraa fi kan kalees gochi gidiraa hordoftoota amanti takkaaf gamaa tahee hordooftoota amantii Islaamaa fi kan biraas duguuguuf karoora jabaa kan qaban akkasuma hujii irraa oolcha turaniis akeekni isanii hin milkoofne. Tooftaan guddoon inni dhimma itti bahaa turee fi jiruus afanfaajessa ummata amantii adda addaa hordofan jiddutti wal dhabbii uumee lola amantii fakkeessuun gamtakka goree dhiiga ummataa dhagaalasuu wal dhangaalasisuu akeeka hundee godhate deema jira. Sabni Oromo fi ummatoonni Oromiyaa garuu ummata garaagarummaa qabuun adda addummaa amantii isaas waliif kabajee jiraate kan ammas jiraacha jiru miidhagina kana booreysuuf toofta haaraya Wayyaane kana akka fashalsu abdii qaba. Sabni Oromoo biyya isaa Oromiyaa bilisa keessatti kabajaa fi jaalalaan ummata Oromiyaa waliin badhaadha bilisummaa fi mirga namooma fi amantii akkasuma bilisummaa hunda olloota Oromiyaa waliin itti jiraatu tan gabrummaa dura ifii isaa fi Sabaa fi Sablamilee waliin qabaacha ture san deefachuuf qabsoon Oromoo tahuu hubachuun wal dhabbii diinni Saba Oromoo, Sabaa fi Sablammii Oromiyaa jiddutti amantiin, gosaan akkasuma qubsumaan uumu waloon akka dura dhaabatamu jabeesinee dhaamna.

Humnoonni gabroomsaa kan afaan qawween dhufee, afaan qawween jiraachaa jiru gaafii bilisummaa amantii tan bilisummaa dhala namaa keessa hundee taate ukkaamsuuf shoorarkesitoota jechun faalaa jirchuun mallattoo yakkii gidhate jira. gaafi bilisummaa amantii fi mirga namooma xureeysuuf, akkasuma warreen sadarkaa adunyaatti shoorkeesitoita irratti duulla jedhu irraa horii butachaa gabrummaa isaa dheereysaa jiraachuun amala gabroomfatota hundaati. Kuni ammoo falmaa bilisummaa akka fiixa baatu shaffisa malee hin hanqisu. Addi Bilisummaa Oromiyaa (ABO) xureeysa gabroomsaan qabsoo bilisummaa dibu kana bilisummaan qulqulleessuuf murtii keessa deebi hin qabneen qabsotti jira. gabrummaa bara hedduu irra, bilisummaa guyyaa tokkoo filachuun ummanni Oromo fi Sabaa Sablammoonni Oromiyaa akka qabsoo bilisummaa finiinsu dhawaaqaan yaamna.

Gaafiin mirga namooma fi amantiis kan kabajamu biyya bilisa taate bilisummaan isii iggitii qabaatte qofa keessatti waan taateef hidhaa fi ajjeechaan, biyyaa ariyamuu fi salphachuun kan hafu guyyaa bilisummaan qabsoon firii baafte qofa. hiddaan gabroomsaa san buqqisuuf falmaa cimtuu godhuun fala maayyiti.
Falmaan bilisummaaf karaa nagayaa godhamaa jirtu itti fufuu qaba. kuni dirmachuu lammii oromiyaa fi hawwitoota bilisummaa hundatti dirqama taha jennee amanna. Qabsaawonni Oromiyaa bilisa baasuuf carraaqan luucayyinsa qabaachuun humna qabsoo irroomsa waan taheef dirmachuu qabsoon barbaaddu yoomuu caala fardi tahuu akeekna.

Oromiyaan Ni Bilisoomti !!!

KHR ABO

F 10/04/2014

Email: aboromiyaa@gmail.com

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …