Oduu Haaraya

Ergaa gabaabaa ummata Oromoo irraa dhalatanii ilmaan Oromoo diinaaf dabarsaa keena jiraniif

Kiyyaa Gonfa | Onkololessa 25, 2013

Yeroo amma kana ummanii Oromoo mirga ofii kabajsiisuuf akkasuumas biliisuumaa isaa gonfachuuf qabsoo gaggeefamaa jiruu keessaa warregama guddaa isa kafalchiisaa jiraa. Qabsoo kana keessatti Qeerroon, maangudoo fi shamarran osso hin jeedhiin huundinuu saggalee tokkoon kaayyoo tokkoof haarka wal-qabachuun biliisuumaa haawwaa jiran goonfachuuf hiidhamuu irraa kaassee haanga luubbuu isaanii darbuutti of dabarsanii keenaa jiruu. Kaayyoo kanaaf jeecha Oromooni kumaatamaan lakkaawaman mana hiidhaatti dukkana keessa rebbamaa jiruu darbees ajjeefamaa jiruu.

Qabsoon Oromoo qabsoo ummataatti, qabsoo mirgaatti, qabsoo biliisumaatti. qabsoo kana keessatti immoo Oromoon hunduu qoda fuudhachu qabaa. Haata`uutti lammiiwwan Oromoo takkoo takkoo faayyidaaf jeecha, garaa isaanii guuttachuuf jeecha ummata ofii dabarsanii diinaaf keenaa jiran huunduu badii dhifama hin qabnee ummata ofii irratti raawwachaa akka jiran beekamaa dha. Motuumaan TPLF diina Oromoo tahuun isaa dhifatti nii beekkamaa, haata`uutti TPLF caalla yeroo amma saba ofii midhaa kan jiran OROMOO ta`aani ummata keessaa deema ummata qulqulluu fiixaa fiiccisiisaa kan jiran namoota garaa isaaniif buullani dha. Diina kee diina tahuu isaa bartee off egdaa sabnii ofii qooree dhooqqee keessa tahee yeroo lamii ofii waraanu guddaa nama gaddiisiissaa.

Keessumayuu saba Oromoof kan dhaabbatan fakkaatanii ummata dhiiga boosisaa kan jiran miseensooni OPDO waggoota digdamaaf laftii Oromoo yeroo saamamuu, qoote buulaan Oromoo lafa(Qabeenya) isaa irraa arri`amee kadhaaf yeroo saaxxilamuu, akkasuumas boossonii naannoo Oromiiyyaa irraa jiruu diinaan yeroo guubatuu fi lafaraa baduu akka Oromoo tokkootti dirqama isaan irraa egamuu bahuu mannaa, badii seenaan hin-iraafanee hojjachaa as gahaani jiruu.

Yeroo amma Oromooni mana hiidhaa adda addaa keessa argaman (keessumayuu baratooni univarsiitti) baayyeen isaanii lammiidhuuma ofiin dabarfamanii kan keenamani dha. Qabsoon ummata Oromoo yeroo gabaabaa keessatti gara injjiiffanoo fi biliisuummaatti jijjiiramuun isaa kan hinafnee tahuu isaa namnii kammiyyuu huubachuu qabaa. Injjiiffannoon ykn biliisuumaan kan argamuu immoo qabeenya ummata saammachuun osso hin ta`iin warreeggama guddaa kaffalamee ta`uu isaa ifa dha. Kana immoo haarra ummata ofii warii midhaa jiran miseensonii DH.D.U.O huubachuu qabuu. Calqabuumaan dhaabnii DH.D.U.O dhaaba gabruumaa jala kan jiruu dha, kana jeechaan miiseensooni dhaaba kanaa tokkoo tokkoon isaanii gabruumaa jala jiruu jeecha dha. Oromuummaan yakka ta`ee ykn ammo gaaffiin mirga oromuummaa waliin wal-qabatu yakka ta`ee yeroo lakkaawwamuu, Barattooni mana barnootaa fi bakkeewwan hojii irraa sababa tokkoo malee ABO jedhamanii yeroo hidhaman, akka saba Oromoo tokkootti booru dabareen kan keenyaa tahuu danda`aa jeedhanii yaadu isaan irraa jiraa turee. Maaliif jeene yoo of gaafanees mootumaan TPLF wara isa tajaajilaniifis akka hin taane ilaalaa waan jirruuf. Kanaan duura lammii ofii dabarsaa keenaa kan tuuran hoogganooni DH.D.U.O haarra essa akka jiran huundumtu keenyaa nii beeknaa. Alagaan yoomiyuu taanan alagaa dha. Ummata ofii diinaaf dabarsanii keenu irraa saba ofii waliin hirriiranii mirga sarbamnee deebisiissuuf soocho`uu akkasuumas biliisumaaf qabsaa`uudhaan ummata keessaniif seenaa badii osso hin ta`iin seena jagnuumaa seena hiniiraafatamnee hojjachuun dirqama lammuummaa keessan bahuu isiin irra jiraa.

Ergaa kana dabarsuuf bareefama dheeraa bareesuun barbaachisaa mitti. Kanaan duurras yeroo addaa addaa namooni Oromoo ta`aanii badii ummata Oromoo irraa raawwachaa jiraniif beekaas ta`ee osso hin beekin goocha isaan raawwacha jiran irraa akka of quusatan sana darbeesi qabsoo keessa hirmaachuun dirqama lammuumaa akka ba`aan bareefamaanis ta`ee karaa addaa addaa ergaan isaaniif darbaa tuure. Kanaaf bareefama (ergaa)xiqqoo kana duubbisuun of jijjiiruun ni danda`aama. Dhummaratiis ergamtoota diinaa osso hin ta`iin ergamtoota ummata keessan taatanii seena hindarbiine akka hojjatan abdii qabnaa.

Injjiifanoo Ummata Oromoof!!

Kiyyaa Gonfaa

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …