Oduu Haaraya

Ergaa

Waraabessi olla hin tuquu
Garuu yo beelawe agabu hin buluu
Caccabseeti nyaata lafe hin hanbisuu
Namni olla isaa halkan ciise hin rafuu
Hedduu ni yaaddawaa nagaya hinqabuu
Maqaan koo saroobbatee bulaa
Duraan natti fakkaatte Namaa
Ammaan si bare ati waraabessaa
Nyaatte hin quuftu haadha garaa
Maallaqa maallaqa jettee na darartaa
Hanga yoomiin siif guura doolaaraa
Kaniin dur siif guure sheena natti tahaa
Kabajaa naaf dhabdee ana arrabsitaa
Mee na dhagahii sittan himaa
Yaa jalloo haadha garaa
Inumaa bilbilaan ana sodaachiftaa
Kkkkk…intal anumaatu si quubsee
Amalli kee natti jijjiiramee
Erga biyya dhaqxee dhuftee
Namuutu si beeka bara lama duraa
Qabeenya hin qabduu harkiiniis si duwwaa
‘’Si shoom yaal bellaa
Yi qoccuwaal si shaar’’je’amee
Kanuma gorfamtee naaf dhuftee
Ergasii hawaasa quncisuuf karoorfattee
Irratti bobbaatee
Hafuura hin fudhannee
Waa hedduu waliiniis hojjannee
Har’a maal dhageessee na jibbitee
Akkamiin har’a natti dhaadattee
Biyyaahiin si baasa jette natti waakkattee
Si ati yaa urunguu maal of seetee
Siitu na Uummate moo ana tolfattee
Of yaadadhu gadi galoo saree
Haya……galatuma kiyyaa
Yaa uruguu namaa
Mee yaadadhu yaa jeedalloo
Garaa guutuuf isa qanqalloo
Hiree arkachuuf maallaqa kafalee
Aniis bar hin hannee ka ati liqimsitee
Kumaa sadii guutuukaniin sitti kennee
Bar riyaalaa mitii doolaaraa ka nyaattee
Anaa fii warri kook an biraa agabnee
Baga irraanfatte kan koo duruu dhumee
Aniis ka na dhibe kan namarraa guurree
suuta natti Maaliif himnee
uruguu yo hireen dhabmtee
duraan eessa fiduuf kaatee
Rabbi biraahii mo ameerka gaayattee
Obaamaa si kenne gurguri siin je’ee
Gatiin nama tokko achitti hoo meeqaa
Jimlatti moo saffartee gurgaurtaa
Akka feeteen ja’aa ati yo si baasee
Dubbachuu hin dhiisuu ati na dhaaddattee
Mee niin eega waan ati argattee
lubbuun tootiis yo harka kee galtee
an kanuma siif je’ee ergamee
akka fedhii teetii hunduma hojjadhee
waan feete dubbattaa siitu na tolfatee
koominiitiis sumaatu jaarratee
manguddoo tolfatee siitu bobbaafatee
warra nama quncaasuun beekkamee
har’a filattee maallaqa guuruuf ergattee
maali badiin tiyya narratti bobbaatee
bara lama dura miilaan lafa deemtaa
maallaqa siif guuree sossobee hawaasaa
amma natti boonte siif bite konkolaataa
jaarsa dhalataa afrikkaa gurrachaa
amma jijjiirattee isa nama diimaa
mana siif ijaaree isa fooqii gubbaa
meeshaallee bite hunduma siif guutee
qabeenya horattee har’a nama taatee
ati hin hojjannee hawaasarra guurree
ofitti kijibdee kan kee si fakkaatee
yaa urunguu funaantuu saree
daranuu kan heddu na aarsee
oromoo arrabsuu kee
bara ati nama irraa dhalattee
abbaan keen miseensa wayyaanee
of qorqttee amaara moo tigree
nama hin beekne sobi an si baree
akaakoon hambaa sirnaa dabree
dafiiti deebisi kan guurte doolaaraa
an dhammadhe boodde ni salphattaa
maallaqni oromoo way akka itti mi’aawuu
hoggaaniif nyaatanii ittiin bashannantuu
heddu nama tola dafee dhuma garuu
haya… ati humaa hin taanee
ofille arrabsee saba koo xiqqeessee
siitu na tolfatee nallee bobbaaftee
maallaqa hawaasatiis guurutti na ergee
garaan kee hallayyaa bililee
ati quuftee hin beeytuu ya saree
of kabaji naamusni birillee
lafatti yo kufe ni caba ammallee
si gahee kan koo dhaamsii
doolaaraan si kenne harkattii
lakkoofte fudhatte naa deebisii
daddafi Oolchitee hin bulchinii
funyaaniin na haa baatu hireen teetii
hireen too harka rabbi guddaa jirtii
galmee teetiin balleessa kan jettuu
yo feetiis ciccirii libaanata aarfadhuu
awrooppa,ameerikaan ati na geessituu
biyya magarriisa oromiyaa hin geessuu
waaqni … karkarrotti si jijjiiruu
ulfi kee jaldeessa ta’ee ha dhalatuu
haqni oromoo Abadan hin dhokatuu
kan ati nyaatte funyaaniin ha bahuu
dhalti kee haa goguu
yaa saree urunguu
haa …wilii nagayni kee hin jiruu
haqni galu hin Ooluu
hangamillee turuu
galanni kee ibidda ha tahuu
dur waa nama hin abaaruu
garaatu na gubata ogaan yayyaadadhuu
kanaafiin dubadhee
nahin ajaa’ibinaa numaan mufadhee
hedduun dagamee saamamee
goyyoomeen harka duwwa hafee
dhiifama isin gaadhee
garuu akka koo isin akka hin taanee
gocha badaa narratti raawwatamee
kana anumaa of godhee
oromoo akka hin dagamnee
kuno an isiniif dhaamee !!!

Caccabsaa Diinaa
oromorefugee@yahoo.com

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …