Oduu Haaraya

Finfinneen Bishaan Dabaree Argachuun Dirqii Ta’e

Kutaalee Finfinnee hanga tokko keessatti bishaan dabaree dhiyeessuun dirqii kan ta’e sababaa hongee EL NINOn dhaqqabsiiseen bishaan kuusaalee keessa jiran waan hir’ateef ta’uun ibsameera.

Keessumaa dhiyeessii bishaan magaalattii nuusa ta’e kan irraa argamu kuusaaleen laga Daadhii fi Dirree dhiibbaa kanaaf ka saaxilaman ta’uun beekameera. Kuusaan laga Daadhii sababaa hongee irraan kan ka’e bishaan hanga barbaachisu qabaachuu dhabuu abbaa taayitaa bishaanii fi dhangalatti itti gaafatamtuu sab quunnamtii uummataa aadde Itsegenet Tesfaye sabaa himaa biyya keessaaf ibsaniiru. Kana irraan kan ka’es naannolee magaalattii murtaa’an keessatti dabaree bishaan raabsuu jalqabuu illee ibsanii jiran.

Guraandhala 24 qabee hanga murtaa’e jalqabnee jirra. Oomisha keenya irraa meter cube kuma 30 kan ta’u kan kuusaa bishaanii irraa argataa turre hanqateera. Kanaaf jecha kanneen Laga Daadhii irraa sa’aatilee 24 argatan bishaan dabareen argachuun dhaabbataa ta’ee haala itti fufu uuma. Jiraattonni magaalaa Finfinnee fi naannoo ishee jiraatan hanqina bishaaniif komee qaban dubbachuu erga jalqabanii baatilee lakkoofsiisee jira. Rakkoon isaa EL NINO waliin wal qabachuun isaa kan ibsame garuu gara boodanaa ti.

Hanqinni bishaaniis yeroo hin murtaa’iniif kan itti fufu ta’uun ibsameera. Rakkoo kana furuuf garuu yaaliin kan itti fufu ta’uu aadde Isegenet ibsanii jiran. Dhiyeessiin bishanii yoom bakka isaatti akka deebi’u itti gaafatamtuun kun waan tuqan hin qaban. Uummati fayyadamu yeroo dhiyootti maal abdata kan jedhu ministerri dhimmootii bishaanii fi jal’isii obbo Mootummaa Maqaasaa yeroo dhiyoo bakka duraatti deeb’ia jechuu irraa of qusataniiru.

Abdiin jiru burqa bishaanii jiru bal’isuu dha. Bishaan boolla keessaa argamus, bishaan bakka birootii argamus cimsuu dha. Tokko sana. Lammaffaan immoo bishaan argame sirriitti qindeessuu dha. Fayyadamaa maraaf sirriitti waliin ga’uu dha. Kun lamaan hojii irra oollaan dhiyeessii bishaanii wayaawaan ni jiraata jedheen tilmaama jedhan.

Kanaaf jecha dhiibbaa EL NINON qabu akkaataa inni itti ibsamu adda adda miidhaa inni dhaqqabsiisuus bal’aa ta’ee itti fufee jira. Lammiiwwan Itiyoopiyaa miliyoonni 10.2 gargaarsa yeroo hatattamaa eeggachuuf dirqaman. Magaalaaleen immoo hanqina bishaaniif saaxilaman. Kan itti aanu maal ta’uuf akka jiru hubachuuf yeroo gannaa itti aanu eeguun dirqii dha jechuu dhaan Eskinder Frew Finfinnee irraa gabaaseera.

Jiraattota magaalaa addaa Oromiyaa Buraayyuu keessa tokko hanqina bishaanii isaan mudate akkas jechuun Jaallanneef ibsaniiru.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …