Gaachana Sirnaa: Sirna Gadaa Deebisuu Moo Biltsiginnaa Aangoorratti Tiksuu?
Oduu Haaraya

Gaachana Sirnaa: Sirna Gadaa Deebisuu Moo Biltsiginnaa Aangoorratti Tiksuu?

gaachana sirnaa

Finfinnee, Mootummaan naannoo Oromiyaa waraana Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruu irra aanuuf caasaalee nageenyaa jedhu haaraa uumaa jira. Caasaalee haaraa dabalaman keessaa waajjirri milishaa kan Labsii Lakk. 242/2014 hundaa’e fi Gaachanni Sirnaa kan Labsii Lakk. 245/2014 hundaa’e isaan ijoodha. Barruu kana keessatti wa’ee Labsii, caaseffama akkasumas ga’ee Gaachana Sirnaan ibsuun barbaada.

Wixineen Labsii Gaachana Sirnaa Naannoo Oromiyaa Murteesuuf Bahe Labsii Lakk. 245/2014 ta’ee akka hojiirra ooluuf Bitootessa 13, 2014 Caffee Oromiyaatiin ragga’ee jira. Haa ta’u malee ijaarsii fi raawwiin Gaachana Sirnaa kan hojiirra ooluu eegale gara waggaa tokkoo labsicha dursuuni. Erga hojiitti seenamee bu’uurri seeraa itti godhani jechuudha. Haa ta’uutii, maalummaa labsii kanaa fi barbaachisummaa Gaachana Sirnaatiin walqabatee yaadni walfalmisiisu ka’aa jira. Gareen mootummaa deeggaran ijaarsi Gaachana Sirnaa kun Oromiyaa gara sirna Gadaatti deebisuun Oromiyaa badhaateef hojjenna yoo jedhan, gareen kaan immoo kaayyoon bu’uuraa Gaachana Sirnaa labsiin deeggaranii diriirsuun hawaasa naannicha keessa jiraatan ijaarsa kanaan ukkaamsanii sirna Biltsiginnaa akka deeggaruu fi aangoo irratti akka tiksuufi jedhu. Kanaafuu, barruun kun dhugaa jiru hubachiisuuf labsichaa fi tarkaanfiiwwan naannicha keessatti fudhatamaa jiran irratti hundaa’uun xiinxala gabaabaa akka armaan gadiitti dhiyeessa.

Barbaachisummaa Gaachana Sirnaa

Baafata Labsii Gaachana Sirnaa Lak.245/2014 irratti barbaachisummaa labsichaa yoo ibsu: “Ummanni Naannichaa dammaqee, ijaarameefi hidhatee nagaafi tasgabbii isaa kabachiifachuu akka danda’u gurmaa’insa seeraan beekamtii qabuun hundeessuun waan barbaachiseef” jedha. Nagaa fi tasgabbiin Oromiyaa keessatti kan dhabameef, sababa guddaan walitti bu’insa loltoota Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti waggoottan afran darbaniif ta’aa jiruuti. Maddi rakkoo waa maraa ammoo cufamuu qabsoo karaa nagaa fi ukkaamfamuu dirree dimokraasiifi mirga namoomaati. Mootummaan gaafa Gaachana Sirnaa jalatti hawaasa ijaaru, nagaa fi tasgabbii akkamii akka kabachiisuu barbaadu, sirna eenyuutu akka aangoo irra taa’ee, garee kamtu akka lolamuu qabu gaafachuun barbaachisaadha. Miseensonni Caffee hedduun “nagaa fi tasgabbiin Oromiyaa keessatti kan dhufu, gaaddisa marii fi mareeni malee uummata ijaaruun hidhachiisuun miti” jechuun yaada yoo dhiyeessan, gama kaaniin immoo miseensi Caffee tokko akka yaada dhiyeessanitti, godina tokko qofaa irraa bittaa meeshaa waraanaaf jechuun maallaqni hawaasa irraa walitti qabamee naannoof ergame qarshii miliyoona dhibba jahaa oli jechuun, dabaluunis kun utuu deebii hin argatiin, labsichi bu’aa maalii fidaa jechuun gaafataniiru.

Gara qabiyyee labsichaatti yoo deebinu, labsiin Gaachana Sirnaa kutaa afurii fi keewwattoota 31 of keessaa qaba. Kutaa tokkoffaan labsichaa hiikkoo jechootaa fi daangaa raawwatinsaa yoo dhiyeessu, kutaa lammaffaan hundeeffama, asxaa, kaayyoofi sirna bulchiinsa Gaachana Sirnaa tuma.

Labsichi Keewwata 5 irratti akkas jechuun Gaachana Sirnaa hundeessa: “Gurmaa’insi ummataa kanaan booda “Gaachana Sirnaa” jedhamee waamamu Labsii kanaan hundaa’eera; Itti waamamni Gaachana Sirnaa Bulchaa Gandaatiif ta’a.” Akkuma beekamu bulchaan gandaa, hoggansa caaseffama bulchiinsa mootummaa isa gadi aanaa ta’us muudama paartii biyya bulchaa jiruuti. Sadarkaa gandaatti, bulchaan gandaa walitti qabaa caaseffama seelii paartii biyya bulchuuti. Kanaafuu, gurmaa’insi uummataa Gaachana Sirnaa jedhamee ijaarame kun ergama eenyuun akka qajeelfamu hubachuun ni danda’ama.

Kaayyoo Gaachana Sirnaa

Kaayyoowwan Gaachana Sirnaa keessaa inni tokko “Ummata Naannichaa qindeessuudhaan Oromiyaa nagaafi tasgabbii qabdu ijaaruun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu” jedha akka Keewwata 7 jalatti tumametti. Kana jechuun maal jechuudhaa? Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaatti, gorsaan dhimma nageenyaa Koloneel Abbabaa Garasuu ibsa ji’a Hagayyaa bara 2013 dhimma leenjii waraanaa Gaachana Sirnaaf kennamaa ture irratti kennaniin, “kaayyoon leenjichaa humna nageenyaa dabalataa hawaasa keessaa ijaaruu, hawaasni nageenya qe’eesaa akka eeggatuuf, aggaammii gama kamuu qaamolee nageenyaa wajjin ta’ee qolachuu kan dandeessisuufi sirna ofumasaatiif dhaabeef gaachana akka ta’uuf yaadamee” ta’uu hima. Uummanni “sirna ofumasaatiif dhaabeef gaachana akka ta’uuf” jechuun sirna mootummaa Biltsiginnaa aangoo irratti tiksuu yoo ta’e malee hiika biraa hin qabu.

Obbo Getaachoo Baalchaa, hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshiinii Oromiyaa duraanii ibsa BBC Afaan Oromoof kennaniin akka dhugaa bahanitti, “Sirni uummanni ofii isaatiin ijaarrate, hirmaannaafi abbummaa uummatichaatiin eegamuutu irra jiraata” jechuun barbaachisummaa gurmaa’insaa fi leenjii Gaachana Sirnaa addeessaniiru. Kanaafuu, kaayyoon Gaachana Sirnaa ijaaruu leenjisuu waan ifa bahedha. Dhoksaa tokkollee hin qabu. Gaachanni Sirnaa meeshaa hawaasa baldhaa Oromiyaa ittiin takaalanii ukkaamsanii qabuun murna aangoo irra jiruuf akka tumsan, “humna diina” jedhee Biltsiginnaa kan waraanaa jirus akka deemanii waraananiif akka dirqaman gochuufi. Qabatamaanis kanumatu raawwataa jira.

Itti Gaafatamummaan Gaachana Sirnaa

Hojiifi itti gaafatamummaan Gaachana Sirnaa, labsicha Keewwata 9 jalatti tumamee jira. Guutuun tarreeffama isaa akkas jedha: “ Nagaafi tasgabbii ni eega,ni kabachiisa; Ol’aantummaan seeraa akka kabajamu qaamolee biroo waliin ni hojjeta; Barbaachisummaa nageenya waloo irratti hawaasaaf hubannoo ni kenna; Iddoowwan eegumsaa adda bahan ni eega; Qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun sakatta’iinsa ni taasisa; Namoota jiraataa gandichaa yookiin qe’ee isaa hin taane hordofuun eenyummaa isaanii ni mirkaneessa, qaama ilaaluuf odeeffannoo ni dabarsa; Namoota yookiin garee nagaafi tasgabbii gandichaa booressan adda ni baasa; gorsuun ni deebisa; kan deebi’uu didan to’annaa seeraa jala akka oolan ni taasisa; Qubannaa seeraan alaa ni ittisa, ni to’ata, qaama ilaallatuuf ni gabaasa; Bu’uuraalee misoomaa ganda isaa keessatti argamaniif eegumsa ni taasisa; Hojiilee biroo Waajjiricha [Waajjira Milishaa] irraa kennamaniif ni raawwata.” Itti gaafatamummaan Gaachana Sirnaaf tarreeffame kun gahee hojii milishaa, poolisii fi qaama nageenyaa biroon raawwatamudha.

Itti gaatamummaan armaan olitti tarreeffaman kun gahee hojii poolisiif kenname waliin walfakkaata. Fakkeenyaaf akka Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lak. 213/2011, Keewwata 45/7 tumutti Komishiiniin Poolisii Oromiyaa “Nageenya naannichaa amansiisaa taasisuuf qaamolee nageenya Mootummaa Federaalaafi Naannoo dhimmi ilaalu waliin odeeffannoo waljijjiira; qindoominaan ni hojjata” jedha.Dabalataanis, gaheen hojii Gaachana Sirnaaf kenname itti gaafatamummaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaaf kennameen walfakkaata. Fakkeenyaaf, Biiroon kun Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu, Keewwata 24 (1, 4, 9, 18 fi 20 jalatti akka tumametti, “Nagaafi tasgabbiin naannichaa akka kabajamu humnoota nageenyaa ni gurmeessa; ni qindeessa; olaantummaan ni hooggana; Sochii farreen nageenyaa dhabamsiisuudhaaf taasifamanii fi bu’aawwan argaman qaama dhimmi ilaalu waliin ni qorata; Qubannaan seeraan alaa naannicha keessatti akka hin gaggeeffamne ni hordofa; ni to’ata; iddoo qubannaan seeraan alaa gaggeeffametti qaama dhimmi ilaalu waliin tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; Qajeelfama mootummaan baasu irratti hundaa’uudhaan humna milishaa ni fila; ni leenjisa; ni bobbaasa; Bakka humni poolisii hin jirretti yookiin hanqinni jirutti milishaan qaama haqaatiif deeggarsa akka kennu ni taasisa.” Akkaatuma Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu kanaan waajjirri milishaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa, damee milishaa jalatti ijaarame.

Haa ta’u malee, mootummaan Biltsiginnaan durfamu garuu Gaachana Sirnaa labsiin deeggaruun kan ijaareef akkuma aangawoonni mootummaa armaan olitti eeraman himanitti hawaasa baldhaa jireenya isaaf dhama’ee bulu maqaa nageenyaatiin ijaarsuun garee waraanuu barbaadan kan akka WBO ittiin waraanuuf, hundaa ol ammoo sirna bulchiinsa Biltsiginnaa aangoo irratti deeggaranii tursiisuufi. Keessattuu “qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun sakatta’insa ni taasisu” kan jedhu haala yeroo dhihoo asitti Oromiyaa keessatti waraanni mootummaa sakatta’insa Waraana Bilisummaa Oromoo irratti taasisuun kan walqabatedha. Ragaaleen Oromiyaa bakkeewwan garaagaraa keessattuu lixa Oromiyaa Horro Guduruu, kibba Oromiyaa Gujii fi giddu-gala Oromiyaa irraa maddan akka agarsiisanitti hawaasa leenjii loltummaa hin qabne maqaa Gaachana Sirnaa jedhuun walitti qabuun “WBO sakatta’uu qabdu” jechuun dirqiin of-fuuldura oofuun bosona keessa oofaa jira waraanni mootummaa.

Labsichi kutaa sadaffaa jalatti aangoofi hojii qaamolee adda addaa tarreessa. Haaluma kanaan Keewwanni 24 Waajjirri Milishaa Oromiyaa sadarkaan jiru aangoofi hojii armaan gadii akka qabaatu taasisa: “Imaammata, tarsiimoofi karoora Gaachana Sirnaa ni qopheessa; qaama ilaallatuuf ni dhiyeessa; yammuu mirkanaaa’u ni raawwachiisa; akka raawwatamu ni taasisa; Akkaataa ulaagaa baheetiin miseensa Gaachana Sirnaa ni filachiisa; akka leenji’an ni taasisa; ni gurmeessa; akkaataa barbaachisummaa isaatti ni hidhachiisa; Sagantaa bahu irratti hundaa’uudhaan Gaachana Sirnaa hojiitti ni bobbaasa; ni hordofa; Gaachana Sirnaatiif deeggarsi barbaachisu akka taasifamuuf ni hojjeta; Raawwii hojii Gaachana Sirnaa ni hordofa; ni deeggara; gabaasa raawwii hojii isaanii qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa; Dandeettiin raawwachiisummaa miseensa Gaachana Sirnaa akka cimu qaama dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun leenjii adda addaa ni kenna; akka kennamu ni taasisa; bu’a qabeessummaa isaa ni hordofa.”

Kanaafuu, Gaachanni Sirnaa qaamuma milishaa gandaa ta’ee bobbaafama jechuun ni danda’ama. Haa ta’u malee, Manni Marii Nageenyaa sadarkaan jiru aangoo olaanaa akka qabaatu tumamee jira: “Gaachanni Sirnaa kaayyoo hundeeffameef hojjechuu isaa ol’aantummaan ni hordofa; iddoo rakkoon jirutti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni taasisa; Qindoominni hojii gurmaa’insa Gaachana Sirnaafi qaamolee nageenyaa biroo gidduu jiru akka cimu hojimaata ni diriirsa; akka hojiirra oolu ni taasisa; Raawwii hojii Gaachana Sirnaa ni hordofa; ni deeggara; ni gamaaggama; duubdeebii ni kenna.” Labsiin Mana Marii Nageenyaa Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe Lakk. 84/1996, sadarkaa naannoo, godina, magaalaa, aanaa fi akka barbaachisummaa isaatti ganda irratti mana marii nageenyaa hundeessuun isaa ni yaadatama. Ittiwaamamni mana marii nageenyaa sadarkaa naannoo, godinaa fi magaalaa pirezidaantii naannoof yoo ta’u, kan sadarkaa aanaa ammo ittiwaamamni isaa bulchaa godinaafi. Mana marii nageenyaa sadarkaa aanaa qofa yoo ilaalle, dhimma nageenyaa aanichaa olaantummaan kan to’atu walitti qabaan bulchaa aanaa yoo ta’u, miseensonni hafan hogganoota waajjira dhimma nageenyaa fi milishaa, waajjira haqaa/abbaa alangaa, waajjira poolisii, yoo jiraatan bakka bu’oota tika biyyaalessaa fi raayyaa ittisaa akka ta’an labsii lakk.84/1996 keewwata 6 jalatti ni tuma. Kanaafuu, Gaachanni Sirnaa caasaa nageenyaa kanaan hogganama.

Gurmaa’insa Gaachana Sirnaan

Gurmaa’insa miseensota Gaachana Sirnaan walqabatee, labsichi keewwata 10 jalatti, hawaasni Oromiyaa umriin isaanii waggaa 17 olii fi waggaa 56 gadi hundi “miseensa guutuu Gaachana Sirnaa ta’uun hojii nagaafi tasgabbii Naannichaa kabachiisuu keessatti kan hirmaatan ta’a” jechuun tuma. Dabalataanis keewwatuma kana jalatti “Gaachanni Sirnaa gurmaa’insa saglii, tuutaa, humnaafi cibraa kan qabaatu ta’a” jechuun ni labsa. Gurmaa’inni kun gurmaa’insa waraanaatiin tokkuma. Moggaasni gargar ta’uu mala, garuu Raayyaan Ittisa Biyaa, Humni Addaa Poolisii Oromiyaa ijaarsa waraanaa kanumaan wafakkaatu qabu. Kana jechuun hawaasni Oromiyaa keessa jiraatu, magaalaa baadiyyaa, barataa barsiisaa, qonnaan bulaa daldalaa, dhiiraa dubartii utuu hin jedhiin warreen umriin isaanii waggaa 17 olii fi waggaa 56 gadi ta’an miseensota guutuu ta’uun filamanii leenjii garaagaraa fudhachuun ergama waajjira milishaa fi qaamolee nageenyaa biroo irraa itti kenname raawwachiisuuf ni bobbaafamu jechuudha.

Akkaataa labsii Gaachana Sirnaa keewwata 15 jalatti tumametti, “Bobbiin Gaachana Sirnaa ajaja hooggansa dhiyoo irraa kennamuun ta’ee saglii, tuuta, humna yookiin cibraadhaan kan bobbaafaman ta’a. Gaachanni Sirnaa nagaafi tasgabbii ummataa eegsisuuf akkaataa barbaachisummaa isaatti kan bobba’u ta’a.” Dirqamni itti kennamee akka waraanaaf deemu yoo ajajame, namni kamuu ni deeman, akka keewwata 15 jalatti tumametti “Hojjetaa yoo ta’e, yeroo dirqamni itti kennameef mirga hayyama argachuu” ni qabaata. Miseensonni Gaachana Sirnaa bobbaafaman uffata seeraa fi waraqaa eenyummaa wajjira milishaa irraa kennamu ni qabaatu jedha labsichi.

Leenjii Gaachana Sirnaan

Akka Keewwata 12 jalatti tumametti, “Leenjiin loltummaa Poolisii naannichaatiin kan kennamu ta’ee, akkaataa barbaachisummaa isaatti qaamolee nageenyaa kan birootiinis kennamuu ni danda’a” jedha. Akkaataa Keewwata 13 jalatti tumameenis “Namni miseensa Gaachana Sirnaa ta’ee leenjii fudhatee xumure kakuu raawwachuu qaba.” Kuni immoo miseensonni poolisii fi raayyaa ittisaa akkuma leenjii xumuraniin kakuu seenanii eebbifamaniin tokkuma. Utuu labsiin kun hin bahiin dura leenjii miseensota Gaachana Sirnaaf kennamaa tureen walqabatee hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa duraanii gaaffii gaafatamaniif: “Qaamoleen hawaasaa kun ganda gandatti milishaafi qaamolee nageenyaa biroo deeggaranii nageenya eeguu akka danda’an gochuudha kaayyoon leenjichaa” jechuun deebisaniiru. Leenjii fi gurmaa’insi akka kanaa akka naannichaatti yoo kennamu kan jalqabaaa ta’uus eeruudhaan, biyyootni lammiileen isaanii leenjii loltummaa dirqamaan akka fudhatan godhan jiraatanis, “keenya achi gahuu baatus hunduu milishaa qe’ee isaafi ganda isaa akka ta’u hubannoo qabaachuu qaba” jechuun hogganaan Biirochaa akka ibsan BBC Afaan Oromoo gabaasee ture.

Hidhannoo fi Madda Maallaqaa

Hidhannoon walqabatee labsichi keewwata 14 jalatti akka qajeelchutti, “Hidhannoon miseensa Gaachana Sirnaa mootummaafi ummataan dhiyaachuu ni danda’a” jedha. Qaamni mootummaa meeshaalee waraanaa bitee dhiyeessuu ni danda’a, garuu karaa aangoo Komishinii Poolisii Oromiyaa Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Keewwata 45/12tiin Gaachana Sirnaaf dabarsuu danda’a: “Meeshaalee waraanaa naannicha keessatti argaman ni galmeessa; hayyama ni kenna, ni haaromsa; ni to’ata; seera irratti hundaa’uun hidhannoo ni hiikkachiisa” Haa ta’u malee, akkuma Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti muldhataa ture, miseensonni Gaachana Sirnaa WBO akka sakatta’aniif bosonatti dirqiin oofaman shimalaa fi darbee darbee immoo eeboo qofa qabatanii bobbaafamu. Warri hidhannoo qaban milishaa fi humna waraanaa mootummaa duuba isaanii deema.

Gumiin Gaachana Sirnaa hojiiwwan miseensota Gaachana Sirnaaf deeggarsa uummataa qindeessuuf akkasumas hubannoo uummataaf kennuuf sadarkaa gandaatti kan hundeeffamu ta’ee itti waamamni gumichaas bulchaa gandaaf akka ta’u labsichi keewwata 21 fi 22 jalatti tumee jira. Dhuma irratti labsichi kutaa afraffaa jalatti tumaalee addaa addaa dhiyeessa. Maddi baajataa Gaachana Sirnaa, “Fandii Gaachana Sirnaa irraa; fi Kennaafi deeggarsa qaamolee adda addaa irraa argamu” akka ta’u keewwanni 25 jalatti tumameera. Kana jechuun Gaachanni Sirnaa akka qaamolee raawwachiiftuu kaanii baajata mootummaa idileetiin hin socho’u, hin bulu jechuudha. Miseensonni Gaachana Sirnaa hawaasa baldhaa umriin isaanii waggaa 17-56 waan ta’eef, mindeessuun akka ulfaatu waan hubatan fakkaata. Kanaafuu, sirni amma aangoorra jiru hawaasa Oromiyaa dirqamaan gurmeessee kaffaltii malee itti dhimma baha jechuudha.

Keewwata 26 jalatti akka tumametti, miseensi Gaachana Sirnaa “ajaja seera qabeessa ta’e fudhachuu diduu” fi iccitii baasuun gochoota dhorkaman ta’uu tuma. Adabbii yakkaa jechuunis keewwata 27 jalatti, “Seera birootiin caalmaatti kan adabsiisu yoo ta’e malee, miseensi Gaachana Sirnaa iccitiifi odeeffannoo sababa hojiitiin beeke qaama birootiif kan dabarse yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa tokkoo gad hintaane, waggaa shan hin caalleen adabama; dirqama irra yeroo jirutti ajaja seera qabeessa ta’e fudhachuu kan dide yoo ta’e, hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen adabama” jechuun tumameera. Walumaa galatti, Gaachanni Sirnaa gurmaa’insa hawaasa baldhaa ta’us, akka qaama waraanaatti paartiin biyya bulchaa jiru akka itti dhimma bahuuf kan ijaaramanidha jechuun ni danda’ama. Uummata baldhaa ijaaruun fedhii aangoof jecha akka dahoo waraanaatti (human shield) dhimma bahuun naamusa gaariis miti fi adeemsa sirna Gadaatti deebisuus miti.

Akka waliigalaattuu, namni umriin isaa wagga 17 olii fi 56 gadi ta’e, mirga waan itti hin amanne diduu, bilisummaa yaada isaa ittin tarkaanfachiisu hin qabu jechuudha. Oromiyaa keessatti sirna mootummaa paartii tokkotu (one-party state) lafa qabataa jira jechuudha. Sirna Darguutu deebi’ee jira. Ijarsii Gaachana Sirnaa akka Revolutionary Guards, sirni Biltsiginnaa akka sirna Workers Party of Ethiopia (WPE)tti lafa qabataa jira. Namni hunduu ijaaramee paartii biyya bulchaa jiru kana aangoo irratti tiksuuf wareegama kaffala jechuudha. Naannoon Oromiyaa, naannolee kaan dursuun lammiilee umriin isaanii gahe hunda leenjisuun sirna Biltsiginnaa akka deeggaran, sirnichaafis akka lolan, wereegama lubbuus akka kaffalan gochaa jira.

*Hub: Maqaan paartii biyya bulchaa jiru kan dambii ittiin bulmaata isaa irratti ragga’e, kan Boordiin Filannoo Itoophiyaas beeku Biltsiginnaa ykn Prosperity Party qofa.

Milkeessaa Miidhagaa Gammachu (PhD),

Hogganaa Biiroo Lafa Oromiyaa fi Miseensa Koree Giddu Galeessaa ODP duraanii

Amma barsiisaa Saayinsii Siyaasaa Kolleejjii Albion.

Twitter: @milkessam

Hubachiisa Gulaalaa: Yaadni barruu kana keessatti ibsame kan barreessati.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Toopbiyaa Dimokraatessuu fii Oromoo Bilisoomsuu.

Ummanni Oromoo baruma Minilikiin gabrummaa jalatti kufe guunguma diddaa gabrummaa eegale. Bara Hayila-Sillaasee ifatti qabsoo …

Leave a Reply

Your email address will not be published.