Oduu Haaraya

Gaaffii fi deebii dubbi himaa adda bilisummaa Oromoo obbo Toleeraa Adabaa waliin geggeeffame


Paartiileen mormitootaa shan: Sochiin Bilisumaa Uummata Benishaangul, Sochiin Bilisummaa Uummata Gaambella, Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden, Addi Bilisummaa Oromoo fi Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Sidaamaa, xumura torban dabree irra tumsa haarawa polotikaa  hundeeffachuu isaanii beeksisan.

Biyya Norway, magaalaa Osloo keessatti – Onkoloolessaa 22 fi 23 walga’uudhaan,  “Tumsa Uummatootaa Bilisummaa fi Dimookiraasiif” ka jedhamu tumsa polotikaa haaraa hundeeffachuu isaanii, ibsa ejjennoo facaasaniin kan ibsan hoogganoonni dhaabbatoota kanaa “PAFD yokaan, akka afaan  Oromootti TUBD – jedhamuun kan waamamu tumsi polotikaa haaraan kun – akka ummatoonni Itiyoophiyaa keessaa marti gamtaadhaan sirna cehumsa siyaasaa fedhii uummatoota maraa irra madde hundeeffatan hiree kennaaf”  jedhu.

PAFD yokaan Tumsi Uummatootaa, ka Bilisummaa fi Dimookiraasiifii – sirna abbaa irree, ka gareen tokko warra kaan dhuunfatee bulchu diiguudhaan, sirna haqa siyaasaa haaraa, ka mirgi hiree-murteeffannoo uummatoota maraa dhugumatti itti kabajamu ijaaruuf ka qabsaa’uu ta’uu illee ibsa ejjennoo bahe kana keessatti ibsanii jiran.

Bakka-bu’oota tumsa kanatti hirmaatan keessaa miseensa koree hoji raawwachiiftuu ABO obbo Toleeraa Adabaa ibsa nuuf kennanii jiran.

Gaaffii fi deebii dubbi himaa adda bilisummaa Oromoo obbo Toleeraa Adabaa waliin geggeeffame

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …