Oduu Haaraya

Medical Treatment for Adam Usman

Sirkanan Ahmed

Nama khana gargaaruuf  As Tuqaa


The purpose of this campaign is to raise funds for the medical
treatment of Mr. Adam Usman (better known as Adam “Daakhaa”).
Since being severely wounded in 2007 Adam has not recieved the
necessary treatment and is badly in need of medical attention. We
ask that you donate generously and help this young man who
sacrificed himself for his people. Adam is a close friend of the late
Aisha Ali, the 14 year old girl who was assisting Adam when she
was abducted and brutally murdered by Ethiopian security forces at
Mount Sufi (Gaara Suufii) in 2007. His bography is written
below.—————————————
Seenaa Aadam Usmaan Boruu (ykn Aadam Daakhaa)
Maqaa guutuun kiyya Aadam Usmaan Boruu ja’ama. Maqaan
moggee fi ittiin beekkamu Daakaa dha.
Ani Baha Oromiyaa, ona Ituu, aanaa mi’eessoo ganda Daalachaatt,
bara 1982 abbaa kiyya Usmaan Boruu fi Haadha tiyya Mareenaa
Roobaa irraa dhaladhe.
Ani wayta umriin koo barnootaaf gahutti carraa barachuu sababa
adda addaatiin argachuu hin dandeenye. Garuu waytaan umrii
dargaggummaa gahu barachuu dhabuun kiyya tasgabbii naaf
laachuu dinnaan umrii koo ganna 21ti mana bornootaa sadarkaa
1ffaa odaa asaboot, bara 2001 jalqabe.
Osumaan barnoota koo hamilee fi ciminaan barachaa jiruu haalonni
tokko tokko kan alagaan biyya bulchaa jiru ummata oromoo fi
barattoota keenya irratti raawwatu onnee na tuqaa deeme. Namoota
akkuma koo keessi saanii miidhama ummata oromoo hubatan waliin
taanee gaafii mirgaa gaafachuu jalqabne.
Gaafii keenya kan nagayaatiif garuu deebiin jaraa faallaa tahuun
aarii dabalataa nutti qabsiise. Gaafii mirgaa gaafachuu keenyaaf
sardamuu, dhaanamuu, tumamuu fi hidhamuun deebii nuuf godhan.
Yeroo kana lubbuu teenya baasuuf fincille. Warra yaadaaf akeeka
wal fakkaataa qaban waliin gaara suufii kan ja’amu seennee, sochii
fincila diddaa gabrummaa finiinsine.
Shiraa fi duguggii sanyii diinaan ilmaan oromoo irratti raawaatame
hedduu keessaa suukanneessaa fi hangafni bara 2007 fixiinsa gaara
suufiitti ilmaan oromoo irratti raawwatame, sammuu nama hedduu
keessatti cilee gurraattii uumee dabruun isaa kan dhokatuu miti.
Waraana mootummaa biyya bulchaa jiruun dargaggootaa fi
shamarran oromoo baayyeen naannoo gaara suufii kanatti
rasaasaan bobeeysanii fi kan harka isaanii bu’ees, mana hidhaatti
uleen illeeysani lubbuu nama meeqaa akka gaaga’anii fi kaaniis
rasaasaan madeessanii qaama hir’uu taasisuun imimmaan jiidhaa
kaleessaati. Warra harka diinaatiin ajjeeffaman keessaa Mahammad
Saanii, Yuusuf Ibroo, Mahammad Iliyas, Mahammad Boruu, Ahmad
Kulee…. fi kkf , warra dubartootaa keessaa du’a sheenaa tan
ajjeesan Ashaa Alii(kormee) faa dha.
Ani ammoo rasaasa diinaatiin qaama kootii dhawamee/rukutamee
du’u baadhuus akka hamaa madaawee, wal’aansa gahaa malee
mana hidhaa wayyaanee keessatti dararamaa tureen, qaawaan
argadhetti fayyadamee bara 2013 mana hidhaa ma’akkalaawii irraa
badee, lubbuu tiyyaa eewaluuf biyyarraa baafadhee, biyya ollaa
keessa jireenya rakkoo jiraachaa jira.
Hanga arraa wal’aansa gahaa argachuu dhabuu irraa kan ka’e
madaan qaama kootii daran natti hammaatee fayyaa kootiif
yaaddoo keessa na galchaa jira. Iddoon rasaasni na rukute bakka
balaaf salphatti saaxilamtu tahuun ishii madaan kun akka natti
afraawu taasisee jira. Rasaasni qaama saalaati olii fi handhura gad,
iddoo hoffaa fi mudaammuddii jidduun seenee gama duubaan waan
na baheef, sagaraa/booyliifi fincaan kootiis yeroo ammaa
cinaachaan waan bahuuf miidhaa irraan jira.
Yaa ilmaan oromoo ani amma kaniin isinitti iyyadheef dirqameeti.
Ani jireenya baqattummaa irra waanin jiruuf wal’anamuuf taaytaan
qabu. Fayyaan koo yaaddeessaa tahaa dhufe jira. Yaa ilmaan saba
kooi, obboleeyyan koo, nuti waliif qoricha, nuutu waliif dirmata waan
taheef, naaf dirmadhaa. Na gargaaraa akkaan wal’aanamuu
dandahu na dhaqqabaa. Warri kanaan dura na gargaaraa turtaniis
galatoomaa.
Sirkanan Ahmed

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …