Oduu Haaraya

Maqaan Alliance for Freedom and Democracy (AFD) gara Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD) jijjiirame

 

 

Falmataa Wayyeessaa

Onkololeessaa 2015

Siyaasaan moofaan bara 2001 irraa jalqabee, ABO diigaa ture, har’a bifa haarowomeen Asmaraa irraa Sabqunnamtii. Oromoo irratti facaafame. Bara 2001 waliigalteen maqaa AFDn dhiyaatee ture. Har’a ammoo, maqaa PAFD jedhutti jijjiiramee dhiyaate. Waliigateen bara 2001 Itoophiyaa diimokraatessuu kan jedhu ture. Kan har’aa ammoo, Itoophiyaa federalleessuu kan jedhuu dha. Dhugaan turee fi jiru, waliigalteen lachuu kan qabsoo walabummaa Oromoo lagachiisuu fi fedederaalleessuu Impaayera Itoophiyaa filatee dha. Murni/clique har’a waliigaltee mallatteessuuf deemu kun, murnuma bara 2006 AFD mallatteese. Akka odeeffannoo kiyyatti, Hoogganootni fi miseensootni ABO waan deemaa jiru kana irraa quba hin qaban; hin beekan; hinmari’achiifamne. Namootuma hagootu ykn muraasatu ijjannoo kana fudhate jedhama. Wixinee waliigalaa kan qopheessan Dr. Shuguxi Galataa fi Ob. Xahaa Abdii ti jedhama.

 

Yakka iccittiin adeemsifamaa ture kana ummatni Oromoo fi qabsaawootni isaa beekuu qabu jedheen oduu kana dabarsuuf dirqame. Dhiyeennuma kana, qabsoo bilisummaa Oromoo laamshesuu, ABO dhabamsiisuu fi miseensoota isaa facaasuu fi diiguuf AFD deebisanii haaromsiissuuf wixinee irratti dubbatamaa ture. Oduun kun, har’a Asmaraa, Eritriyaa iraaa ifatti sabqunamtii Oromoo fi Habashaa irratti facaafamee jira. Ergaan isaa,“Mootummaa Cehumsaa Itoophiyaa” ijaara kan jedhuu dha. Hojjii kana irratti, kallattiin kan bobbahan akka odeeffannoo isaanuma keessaa argadhetti Obbo Daawuud Ibsaa Ayyaanaa, Obbo Bultum Biyyoo, Obbo Dhugaasaa Bakakkoo, Obbo Abbaa Caalaa Lataa, fi Dr. Shuguxi Galataa ti. Walummaa galatti, namoota sagaltu dhoksaan irratti hojjataa ture jedhama. Garuu, amma ifaa godame. As irratti, seenaa darbe wal yaadachiisuun bareedaa dha. Akkumma beekkamu, bara 2000

Ajandaa Nagaa” tu dhiyaate. Ajandaan kun, Itoophiyaa diimokraatesuu kan jedhu ture. Ajandaan kun, ajandaa qabsoo hidhannoo fi Kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo lagachiisu ture. Kana irra kan ka’e, akkuma namuu beeku, bara 2001 ABO bakka lamatti baqaqe. Murni Itoophiyaa dimokraatesuu kaayyoo godhate kun, bara 2004 Sagantaa ABO kan bara 1998 jijjiiree akka impaayera Itoophiyaaf ta’utti qopheesse. Kanuma hojiirra oolchuudhaan, baara 2006 dhaaba “Alliance for Freedom and Democracy –AFD” jedhu “yeItoophiyaa Arbabanyoochii/Ethiopian Patriotic Front fi Qinijitii”/Coalition for Unity and Democracy jedhaman wajjiin dhaaba Itoophiyaaf qasaawuu filate.Gocha Daawuud Ibsaa kana seenaan yoomiyyuu taanaan hin dagatu. Dhaadannoon isaaniis kana.

afd 3

Tokkuummaan Itoophiyaa haa daraaru! YeItoophiyaa andinnati yilamlim!

Bara 2006 akkana jedhan: The Peoples’ Alliance for freedom and Democracy calls on all concerned parties, including the current government of Ethiopia, the representatives of all nations and nationalities in Ethiopia with the facilitation of the international community to seize this opportunity and hold a comprehensive conference to resolve the existing dysfunctional political and social dilemmas confronting the Ethiopian Empire.

Akkuma hunduu beeku ijaaramuun AFD, ABO bakka heddutti facaase. Walumaa galatti, ijaaramni AFD, ABO laamshesse. Jechi “seenaan of irra-deebi’a” ykn “history repeats itself” jedhu har’a Hooggagana ABO tiin dhugoomfamuuf deemaa jira. Jechuun, AFD du’ee awwaalame, boolla keessaa baasanii, lubbuu itti godhanii maqaa PAFDn dhiyeessuuf eebjuun tattaafataa jiru. Akkuma beekkamu, sabni Oromoo fi qabsaawotni Oromoo biyyaa keessaa fi biyya ala jiraatan ijaarama AFD dura dhaabatan. Dhiibaa isaanii irraan kan ka’e, AFD hin milkoofne; hinnaafate; hireen diigamuu isa muddate; dhumarratti ni diigame; ni caccabe, ni faca’e, ni dhabame. PAFDs kanumatu isa eegata. Hireen isaa kanuma ta’a.

Har’a ammoo, yeroo lammaffaa Obbo Daawuud Ibsaa Ayyaanaa, Bultum Biyyoo, Abbaa Caalaa Lataa fi Dr. Shugut Galataa, Dhugaasaa Bakakkoo dabalatanii haasawa haaromsiisa AFD irra jiru. Jechuun haarawomuun AFD, maqaa PAFDn moggaafamuudhaan. Walgeetiin isaanii harka lama paaltookiin deemsifamee ture. Koree namoota shan ammatu, kan waayee kana qinddeessu ofi keessaa filatanii hojii kanatti bobaasanii jiru. Hojiin isaan Hooganootaa ABO fi miseensotaa isaa fi saba Oromoo irraa dhaksuun qopheessan sun kunoo har’a sabqunnamtii irratti facaafamee jira. Har’a murni kun, tokko Eritriyaa taa’ee, tokko Ugaandaa taa’ee, tokko Ameerikaa taa’ee, tokko Austraaliyaa taa’ee akkasumas, tokko ammoo Awuroophaa taa’ee shira xaxaa ABO diigu, qabsoo bilisummaa Oromoo laamshesuu fi dhabamsiisu,“Mootummaa Cehumsaa kan Itoophiyaa” ijaaruuf iccitiin kan irratti mari’ataa turan kunoo har’a gad-baasanii jiru.

immaayee

Immiyyee Itoophiyaa tinur! Tokkuummaan Itoophiyaa haa daraaru! YeItoophiyaa andinnati yilamlim! Immiyyee Itoophiyaa inaa nooraalleen!

Har’a bara 2015 akkana jedhu: The PAFD calls on all concerned parties, including the current government of Ethiopia, the representatives of all nations and nationalities in Ethiopia with the facilitation of the international community to seize this opportunity and hold a comprehensive conference to create a broader roadmap to thereby resolve the enormous problems confronting the Ethiopian Empire state. Gantummaan bara 2006 jalqabe kunoo har’a illee itti fufee jira. Mee jechoota bara 2006 fi bara 2015 ilaalaa. Lachuu tokkumma. Murni kun, alaabaa Oromiyaa ufatee, armaa ABO qabatee, dhaadannoo qabsoo dhaadataa hojii isaatiin ammoo shira qabsoo bilisummaa Oromoo laamshesuu fi dhabamsiisu xaxaa jira.Yakka hojii isaanii kana, dura dhaabatuunii fi fashalsiisuun murteessaa dha. Kanaaf, iyyaa, iyya dabarsaa! Murni kun,,murna dhiiga fi lafee lammiiwwan Oromoo kan qabsoo bilisummaa keessatti wareegamaniin taphataa jiru. Suuraan armaa gadii, suuraa gantoota qabsoo bilisummaa Oromoo ti.

Rimma qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti Dhalate

Murni kun, rimma qabsoo Oromo keessaatti dhalatee, ABO, QBO fi tokkummaa qabsaawota Oromoo nyaataa turee fi ammallee nyaataa jiru. Kaleessa AFD gurmeesse; har’a ammoo PAFD gurmeesse. Imaammatnii fi kaayyoo murna kanaa ABO dhabamsiisuu dha. Murni kun, gaararraa qabsoo keessaa ti; Itoophiyaanistoota. Akkuma AFD du’e, PAFDis ni du’a.

gantoota

Murna Kaayyoo QBO, saba,Oromoo, biyya isaa Oromiyaa, ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo ganee, keessaa baqatee addunyaa keessa faca’ee jiru. Har’a Ob,Daawuud Ibsaa Ayyaanaa Eritriyaa jiraata; Ob.Bultum Biyyoo Awustraaliyaa jiraata; Ob.Abbaa Caalaa Lataa Ameerikaa jiraata; Ob. Dhugaasaa Bakakkoo Ugaandaa jiraata; Dr. Shuguxi Galataa Awurooppaa jiraata. Ob. Xahaa Abdii Ingilizii jiraataAkkuma beekamu, murni kun, murna kaayyoo ABO faalleesudhaan siyaasaa impaayera Itoophiyaa diimokraatessuu miseensota keessa facaasaa ture. Har’a ammoo, siyaasaa impaayera Itoophiyaa federaalleessu kan jedhu miseensota keessa facaasaa jira.Galiin murna kanaa, impaayera Itoophiyaa tiksuu dha.Walgeetiin Onkololeessaa 24, 2015 Osolo, Norwee keessatti godhamaa jiru kun, kanuma milkaneessuuf. Kanuma wajjiin, lammiiwwan Oromoo kan irraanfatuun irra hin jirre, Ob. Daawud Ibsa, Abbaa Caalaa Lataa, fi Dhugaasaa Bakakkoo murna bara 1992, Ob. Leencoo Lataa fi Dr. Diimaa Nagawo wajjin irree Oromoo WBO hidhannoo irraa hiikanii mooraa hidhaa(encampment) jalchan. Kun, yaakka seenaan dhiifama hin gooneef kan Oromiyaa, saba Oromoo, qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO irratti hojjatame.

Suuraan kun, suuraa hoogganoota biyya, saba, qabsoo fi qabsaawoota diinatti dhiisee biyya ambaatti baqate. Hoogganni kun, hooggana Ob. Daawuud Ibsaa Ayyaanaa tiin hoogganamu. Seenaan hooggana kanaa, seenaa Mooticha Impaayera Itoophiyaa seenaa Hayile Silaaseetiin walfakkaata. Bara Xaaliyaan Impaayera Itoophiyaa weerare, Hayile Sillaaseen Impaayera gad- lakkisee baqate. Bakka baqaatii, murna Xaaliyaaniin lolaa turanii dhaadataa ture. Maqaa isaaniitin gargaarsa funaanaa ture. Akkasumas, har’a murni hooggana ABO ti ofiin jedhu kun bakka baqaa irraa maqaa WBO tiin dhaadata. Maqaa WBO tiin maallaqa funaana. Garuu, maalaqni kun guyyaa tokko illee WBOf ergamee hin beekamu. Akkuma Biritaaniyaan Xaliyaanii mooyatee, Hayile Sillaasee aangoo irra kaahe, murni baqataan hooggana ABO ti ofiin jedhu kuniis, gaaf tokko Eritriyaan, ykn Ameerikaan akka aangoorraa qooda fudhanu nu godha jechuudhaan gororaa jiru. Kanaaf, akka oduun jirutti “AFD” deebisee ijaaruuf tattaafataa jiraachuun isaa himamaa jira. Walgeettii Osolo, Norwaytti godhamuuf deemamaa jiraatuun isaa ifa godhamee jira. Hoogganni kun, hooggana oduufannoo soba oomishee ofis sobaa, miseensotaas sobaa, ummata Oromoo fi ummata addunyaas sobaa, namaa fi Waaqas sobaa, lafaarraa fi samii jala deemaa sobaa jiraataa turee fi jiraataa jiruu dha.

Dhugaan jiru, qabsoo bilisummaa Oromoo ofdura furgaasuuf, tarkaanfachiisuuf, galii isaatiin gahuuf, ABO humneessuuf, tokkummaa dhugaa kan sabboonootaa, waraaqtootaa, qabsaawoota ijaaruu fi jabeessuun murteessaa dha. Kanuma wajjiin, murna qabsoo bilisummaa Oromoo maseensaa turee fi ammallee maseensaa jiru ykn qancarsaa turee fi ammallee qancarsaa jiru kan hooggana ABO ti ofiin jedhu kana hoogganummaa ABO irraa kaasuun fardii dha. Akkasuma, murteessaa fi gaafii yeroon gaafataa jirtuu dha. Dhugaan jiru, bara 1999 irraa jalqabee ABO hooggana hin qabu.

Gootoota qabsoo bilisummaa Oromoo

Suuraan armaa gadii, suuraa jagnoota walabummaa Oromiyaa dhugoomsuuf, qabsoo bilisummaa keeessatti wareegamanii ti. Jagnootni kun, jagnoota bara-baraan seenaa Oromoo keessatti yaadataman. Suuraan isaaniis kan armaa gadii kana:

gotoota

Jagnootni, qabsaawotni, fi sabbootootni kun, biyya isaanii Oromiyaa, sabaa fi qabsoo Oromoo keessaa baqatuu irra qabsoo keessatti wareegamuu filatan. Seenaan Oromoo yoomuu barabaraan isaan yaadata. Wareegama isaaniitiin Oromiyaan bilisoomti. Qabsoo isaan wareegamaniif kana itti fuufuu fi xumuraan gahuuf murteessaan tokkummaa qabsaawota Oromoo ti. Shirri qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hoojjatamu haa fashalu!

Tokkummaan Oromoo haa lallisu!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …