Oduu Haaraya

Gabaasa Humna Addaa Oromiyaa ..

Waan “Humna Addaa Oromiyaa” jedhamu kana amma dura waa xiqqoo irraa jennee turre. Humni kun eenyu? Eenyuun hogganama? Kaayyoo akkamiif akkamitti caaseffame? Gabaasaa keessa beekessi achuma caasaa sana keessaa nuu erge kana akkuma jirutti qalbiin dubbisaa. Gabaasa Humna Addaa Oromiyaa

1. Caaseffama (Ijaarsa):Bakka 3 walitti dhufe. Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa kan turan, Kora Bittinsaa Oromiyaa fi haaraa kan galanii dha. Isaan kun:-Kanneen RIB turan rakkoo naamusaa adda addaatiin waraana keessaa ari’amanii bara 2010 dhiifamni kan godheefi ture amma waamamanii Humna Addaa kana keessatti gulantaa adda addaatti ajejoota tahan.- Kora Bittinsaa Oromiyaa keessaa kanneen amanamooo tahan filamanii warri itti dabalamanis akkasuma gulantaa Saglii (Team Leader) irraa eegalee haga gubbaatti ajeja irratti rammadaman. Ulaagaa rammaddii fi gamaggamaa keessaa tokko Sabboonummaa Itoophiyaati.- Kanneen haaraa seenan ammoo heddumminaan kutaa 8 haga 12 kan kutan ykn kufanii dha.

2. Ajeja (Command): Ajeja gosa 2 qaba. Kan idilee fi Idilee malee (Formal & informal) dha. Ajejni Idilee Caasaa haaraa uumame, kan Dachaasaa Bitimaa fi Baqqalaan hogganaan yoo tahu ajejni idilee-malee ammoo maqaa komaandi Poostii jalatti waajjira paartii fi Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaati. -Ajejni idilee humna kanaa jalaa ol (Bottom-Up) ijaarame. Mooraa leenjii keessatti waan hundi xumuramee Dachaasaa faatti bulchiinsi isaa kenname malee irraa gadi Baqqalaa fi Dachaasaan faan kan ijaaran miti. –Yeroo ammaa humna Addaa kan ajeju Komand Poostii baatii

2 dura dhaabbatee dha. Komandi poostiin kun sadarkaa naannootii haga aanaatti jira.–Sadarkaa Naannootti miseenosonni isaa President, I/A Bulchiinsa fi Nageenyaa, Ajejaa Humna Addaa, Ajejaa Poolisii Idilee fi Waajjira Paartiiti. Maqaadhaan ammoo: Shimallis Abdiisaa, B/J Nugusee Lammaa, Dachaasaa Bitimaa, Araarsaa Mardasaa fi Abbabaa Garasuuti. —Kanneen keessaa Abiyyi kan yeroo yerootti quunnamu Nugusee Lammaa fi Abbabaa Garasuuti.—-Sadarkaa godinaa fi aanaattis komaandi poostiin bifuma kanaan ijaarame. kanaaf ajejni Humna Addaa kun Waajjira Paartii fi dabballota godinootaa fi aanotaa harkatti kufee jira.

3.Bobbaa (Operation ) Waajjira dhaabaa fi Nageenyaa godinootaa fi aanotaatu bobbaasa. Yeroo bobbaa malee kaampii keessaa bahuun dhokraadha. Warri paartii nama hidhuu barbaadaan “shiftaa” jedhanii humna kanaan qaban. isa booda ummata naannoo tumanii, shororkeessanii deemu. Milishaa fi poolisii idilee waliin bobba’u. miseensi tokko bakka dhaloota isaatti hin rammadamu.

4.Gocha: Humni kun telefoona joollee irraa guuree suuraa Jawaar fi Lammaa akkasumas kan hogganoota dhaaba Oromoo yoo arge ni caccabsa. Meemoorii harkaa fuudhee nyaachisa. Rifeensa joollee qabanii ibiddaan gubu. joollee walitti hidhanii rifeensa keessan wal irraa dheedhaa jedhaniin. Abbootii qabeenyaa bulchiinsa Bilxiginnaa qeequ ni reebu, ni dararu. Mana qotee bultootaa ni gubu.

5. Hubannoo Ajejootaa: Hubannoon siyaasaa ajejootaa gadi aanaa dha. Kanneen gara gubbaa jiran xiqqoo ni wayyu. Kan dhiigaan Oromoo tahe Halagaafuu hojjetaa baanee akkamiin har’a mootummaa Oromootif hin hojjennu jedhee ummata reebaa oola. Tahus sadarkaa ajeja oliitti rakkoon siyaasaa uumamuu ni beeku. Siyaasni yoo gubbaa irraa hin sirratin egereen Oromoo hammaataa dha jedhanii kan yaaduu danda’anis ni jiru.5. Hidhannoo: Hidhannoon kolaashii fi boombii dha. mooraa leenji keessatti hidhatanii bahu. Dabalataan meeshaa guguddaa Haga Bireenii hidhatu.

6. Hubannoo Keenya: Humni kun dirqama Abiyyi aangoo irratti eeguu fudhatee bobba’e.Hogganni isaa Dachaasaa fi Baqqalaa tahus hojii fi bobbaa guyyuu humna kanaa kan ajeju Waajjiroota Paartii fi Nageenya Oromiyaa sadarkaan jiranii dha. kunis maqaa komaandi poostii olitti ibsame sana jalatti hojjetama. waan taheef, Haga caaseffamni kun jtaheef humni kun sadarkaa ilaalchaatti fayyee ummata cinaa dhaabbata jennee hin amannu. Akkuma TPLFn waraana Agaazii fi Liyyuu Poolisii Abdi illee sana fayyadamaa turte, Abiyyi Ahimad Humna Addaa kana qopheeffate.Tahus, Kana laamshessuu fi meelchuuf toftaalee gara garaa hojiirra oolchuun fala tahuu ni danda’a.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …