Oduu Haaraya

Gamtaa Barattoota Oromoo Yuniversitii Arbamincii

Nagaan haa dursuu! torban kana lukkeen wayyaanee sababii hidha abbayaa sababeeffachuun shakkii fi sodaa qaban ibsachuu yaalan. Moora guddichaa keessatti walga’ii taasisaniin biyyonni eEgypt WABO jajjabeessina jechaa waan jiraaniif, ummanni Oromoo milli’oona 35 ol tahani jiruu mallii keenyaa maali jechuun romi’iinsaa guddaan jollee habesha qofa marisiisaa turtteetti. Maari saani kananis lukkeen isaani facaasuun lafa ilmaan Oromoo lama fi isaa ol tahaan haalan eegu akkasumas, OPDO cimsanii qabachuun umurii akka dheereffatan irratti walii galuun xummuranii.
Haalumaa kanaan wal qabatee samichaaf akka mijjaa tuufitti nyaata fooni kan dhiyeessa turan gara shirottii jijjirani jiru. Kanaaf,yaa ilmaan Oromoo haga yoomittii haalli dhufu darbuu nurratti wal-jijjiruun isaaf tahaa jettani yaadduu.ilmaan habesha akka waan oromoon bakkaa qabnee fi homaa waa’ee hin baafneetti nu lakka’uun mirgaa namoomaa keenyaa sarbuun,biyyaa itti dhalannee guddanneetti guggufuufiin dirqama nutti taatee.yaa ilmaan Oromoo!jiruun matayyaa kun eessanu nun geessuu lafa jirtattii walitti itituun wa’ee egeree oromiyaa fi jaarmiyaan siyaasa Oromoo maal jechuuf jira jennee haa qiyyaafannuu.
Qabsoon Oromoo galmmaa gahuu kandandeessuu yoo tokkoon tokkoo keenyaa maal nadhibdee tokko malee faana tokkoon beektotaa keenya duuka hiriruun, qabsoo keenyaa ishee ganamaa jalleewwaan qaqqaali itti wareegaman jajjabeessuun mirgaa namoomaa fi abba biyyummaa keenyaa raggaasifachuu danda’uu qabna.innis WABO jajjabeessuun dirqamaa akka tahee enyummitti keenyaa hubachuu qabna.tokkummaa tokkummaa!yaa ilmaan oromoo……….kan afaani miti ishee dhugaa!!!!
G.G.B.I.Of.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …