Oduu Haaraya

Gareen maqaa dhaabaatin biyya alaa irraa galan gandarra ya’anii shubbisuu malee ummata Oromoof jijjiirama fidaa hin jiran

Dhaamsa biyya keessaa dhufe
=============

Haali amma siyaasni keenya keessa jiru hedduu nama yaadessa. Sababni isaa:
1’ffaa Diinni qabsoo keenyaa waayyaanneen bakka jirtu wal sassaabde tokkummaan qabsoo fuula duraaf karoora baasaa jirti.

2’ffaa Mooraan qabsoo Oromoo keessaa fi alaan tokkummaa dura hanga tokku uumamee ture gara duubatti harkisaa jiraa.

3’ffaa Dhaabonii siyaasaa Oromoo alaa fi keessa jiran tokkummaan walitti dhufuun dhaaba haala siyaasni Oromoo irra jiruun hogganuu danda’u hundeessaa hin jiran. Keessumaa immoo warri alaa dhufaniiru jedhaman qabsoo hadha’aa Oromoon gochaa tureef bu’uura guddaa uumu jedhamee osoo eegamuu, faallaa isaa summii tokkummaa sabaa diigu uummata keessa facaasuu fi akka nama silayyuu karaa itti galee fira dubbisu dhabe galanii fira isaanii waliin shubbisa eegalan.

Kanaaf mooraan qabsoo keenyaa yeroo kamiyyuu caalaa yeroo murteessaa fi rakkisaa keessa waan jiruuf adaraa keessan dhaabota siyaasa jirra ofiin jedhanii fi bulchaan jira jedhan akka dhimma Oromummaa qofaaf tokko ta’aan itti nuuf duulaa jechuun barbaade.”

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …