Oduu Haaraya

GIDIRAA MOO GIBIRAA? 

————————————–
Siyaasaadhaaf diinaggeen
itti haguugdanii
Maal nyaata iyyeessi 
qe’ee duguugdanii?

Qorsoo gogduu nyaachaa
rakkatee baratee
rakkoo hedduu obsee
sammuufii qaratee
Inni eebbifame
yoom hojii qabatee?

Miseensaaf ogummaa
wolitti hiitanii
Miseensummaa dinnaan
hayyuu ariitanii
Mirgasaa gaafannaan
tumtanii hiitanii
Rasaasa ibiddaatiin
foonsaa jajiitanii
Hanga yoom iyyeessa
waan hundaan miitanii?

Biyya rakkistanii
galaanatti yaasaa
Haadha, abbaaf ilmaan
gargarii facaasaa
Jiruusaa booressuun
hawaasa mancaasaa ,

Kijibaan sossobduu
tolfattanii haasaa
Ummanni guddisu
haftoowwan rasaasaa
Qarshii eessaa fida
qotee boollaa baasaa?

Meetiree imaaxaan
biyyaan guddisuudhaa
jireenya iyyeessaa
hiddaan buqqisuudhaa?
Ummata saamtanii
beelaan kuffisuudhaa
Keenya daarsitanii
keessan uffisuudhaa?

Meetiree tarsiimoof
misoonmi baaddiyyaa
Hawaasni saamtanii
nyaata dhabee iyyaa?
Qixxaa iyyeessaarra
Yeroo keessan xiyyaa
Ati du’i jettuunii
an ni baha tiyyaa?

Sagalee ummataa
qawweedhaan mootanii
Abbaa haqaa hin hiinee
yakkamaa gootanii ?

Kan qotee nyaachisu
maatiirraa footanii
Haadha ilmaan isaa
kadhattuu gootanii
gibira maaliitiif
dafqashii hootanii?

Kalee lafasarraa
humnaan kafattanii
Abbaa manaa qawween
manaa baafattanii
hardha gibira kam
ilmaan gaafattanii?

Isin konkolaataan
galchuudhaafi alarraa
namni beela dhoorkuuf
yaadda’aa dhalarraa!

Iyyeessa jiraatu
jiruu namaa gadii
Kun tilmaama akkam
roorroon guyyaa adii
bittaadhaa gibiri
harki dachaa badii?

Hidhaaf ulee keessan
duruu laalleffannaa
Qawwee keessan sodaa
hedduu qaaneffannaa
Nu hin saamtanii lakki
ni balaaleffannaa.

Kun gibiraa mitii
lakki gidiraadhaa
waaqni iyyeessaatis
hundaa ol jiraadhaa
mee galii tilmaamaa
ilmaaniif hiraadhaa.!

Seeraan gibira kennuun
eessumayyuu ni jiraa
Dachaa 10’n gaafachuun
Gidara moo gibiraa?

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …