Bakka jirtutti nageenyi rabbi si haa gahu. Akkuma waliinuu hordofaa jirru ummanni Oromiyaa ammas mormii biraa keessa seenee jira. haala kanarratti qabxii muraasa siif dabarsuun fedha.
1) Ji’oota jahan dabran kana ummanni Oromoo bifa hoggana OPDO kamiifuu godhee hin beekneen ofitti si fudhatee jira. Godinoota hunda keessatti bahee si simachuun si dhugeeffatee jira. Kana kan godheef dhugaa isaa waan irraa dubbatteef. Haasaa keettu onnee seene. Xiqqaatus tarkaanfii qabatamaa ati fudhattetu abdi itti hore.
2) Mormiin amma ka’es kan jibba siifi bulchiinsa keetii miti. Inumaatu ummanni abdii waan sirraa qabuuf waan warra si duraa tokkollee hin gaafatin si gaafachaa jira. Gibira humnaa olii nurraa buusi jechaa jira. Hubadhu, ummatuma har’a suuqii isaa cufee konkolaataa dhaabe mormaa jiru kanatu gaafa ati karoora warraaqasa diinagdeetti isaan waamte garagalee bahee guyyaa takkatti miliyoona dhibbatamaan sheeri bitate. Kanaaf ummanni waan gaarii ati fidde yennaa itti amane qabatamaan si bira dhaabbatee; gaafa waan isa miidhaa itti fidde mormiitti deebi’e.
3) Gibirri amma fe’ame kun madaallii kamiinuu humnaa ol akka ta’e sitti himuun hin barbaachisu. Bara dabre sochiin diingdee biyyattii, keessattuu kan Oromiyaa haalaan miidhamee akka ture namuu beeka. Hamma fedhes hanqinni bajataa jiraatu bara kana gibira dabaluun gaariidha jedhee abbaan murteesse nama qalbii hin qabne ta’uu qaba. Ummanni gibira kana kafaluuf osoo hayyamaa ta’eeyyuu kafaluuf qarshii isaa hin qabu. Pirojektoota yaaddaniif maallaqa yoo barbaaddan gadi baatee ummata keetin dhugaa itti himtee as kennaa osoo jetteenii galii silaa gibiraa kanaa oliin si badhaasuu mala. Garuu gibira haqa maleessaa itti fe’uu ammoo cichee morma.
4) Ummanni kan mormaa jiru gibirri humnaa ol isatti dabalamuu qofaa miti. Kubbaniyyaaleen gurguddaan Oromiyaaf gibira kafaluu dhiisanii seeraan ala mootummaa federaalf kafaluu isaanii, akkasumas, qabeenyi uumamaa Oromiyaa harka alagaa jiraachuu isaati. Mootummaan naannoo Oromiyaa daldalaa magaalaa Ambotti dafqa isaa xuruurse suuqii xiqqoo takka banate irratti gibirri dachaa shaniin yoo dabalu, warra bishaan Amboo waraabaa biliyoonaan gugurguratu irraa sumunii buufachuu yoo dadhabe maal jedhamaree? Kanaafuu mormiin ka’aa jiru gibira hin kafalluu osoo hin taane gibirri kan galii keenyaan wal madaale haa ta’u, Oromiyaan qabeenya isheerratti abbaa haa taatuudha. Afaan biraan mormiin kun mootummaan naannoo Oromiyaa mirgaafi aangoo seeraan kennameefi shiraan irraa fudhatame akka deebifatu guuza/ jigii bahaafi jira jechuudha. Itti fayyadamaa!
5) Mormiin kun hamma ammaatti sochii farra mootummaa miti. Mootummaan gibira humnaan walgitu ( fair taxation) haa nu gaaftu akkasumas sirni federaalizimii diinaggee ( fiscal federalism) hojiitti hiikamee naannoleen qabeenya lafa isaanii irra jirutti aangoo guutuu haa qabaatan kan jedhuudha. Kana ifatti jara waliin jirtan hubachiisu qabdan.
Kanarraa ka’uun gorsa obbolummaa armaan gadii laachuun fedha
– Shalaggii gibiraa haaraa kana dafaa haqaa. Yoo baay’ate ummanni hammuma bara dabree haa kafalu.
– Rakkoon adeemsa gibira guuruu Oromiyaa keessa akka jiru namuu beeka. Kana bifa gaariin furuuf koree ogeeyyota biiroo galiiwwani, hayyoota dhimma kana qoratan, fi daldaltoota irraa walitti dhufan jaaraa. Koreen kun mariifi qorannaa godhee yaadaa imaammataafi tarsiimoof ta’u isiniif haa dhiheessu.Sanirratti hundaayun gibirri bara dhufuu haa murtaayu.
– Heerri mootummaa Itoophiyaa akkaataa gibirriifi galiin itti guuramu irratti ifaadha. Daladala alaa ( import and export) kan gibira irraa guuru federaala. Daldala naannoo keessaa kan gibira irraa guuru mootummaa naannooti. Albuuda gurguddaa irraa ammoo waliin hiratu. Kubbaaniyyaan tokko hamma fedhes haa guddatu, eessattuu haa galmaayu gibira naannoma keessatti galii irraa argatu saniif galchuu qaba. Kana sodaa tokko malee falmadhaa. Jarri diddee morma raasnaan tarkaanfii fudhadhaa…heeraafi ummanni isin faana jira.
– Mormiin godhamaa jiru guututti kan nagayaati. Ummanni hokkara kaasuu gonkumaa hin barbaadu. Kanaafu qaamota nageenyaa naannoo ajaja kee jala jiranitti qajeefama ifaafi jabaa dabrsuun ummata akk hin tuqne dhoorgi. Poolisiifi loltoonni federaals ummataan akka walitti hin buune akeekkachiisa ifaa warra isaan ajajuutti dabarsi.
– Dabballee jaanjoo garii kan alagaan akka qalqallootti akka isaa tahutti hodhe, tan yeroo ummanni komii kaase hunda saba ciniinuuf fiigdu tana sansalata mormaa gabaabaa ( short leash) itt godhuu feesisa.
Dhumarratti dhugaaf haa t’auu fakkeessaaf waan ummanni jaalatu dubbachuun qalbii isaanii hawwattee jirta. Jechoota dubbatte hojitti hiikuun qormaata itti aanee si eeggatuudha. Dhimma qubee ofirraa dabarsitanii jirtan. Qormaata Finfinnee gatantartanis yeroo dheereffachuu dandeessanii jirtu. Dhimmi gibiraa qormaata cimaadha. Waadaan ummataa galteefi abdiin itti horte hoomacha moo dhadhaadha kan jedhu asirratti adda baya. Ummanni ammas abdii sirraa qaba. Ati didnaan ykn dadhabnaan mirga isaa kabachiisuuf qophiidha.
Nagayaan
Obboleessa kee
Jawar Mohammed
Taresanegasa@gmail. com