Oduu Haaraya

Gochaa arr’a Taakkalee Uumaarratti tahe kanarraa kaadreen PP waa baratti laataa?

Kashlabboonni amaara dhala Oromoo (Taakkalee Uumaa) DC keessatti akkasitti xiqqeessuu isaanii ijaan arguun onnee nama cabsa. Kanneen aangotti fayyadamyanii ummata fi saba isaanii ka irraa dhalatan bu’aa yerootiif gidirsaa bahaniifii arraa’as itti jiraniif gochaan kun barnoota isaanii ni taha laata?

taakkalee uumaa

Dhaamsa Gabaabduu…

Aangawoonni ammaa gaafa gara aangoo dhufan hedduu keenyatu gammade. Erga aangoorra bahanii irra bubbulanii garuu wal shakkuufii waan tokkummaa keenya diigurratti bobbahame. Ummata ofii dhiisanii alagaa firoomfachuuf hedduu yaalame. Aangoo hidda gadi jabeeffachuuf waan nama gaddisiisu hedduutu Ummata keenyarratti raawwatame. Taakken faan hamma Azmaarii Goondar fakkaatanitti isaanitti dhihaataa turan.

Wanti DCtti isarratti raawwatame waan gammachuu namaaf kennuu miti. Oromoodhumti Baga isaanitti jedhu jiraachuun isaa beekamaas tahu, dubbiin Taakkalaadhaa oli. Jibba Nafxeen Oromoorraa qabdutu yeroo akkanaatti calaqqisa. Habashaan ammaan achi osoo waan feetes gootee hoggansa Oromooo hangana isiitti dhihaachuf yaale hin argattu. OPDOn waan hedduu compromise goote, firooma bitachuuf. Tarsiimon kun kufaa tahuun isaa kalees waan heddu argine, kan ammaatis ragaa dabalataati.

Hundaafuu, yeroo akkanaa kana Habashaa waliin hidhatanii “ jara keenya” irratti duulun tarsiimoo siyaasaa sirrii miti. Gama tokkoon ilaalcha Habashaa jibba Oromoo irratti bu’uurawe kanarratti duuluu barbaachisa, gama biraatin immoo warra yeroo gabaabaa keessatti aangoon macheessee Ummata ofii dagachiise kana gorfachuu feesisa. Gaafa gamaa gamanaa wal dandeessisanii siyaasa of dura dhiiban faaydaa Ummata ofii dhugoomsuun akka namaaf laaftu wal hubachiisuu feesisa.

Kanuma

Keenyas Oluma

#HawiAnole

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *