Oduu Haaraya

Gochaa biyya Misra keessatti tahaa jiruuf eenyuutu itti gaafatama?

Yeroo Ijoolleen Oromoo guutuu Oromiyaa irraa diina biyya nurraa fudhate wajji harka qullaa wareega olaanaa baasaa jiranitti oduun biyya Masrii (Egypt) irraa deddeebitee dhagahamtu Oromoo biyya san keessaa qofa osoo hin taane hirmaattota sabqunnamtii hawaasummaa fi akkasumas Hawaasa Oromoo guutuu addunyaa jiraatan Walhaasofsiisaa jira.

Yeroo tokkoomnee humna keenya diina qofa’rratti bobbahaa jirru kana keessattillee akka Afaan waldeebinee diinaaf karaa bannu ta’amaa jira.

Keessattuu dubbiin walfalmii Alaabaatii fi Dargaggoo Birra Gemedi xumura argatuu hin dandeenye. Ibsi maqaa Caaya Tokkummaa Oromo Masrii jedhu jalatti guyyaa hardhaa bahes kan nagaaf qabbana buusu ykn fala barbaadu natti hin fakkaatu.

Kanaaf jecha:

1. Akkuma Seera Oromootti akkasumas seera biyya keessa jiraattaniitti dubbii kana xumura haqaa itti barbaaduu,

2. Nama kamiyyuu haata’uu karaa haqa hin taaneen wal-yakkuu mannaa haqni ifa-bahee murtii madaalawaa kennuu,

3. Hawaasni Oromoo masrii tokkummaa Oromoo tiysuuf waan hunda dura fardeeffatee ka miidheef miidhamellee haqaa fi yakka itti barbaaduu fi Itti muruu,

4. Dubbiin Birra Gemedi basaasa jedhu kun ragaa qabatamaa tokko malee akkasumatti labsamee qofaaf hin fudhannu. Kanaaf akka tooftaa “intimidate” kookkoo waliin sodaachisuuf nama Ani jibbe jibbi nama Ani jaaladhe jaaladhuu ykn hijaa walbahuu, gartuu siyaasaa fi gandummaa walirratti uumuun moofeera, woyyaaneefuu hin hojjanne.
Birraan mee maal basaasa? Warri inni basaasuuf yoo dhiigni isaa dhangala’u kana maal eegaree? Embassiin Wayyane Masrii maaf hin waldhaaniniin ree? Oromoo cubbuu diinni ittiin nu yakku walirratti hojjachuu haadhiifnu. Nuti sadarkaa Oromoo diinomteyyuu hawannee yaamicha gooneefii diina jalaa baafachuuf daran jabaannee hojjachutu nurraa eegama. Ka diina waakkatee nutti dhufuu barbaadu yoo waan nuti harka keenyaan wal irratti raawwatnu kana arge maal yaada jettu?

5. Dubbiin Alaabaa kunis amma jibbisiisaa dhufeera. Dhiiga ijoollee Oromoo diinaan dhangala’aa jiru ilaalaa, rabbi sodaadhaa nurraa caamsaa. Gaafa abbaa biyyaa taane biyyattiin haagalannu hagasiif obsumaan wal-haa-keessummeessinu.

Walumaa galatti yeroo kanatti rakkoo keessa keenyaa irra aannee diina biyyaa nubuqqise ofirraa buqqisuuf waltaanee harka walqabannee akka duratti deemnu kabajaan isin gaafadha! Oromoon akka walmalee womaa hinqabne kadur caalaa ji’oota 4n darban kana arginee jirra.

Let’s solve our internal issues in amicable way and focus on common and major issue. We have a lot of unfinished business and let’s get to work. Galatoomaa Lammii kiyya! Rabbi Oromoo haagargaaru!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …