Oduu Haaraya

Godaantoota Libiyaa Keessatti Rakkatan Gargaarraa

Godaantoota Libiyaa keessatti danqamanii jiran Amerikaa kaabaa fi Awurooppaa dabalatee biyyonni nagaa qaban eeguumsa akka taasiisan gareen Doktooroota Daangaan hin uggurre gaafatee jira.Kana malees kanneen haala hamaaf saaxilaman kun hatattamaan Libiyaa keessaa akka baafaman gaafate.

Kunis godaantoonni achitti danqamanii jiran karaa chii itti ba’u danda’an hedduu banuun, akkasumas karaa ittiin ba’aman kan amma iyyu jiru jajjabeessuun ta’a jedha.

Bakka bu’an Doktooroota daangaan hin uggayyee akka jedhanti, erga bara 2016 Libiyaa keessatti gargaarsa dhala namaa kennuu jalqabee as, kanneen mannen hidhaa keessa jiran dabalatee godaantotaaf eegumsa gochuuf carraaqaa jira.

Godaantoota Libiyaa Keessatti Rakkatan Gargaaraa:Garee Dooktoroota Daangaan Hin Uggurre 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …