Oduu Haaraya

Godina Adda Oromiyaa Finfinnetti dabaluun Heeraa Ethiopia diggudha.

Getachew Jigi Demekssa

Daangan Finfinnee Kara Finfinne Marsuu (Ring) ala ba’uu hin qabu Finfinneen ol gudachuu qabdi malee dalga gudachuu hin qabdu. Oromoon yeroo samamu caalisee ilaaluu hin qabu.

Mootumma Ethiopia Keyata 49 lakkoobsa 5 irratti Finfinnen waan Oromiyyaa keessa jirtu fi lafa Oromoo waan tateef Tajaajila fi dhiyeesii hunda Oromiyyaa irra waan argatuuf Oromiyyaan Finfinne irratti mirga qabdu fi fayiidaa isheen argachuu qabdu kun ammoo balinan seeran mirkana’af jeedha. Kun Heera biyyatti olanaa fi waan seera birran hin jijjiramnedha. Uummatoota biyyatti qoofatuu heera kana jijjiru danda’a.

Oromiyyaan Mirga fi fayiida Finfinnee irra argachuu qabu Heera Federalan keyata 49 lakobsa 5 irratti keename waggoota 23 guutuu utuu hojii irra hin oliin turun isaan dadhabina OPDO fi Tufii TPLF OPDO irratti qabdu argisiisa. Oromoon mirga isaa Heera Federala mirkana’e kana falmachaa jira. Mootummaan Heera kana halaa dure tokko male hojii irra olchuu qaba ture. Lamaffaan Heera Federalan Dangan Oromiyyaa Sararame Kabajamu qaba. Federalii lafa Naannolee fudhachu hin danda’u, lafti kan Uummataa fi mootummoota naannooti. Heera kana alaa mootummaa Nannoo irra lafa kurmana tokko ilee fudhachuu weerara ykn Heera cabsuu dha. Oromoon lafa isaa akka barbadetti yeroo barbadetti misommsuuf mirga qaba. Mirga Oromoo kana cabsuun Danga fi heera federala cabsuun Godina Aaddaa Oromiyyaa gara Finfinneeti kuutun Heera Fedrala Ethiopia diggudha. Kana malee Mootumman Federla lafa hin qabuu. Mootummaa Nannooleetu waligalten Federala hundese busii Mootummaa Naannoolen jirachuu qaba. Federali lafa Nannoolee irratti mirga hin qabu. Lafa ykn Magaala Federala kan jeedhu Adunya irra hin jiru.

Finfinneen wagoota 130 hunda darban keessatti kan babalate Hektara 54 qoofa kan qabate yemuu ta’uu. Master Plani amma kana ammoo Godina Addaa Oromiyyaa irra Hektara Milliona 1.1 (1, 100,000 Hektar) yeroo tokkon fudhachuun lafa kana gurgurachuuf yaadameeti immoo Oromiyyaa misommsuuf yaadameeti? Kayoon Master Plan kana Uummata Oromoo milliona 5.7 buqisun, Aannoolee 17 Magaaloota 36 dhabamisisun lafa hektara milliona 1.1 gidugalessa Oromiyyaa dhuunfachudha. Afaan Oromoo fi Addaa Oromoo Naannoo sun irra baleessan akkuma Finfinnee amma kana goochudha. Utuu dhuguma mirga Oromoo egan ta’e, 1ffaa Kuutaale Magaaloota 10 fi Aanalee Finfinnee 116 keessatti Mana barumsa Afaan Oromoon banuu turan. Fayidaa Oromiyyaan Finfinnee irra argatuu mirkaneesu turan. Gidugalessa Aadaa fi Afaan Oromoo Finfinneeti banuu turan. Afaan Oromoo Afaan hojii Finfinnee goodhu turan. Hojeetan Nannoo Oromiyyaa Finfinne keessatti dursa akka argatu goodhu turan. Waajjiralee Oromiyyaa Finfinnee keessa Gamoo mootummati kafalti tokko malee akka fayadaman goodhu turan. Kun hundi waggoota 23 kana keessatti hin goodhamnee. Oromiyyaan Xurii fi Summii Finfinnee keessa dhagala’uun badaa jirtti.

Oromoon hundi kana beekee fi xinxalee falmachuu qaba. Miseensoon OPDO tokko tokko falamii isaan dhagesisaa jiran kan nama boonsuu yemuu ta’uu. Kara birra ammoo Yeroo Tigiren Lafa Oromoo Godina Aaddaa Oromiyyaa fudhachuf dhadatuu, Oromoon akkamitti caalisee Galee mana rafa?. OPDOn (Abdulazizi Mohamad, Abdulqadirii Husen, Diriba Kuma fi Dhaabbaa Dabale) kan beekuu qaban, Kiyata 49 lak.5 irratti Oromiyyaan Finfinnee irra Fayiida argachuu qabdi kan jeedhu Oromiyyaaf erga Heeran mirkana’ee waggoota 23 Finfinnee irra mal argate? Oromiyyaan Mallaaqaa Finfinnee irra argatee qabdi? Ijjoollen Oromoo finfinnee keessatti Afaan isaanin baraacha jiruu? Finfinneen Oromiyyaa irraa Bishan, Ibsa, fi Muka argatuuf mal kafala jirti? Xuriin Finfinnee keessa Oromiyyatti gadi ya’ee Oromiyya Baleessa jiruf Finfinnen Beenya hangam kafalte? OPDOn mirga Oromoo Kabachiisan jira jeedhu Oromiyyaan mirga isheen Finfinnee irratti qabduu maliif hin kabachiifne?, Finfiineen duguma Magaaloota kana misommsuuf yaadeti moo Wayyanetu lafa Naannoo kana samee gugurachuufi? Eeyama uummataa Oromoo male, marii Caffee Oromoiyyaa male xalayadhan lafa Oromoo fudhachuun uummaticha tufachuu miti? Fayiidan Oromiyyaan Finfinnee irra argachuu qabdu waggoota 23 dhorkatamee utuu deebi hin argatin Godina Aadda Oromiyya walin misoommsu irra Oromiyyaan atamiin fayida argati? Maliif akkuma Horii nama gowomsuu yaaluu? Kun deebi argachu qaba.

Oromiyyaan Fayidan isheen finfinnee irra argachuu qabdu mal ta’uu qaba gaafi jeedhu deebi gagababa yaada isaa ibsuu qabna, fayidaleen kun fakeenyaf:-

1. Xuurii fi Suumii waggoota 100 ol Oromiyyaatti dhangla’a turef Oromiyyaan beenya argachuu qabdi,

2. Oromiyyaan Galii Finfiineen waggatti argatuu keessa harka 40% argachuu ykn qoodachuu qabdi,

3. Finfinneen Kutalee Magaaloota 10(Kifile Katama) fi Aannalee 116 keessatti Mana Barumsa kutaa 1-12 afaan Oromoo ijjoolen Oromoo itti baratan ijartee barsisa itti qacaruun mirga Oromoon lafa isaa irratti afaan isaan baraachuu akka argatu mirkaneesuu qabdi;

4. Waajjiralee Oromiyyaa Finfinnee keessa jira Maneen Mootummaa Finfinnee keessa jiruti tola itti fayadamuu qabu, yoo ijarachuu barbadan ammoo Giduu galeessa Finfinnee keessatti bakka barbaadan lafa tola fudhatani akka ijjaratan mirga guutuu fi dursa argachuu qabu,

5. Waajjiralee Finfinnee hunda keessatti fi mana murtii keessatti Afaan Oromoo Afaan hojii isaa 1ffan akka ta’u goochu,

6. Hojeetaleen Oromiyyaa Finfinneetti qacaramuu fi ykn ammoo Oromiyyaa irraa jijjiraran gara Finfiinee argachuuf seeran dursa akka argatan goochu,

7. Radion danbalii Gababan(FM) Finfinnee keessatti afaan Oromoon akka tamsasu,

8. Finfinnee Gammo Aadda, Afaan ,Muzeyem fi bakka argisisa Aadda fi seena giidu galaa tokko Oromiyyaaf ijjaruu qabdi,

9. Dangaan Finfinnee Balini ishee sadarka gaafa Heeri Federalan tummame jeechun kara Gengoo (Qubela) Finfinne marsee kanan akka dangeefamtu,

10. Kanan booda Xurii fi Summin kami iyuu laga Oromiyyaa yoo dhagala’ee badii ga’uuf ittigaafatama fuudhachu,

11. Alaban Oromiyyaa Waajjiralee Finfinnee hunda birrati akka dhabatuu goochu,

12. Kan Kana Fafakatan fayiidan Oromiyyaan Finfiinnee irraa argachuu qabdu dhorkatamte jirti.

Waggoota 100 ol Oromiyyaan Finfinnee Bishan Qulqulu Obaftee, Muki Nannoo Finfinnee Qooran ta’e finfinnee tajjajile dhumee, Ibsa Finfinnee Oromiyyaatu madisisa, biyoo fi dhagaan nannoo Oromiyyaa Finfinnee fayada jira. Oromiyyaan bishan qulquluu Finfinnee Obasa jirtu Finfinnee irra kan argatuu garuu Sumii fi Xurii warsha fi Hosptaloota qoofa. Waan birran hafnan Hojjetoon Mootummaa Nannoo Oromiyyaa Magaala Finfinneetti akka hin qacaramne ykn akka jijjira hin arganee ajaaja Tafara Waluwa fi Kuma Damaqisan waggoota 23 ol dorkamee jira. Waajjirleen Oromiyyaa Gamoo Finfinnee keessa hunda basii gudaa kafaluuf, waajjira Mootumma fi Ortodoks Ethiopia keessa dirqaman ari’aman akka mana dhunfa kireefatan goodhamuu. Bajeeta waajjiralee heedun kafalti kiira manatti dhuma. Finfinnen Fara Oromiyyaa dalaga jirti malee Oromiyyaa misoommsuuf akka hin yaane beekamuu qaba.

Finfinneen akkuma Magaloota Aadunya Gamoo gurguda ijjaruun fi manen duloman diigun Mana jireenya amayaa ijjarun gara samitti ol gudachuu qabdi. Kana malee uummataa lafa irra buqisun caalisan babalisun balaa heedduu qaba. Dogoggora bara durbe itti dabala adeemudha. Finfinneen seeran ala babalaacha jiru kun bala gudaa gesisa jira, uummanii nannoo seeran ala buqa’e qe’ee isaa dhabee dhagga bacha jira. Uummanii kun mana jireenya dhabee, maatiin isaa digamee, Eenyumaa isaa, addaa, afaan isaa dhaba jira. Kan falmacha jiru lafa qoofadhaf utuu hin tane Uummata Shawwa Oromoo siirna dhufa darban buqa’aa jiru kana bararuudhaf. Finfiinnee fi Federalii Oromiyyaa irratti murteesuf mirga tokko ilee hin qaban. Finfinnee fi Federala irratti mirga kan qabuu Oromiyyaa dha. Oromiyyaan Godina Addaa Oromiyyan waggoota meqaa Misoommisaa ba’ee Finfinneef keenina jeechun hangam Oromoo Tufachudha? Dargaggoon Oromoo fi Uummani Oromoo guutun dhimmaa kana irratti yoo caaliftan Oromoo dha ofin hin jeedhina.

Kalessa Naannoo Finfinnee uummatti jiru harki 95% qoonan bula ture, harraa harki 63% egiduu qabeenya Tigire Wardiya (Guard) yamuu ta’uu, harki 30 ammoo Tigiroota naannichatti mana ijjaratanfi dhagga akka batuu raggaan achi irra arganee ni mulisa. Haaluma kanan Oromoon naannoo Laga Lafto /Laga dadhi, Alemgana-Sabata, Burayu-Ashewa Mada, Labu-Lafto fi Aqaqi Basaqa buqa’aan Eenyuma isaan dhabani jiru. Finfinneen kanan dura gaafa Qaliti humnan Oromiyyaa irra fudhatuu qabeenya Oromiyyaan Qabu fi Misoomma Oromiyyaan achi irratti geggesa turef beenya tokko ilee utuu hin basin irra fudhate ammas akkas goochuuf deemu, kana Oromoo hundi dura dhabachun falmachuu qaba.

1. Mirga Oromiyyaan Fifinnee irratti argachuu qabduu Qooratamee akka hojii irra oluu Oromiyyan bara 2003/1995 koree tokko hundese ture, koree kana keessa wara jiran kessa Dhaabba Dabalee, Ittigaafatama waajjira Dargaggoota yeroosi fi Jamal Abaso kkf koreen ijaramee hojiin isaa hanga ammatii maliif hin xumuramne? Wagga 5 dura seeri hangi tokko qoopha’ee ilee hojii irra hin olee. Oromiyyaa mirga ishee gaafatee deebi dhabdee? Kun Uummata Oromoof malif ifaa hin godhamnee? Kun dura Murte atatama barbaada. Fayiidan sun Kafalamu qaba.

2. Finfinnee keessatti Kutaa Magaaloota 10 keessatti fi Aanalee 116 hunda keessatti mani barumsaa Afaan Oromoo banamee akka ijjoolleen Oromoo Afaan isaanin baratan karoorii fi sagantan ba’e Ittiaanan Mootumma Naannoo Oromiyya yeroosi obbo Dagafee Bulaa bu’uura isaa Eebban banani turani garuu ijoollee Oromoof hanga amma mani barumsa Aanalee Finfinnee tokko keessatti ilee hin banamne malifi? Ijoolleen Oromoo lafa isaan Finfinnee irratti afaan isaanin barachuu dhabuun malifi? kana siirresun dirqama OPDO miti? Kun Haala duree tokko malee hojii irra oluu qaba.

3. Mirga Oromiyyaan Finfinne irratti qabachuu qabdu Heera Federala Ethiopian murta’ee TPLF hojii irra olchuu didee wagoota 23 ukamsee jira. Kun akka Hojii irra oluu Miseensoon Paarlamaa OPDO malifi hin goone? Bakka Mirgi Oromoo hin egaminitti, lafa Oromoo samuu fi Oromoo buqisuu irratti mari’atamu hin qabu, Finfinneen Kara Gengoo ykn Kara Qubela Finfinee marsitu ala ba’uu hin qabdu.

4. Finfinnee keessa xurii fi summin laga Oromiyyaatii gadii dhangala’ee ijjoollee Oromoo fixaa jiru atataman dhabachuu qaba. Waggoota 100f xurii fi Summi Oromiyyaatii dhagala’ee uummataa fi qabeenya naannoo baleesef Finfinneen Beenya Billioona 100 kafaluu qabdi.

5. Waajjiralee Oromiyyaa Finfinne keessa jiran Waajjira Mootummatti basii tokko malee fayadamuu qabu. Bakka Barbaadan Giduugalessa magaalaatti bakka waajjiralee itti ijaratan tola argachuu qabu.

6. Waggoota 23 mirgi Finfinne irra Oromiyyaan qabaachuu qabdu seeran mirkana’ee utuu hojii irra hin oliin dabalatan lafa Oromoo Goodina Adda Oromiyya Finfinne jala akka oluu gaafachuun tufii Tigiren Oromoof qabduu miti? Kana Abdulazizifaa attamiin fudhatani seena hin sodatani? Miseensoon OPDO Millioon 4 yeroo Oromoon samamuu caalisee ilaalu fi Uummataa isaa ukamsee ta’uun siiridha?. Kanaafuu Oromiyyaan qoofa ishee Goodina Adda Oromiyyaa irratti Master Plan Mataa ishee fayadamete uummataa ishee gudiisuf mirga gutuu qabdi.

7. Uummani Oromoo fi Dargaggoon Oromoo yeroo Tigiren lafaa Oromoo humnan fudhatu caalisun maliifi? Waggaa meeqa sodacha jiratuu? Baratoon Oromoo Godina adda kana keessa jiran Tigire achii ari’uu hin danda’ani? Hanga yoomiti gadii guguuftani diina jala adeemtuu?. Kanaafuu murteen Eeyyama Oromoo malee murtata’ee kun akka dhabatuu dargaggoon dura dhabachuu qabu, wareegamaaf of qoophesuu qabu.

8. Diasporan ala jiru akka Bedele Biraa irratti Petition Mallateese mormii isaa argisise kana irrattis Petition Mallateesun Moormii isaa argisisu qaba, yakka Wayyane kana biyya jiru fi Motummoota Adunyaa hunda biratti iyyachuu qaba.

9. Dhabbilen siyyassaa Oromoo hundi dhimmaa kana irratti mormii isaan ibsa basuun mulisuu qabu. Dhaabileen Oromoo caalisuu hin qaban. Falmii fi lola uummani lafa isaa irratti goodhu ciina dhabachuu qabu.

10. Oromiyyaan Goodina Addaa kana kan Misoommsa turte, Ashura naannoo kana irra argatun uummataa Nannoo kanaaf Addaa fi afaan isaa ittin gudisuuf malee misoommsite Tigiref lachuuf miti, amma garu Tigiren jalatanis jibitanis isin irra fudhana jeedhe yeroo falmu arga fi dhaga’aa jira, oftuluma Tigire kana warii nu irra ka’an OPDOn of irra buqisuu qabu.Ummani Oromoo TPLF of irra darbachuu qaba.

11. Finfinneen qabiyeen ishee durani Kara Gengoon Marsuu keessa qoofa ammas achi ala ba’uu hin qabdu, Finfinneen gudachuu qabdi warii jeedhan Finfinnee dalgaa gudachuu utuu hin tane ol gudachuu qabdi, Gammoo dheedheera ijaruun Waajjiralee walitti qabun bakka gammoo gurgudatti galchuun rakkon furama malee qotatee bula buqisun ta’uu hin qabu, OPDOn fi Uummanii Oromoo kana falmachuu qaba.

12. Master Plan bafaatan lafa Hektara Millioona 1.1 lafa hanga gudatuu humnan fudhachuun Heera Federla Ethiopia diiggu dha. Kanaafuu siirn Wayyane TPLF wagoota darban lafa Oromoo kukute naannoole birratti dabala ture fi lafa Oromiyyaa Investeroota biyaa alatiif late seera qabessa waan hin tanefi gara fulaa duratti uummata Oromoof akka deebi’u TPLF beekuu qaba.

13. Oromoon Heera Federlan Fayida Argachuu qabdu waggoota 23 erga dhowatamete Finfinneen Oromiyyaa jalati bulu qabdi.

14. Wa’ee Godina Adda Oromiyyaa irratti Federlii gaafi tokko ilee dhiyeesun Oromoo irratti lola labsuu fi Heera waliin bulmata diiguu waan ta’eeef Oromiyyaan Hiree of ofiin murtefachuuf dirqamiti.

15. Finfinnee waliin gudiisuuf kan jeedhamuu Soba fi oduu siyyassaa bu’a hin qabne wayyaneen odeesitu dha, isaan kanan qabatan lafa Oromoo fudhani Tigiref hiruuf jeedhanti

Uummanni Oromoo biyya keessa fi biyya ala jiru dhimma kana irratti hiriira nagaa gochun falmachuu qaba, Media hunda irratti iyyata bareesuun wal dadamaqisee Petition mormii mallateesun dura dhabachuu qaba, Konkoolata Finfinne dha ba’uu fi galuu yabachuu dhisuu qaba, Konkoolata kan Oromoo ta’aanfi Gabatee ORO qaban qoofa fayadamuu qaba, Habashoota naannoo sun qubatan irra bituu fi itti gurguruu dhisuu qaba, Hotela, Mana Barumsa, Suuqi, Takisi, Habashoota fi kkf hund fayadamuu dhisuu qaba. Oromoon mormii fi Uguraa Habashoota irratti goochun diini akka naannoo Oromiyyaa keessaa ba’uu dirqisisuu qaba. Namoon lafi isaan irra fudhamee hundi wal gurmeesun hanga dhumatii falmachuu qabu. Sababin isaa gara fulaa duratti seeri gaafa dhufu qabeenya kun hundi isaanf ta’uu mala. Kanaaf ammoo hara falmachuu qabu. Kan haraa hin falmatiin bara Oromoon abba biyya ta’uu gaafi dhiyeesuf isaan rakkisa.

Mirgi Oromoo soda fi dadhabina OPDO hubachuun lafi Oromoo Harari Hundane, Diredawa, Dasee fi Gutuma Walloo, Wando Genet, Moyale fi Wanbara Naannoo Oromiyyaa yeroo yeroon yamuu Fedrali humnan fudhatu uummani Oromoo caalisuu hin qabu ture. Uummani Oromoo lafa isaa irra yeroo heeran ala buqa’uu dhabbileen Oromoo, hayyuleen Oromoo fi Dargaggoon Oromoo calisuu hin qaban. Oromoon biyya keessa fi biyya ala jiru, Median Oromoo bakka jiru Mormii isaa dhageesisun Oromoo lafa isaa irratti wareegama barbaachisuu kafaluun salphina jala of basuu qaba. Haawwas Oromoo hundi Petition Mallateesun Mootummoota Gamtoomantti dhiyeesun goocha Wayyanee Mormuu qaba. Wayyaneen atataaman goocha kana dhabuu banan Heeri Federala waan ofuma cabsiteef Oromiyyaan siirna Federala Ethiopia keessa of basuuf OPDO dabalatee Oromoo hundi sagalee tokkon Bilisummaa labsachuu qabna. Walumaa galati gaafin Godina Adda Oromiyyaa Finfinnee jala galchuu fi Master Plan Oromoo lafa isaa irra buqisuu Heera Adunya kamiin fudhatama hin qabu.

Ebla 2014

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …