Oduu Haaraya

Godina Harargee Bahaati Qammooni Motummaa Hawaasa Musliimaa kan Cinqaa Jiran ta’u Bekkaame.

 

Raadiyoo Daandii Haqaatiin
Robii Fulbana 26/2008

Nannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadis Araddaa Badhaatut Qammooni Motummaa Darasoota kan Cinqaa Jiran ta’u maddeen keenya naanawwa irraa nuf gabaasan .

Bulchaa Aanaa Fadiis kan ta’e Obbo Adam Sheek Usman Dilbaata Dabre Miliishoota Aannaa Wajjiin ta’uudhan Halkani Sa’aa 7:00 ti Masjiida Ganda Buruysaa Sennuudhan Wahabiyootatu as jira jechuun Darasoota irrat Rebbiichaa fi Tumansa kan rawaatan ta’u Maddooni nuf gabassaaniru.

Tummaansa fi Rebbiicha kanaf Darasooni 4 kan Saxilaman yoo ta’u Issaanis

1/ Jamaal Ibrahiim

2/ Calaa Bakar

3/ Adam Abdi fi

4/ Bayyaan Abdulqadir ta’u issaani Bekkaamera.

Qammooni Motummaa Masjiida Rabbii Tufatudhaan Gocha Seerraan ala kana irrat Hirmataanis Bulchaa Araddaa Badhaatu kan ta’e

1/ Adem Sheek Usman

2/ Ahmad Adem Sheeka

3/ Diinnaa Hassaan ta’u Issaani maddooni keenya nannaawa irra nuf gabasaaniru.

Check Also

olla

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California …