Oduu Haaraya

GOLA SEENAA KEESSAA …..

Namoota seenaa Uummata Oromoo keessatti seenaa dalaganii darban kaasanii mariyachuun bu’aansaa waa hedduudha… Har’aaf …..
SEENAA GABAABAA SHAALAQAA GARBII BULTOO…qabadhee dhiyaadheera…kaanis irrumaa jalaan itti fufu…

Shaalaqaa Garbii Bultoo bara 1913 tti abbaa isaa obbo Bultoo Mooticha Bosee fi Haaddha isaa Aaddee Baksaa Horaa Daadhii Qorichaa irraa A/M/Roobii iddoo Addaa Qacamaa jedhamuutti dhalatan.Shaalaqaa Garbii Bultoo Abbaa fi haatii isaanii sanyii warraa Guddaa fi kan biyyaa bulchaa turaniidha.kana irraa ka’uun abbaan biyyaa Bultoo Dalaachaa waarraa xaaliyaanii harkaa keennuuf Magaala Hoolotaa deeman.BultooMootichaa Faranjii nama see’een harka keennee malee yoo Faranjii bira ga’uu dubbiin akka inni yaadee hin taane. Bultoo Dalaachaa bara 1929 tti Magaala Hoolotaa naannoo galee jedhamuutti namoota 4(afur) wajjin bakka tokkootti fixxe Faashitti Xaaliyaanin.Kana booda Garbii Bultoo obboleessaa isaa kan ogganaa waraanaa A/M/Roobii ture Hundee Bultoo irraa qabsoo dhaluun ogganaa waraana ta’uun muudamaa isaa fudhate.Qabsoo xaaliyaani wajjiin godhame Addaa Qacamaa jedhamuutti bandaa fi Faranjootaa hedduu fiixuun waranaa irratti injiffannoo boonsaa galmeessaniiru.Akkasumas bara 1931Garbii Bultoo Mootichaa naannoo iddoo addaa Burrusaa Dullaa jedhamuutti baandaa ajjeessuun Faranjii mormaa muruun injifannoo ol-aanaa galmeessanii jiru.Tilint Ajajaan waraana Faashist Xaaliyaanii Tilinti Bocheen dubbii dubbatan keessatti ani hangan Garbii Bultoo ajjeesee morma isaa murutti surree miila tokko dheeresseen miila tokko gabaabsee deema jechuun dhaaddachaa ture. Haata’u malee, gootichi Garbii Bultoo qe’een nagaadha jedhee osoo gara maatii isaatti deemaa jiruu tasa Tilintii Bochee argee meeshaa isaatiin rukutee erga ajjeesee booda mataa isaa irraa kutuun muka harbuu yeroo ammaa kana naannoo mana jireenyaa maatii isaattii argamu irratti fannise.

Bakka Gootichi Shalaqaa Garrbii Bultoo Xaaliyaanii morma muree Itti fannise.
Tilinti Bocheen reeffa Garbiin fannisa osoo jedhee dhaaddatuu Gootichi Garbii Bultoo gootummaa isaa ifaan ifatti irratti mul’ise. Garbii Bultoo obboleessa isaa gootichaa Hunduunee Bultoo Bara 1931tti of biraa dhabuyyuu qabsoo isaa irra deebi’uun haroomsaniiru.Hoogganaa waraana Aanaa Meetta Roobii ta’ee filaatamun qabsoo finiinsuu jalqabaniiru. Garbii Bultoo loltoota hedduu walitti gurmeessuuun Faranjoota jilbeenfachiisaa turan. Fkn Dajjaazmaach Kabbadaa Buzunash , Qanyaazmaach Tasammaa Galaan,Saggaa Dalachaa ,Haayilee Baaldaraas, Dhaabaa Fuullee…kkf ta’uun meeshaa waraanaa Matarayyeesii booji’nii fi bitan kudha lama(12) fudhachuun iddoo Dhokattuu jedhamutti Shaalaqaa Garbii Bultoo holqa dhokattuu kana erga mana jireenyaa godhatee waggaa lamaa ol lakkoofsiseera.

Holqa dhokattuu bakka qubsuma loltuu Garbii Bultoo.
Yeroo kana keessatti gootichi Shaalaqaa Garbii Buultoo loltuu namaa qofa osoo hin taane saree duu maqaan isaa Kibiriit jedhamu waliin qabsoo finiinsaa ture.Akka ibsa maanguddootti Shaalaqaa Garbiin lola kana irratti milkaa’uu yoo baate sareen isaa kun maramee ciisaa.Lola kana irratti immoo kan milkaa’u yoo ta’e sareen kun holqa dhokattuu keessaa gadi bahuun olii fi gadi kaataa.Shaalaqaa Garbii Bultoo battalumatti hidhannoo meeshaa isaanii qabachuun iddoo Faashistii Xaaliyaaniin jirtu dhaquun injifannoo boonsaa irratti galmeesseera.Gara boodaa yeroo Shaalaqaa Garbiin qabsoo Faashist Xaaliyaanii waliin gochuuf deemaa jiran kurupheen fuuldura qaxxaamuruun sareen isaa Kibiriit kuruphee kana ari’uuun yeroo isheen hallayyaa lixxu ninnis hallayyaa lixee caccabe.Looltoonni Shaalaqaa Garbii naanna’anii hallayyaa sana keessaa baasuun sirnaan akkuma dhala namaatti awwaalani.Guyyaa kana booda abbaan biyyaa Burruusa Dullaa Dhaabaa Fuullee kan jedhamu loltuu Shaalaqaa Garbii Bultoo yoo waa sitti hime na jibbitaa jedhee dura waadaa galfate.Shaalaqaa Garbiinis deebii yoo deebisu haati koo haa duutu sin jibbu jechuun waadaa galeef. Kana irratti hundaa’uudhaan Dhaabaa Fuullee dubbii dubbatan keessatti yaa Shaalaqaa Garbii osoo lolli dhufee namni nawaliin lola jettee nama tokko illee hin abdatiin jedhee hime.Guyyaa kana booda loltoonni Garbii Bultoo kan du’a irraa hafan biraa harca’uun lakkoofsi waraana Shaalaqaa Garbii harkaa xiqqaate. Loltoonni Shaalaqaa Garbii dahoo qabachuun qophii gochaa osoo jiranuu waraannii Xaaliyaani lafoonis ta’ee Xiyyaaraan itti hammaannaan ajajaa waraana Xaaliyaniitti harka hin kenninnu jechuun gara Salaaleetti ful’aan .Akka ibsa maanguddootti uummanni Salaalee Garbii Bultoo Goota Meettaa kana ajjeesuu hin barbaanne. Sabaabni isaa Garbii Bultoo Mooticha Bosee dhufaatin isaanii Salaale waan ta’eef.Yeroo Faranjiin ajjeesuuf barbaadde uummanni isa irraa qabuun itti dhukaasu malee lubbuu isaa ajjeesu hin barbaanne.Akkasumas haadha manaa isaa Ababaa Balaachoo nama guddoo waan tateef yoo inni dadhabu dugda ishee irra godhatti.

Shalaqaa Garbii Bultoo fi Haadha manaa isaa
Kanas uummanni Salaalee sirba isaatiin mul’iseera. Sirbichis haala kanan sirbama.
Hiddaa maraa yaa hiddaa maraa gafarsaa
Meettaan dhufee maaltuu harkisoo dabarsaa
Buzuu Dafarshaatu harkisoo dabarsaa: Buzuu Dafarshaa gosa Bachoo keessaa balbalaa Hariroo warra Garbii Bultoo waliin gosa(sanyii) tokko waan ta’aniif lubbuu Garbii Bultoo fi miseensotaa warana miidhuu hin barbaannee warri Salaalee.Garbii Bultoo Salaaleettis ta’uu dinnaan iddoo dhalootaa isaanii A/M/Roobiitti deebi’uun obbolawwaan Garbii Bultoo hidhaa turan,akkasumas baay’ee bosonaa keessatti ijoollee dardarri xixiqqoon sanyii Garbii wan ta’aniif akka isaan manaatti hin deebinee warri baandaa fi Fashistii xaaliyaaniin maatii isaanii hundaa rakkisaa turte.fakkeenyaaf Hirkoo Bultoo ,Walee Bultoo, Raggaasaa Bultoo, Zawudituu Bultoo, Shillimee Bultoo, Muluu Bultoo,Atsadaa Bultoo, Siinqee Bultoo fi Shashee Bultoo mana sirreessaa Godina Shawaa Liixaa Magaalaa Ambootti Geessuun waan cinqaa turaniif Uummanni naannoo Garbii Bultoo kadhachuun akka inni harka kennuu godhaniiru.Akka ibsa maanguddootti Garbii Bultoo Faashisti xaaliyaaniitti harka kennuu irra du’a akka filate ni ibsu.Haa ta’uu malee, obbolaan isaa rakkachuu irra harka akka inni kennu jaarsoliin biyyaa harka kennisiisaniiru.Uummanni kanumaa iraa ka’uun yeroo sirbaan mul’isaan akkas jechuun sirbaa turan.
Baallammii haami jettee
Garbii waami jettee
Waamee fidee kunoo
Baallammii yaa gugurraa
Garbii yaa hunkuraa
Garbii kanaa kunoo :jechuun U ummanni Garbii Bultoo qabuun iddoo Birbirsaa Irreessaatti Faashisti Xaaliyaanii waliin harka wal- fuusisuun walitti araarsan.Erga araarri bu’een booda Garbii Bultoo qabuun Magaalaa Amboo yeroo geessan loltoonni Faashistii Xaaliyaanii Magaalaa Hoolotaa irraa jalqabanii hanga Ambo gahutti hiriiraan karaatti yoo eegan yeroo Garbiin Ambo gahu Faashistii Xaaliyaaniin dubbii dubbatan keessatti afaan isaaniitiin Boonoo! Boonoo! Boonoo! Garbii Bultoo jechuun harka walitti rukutuun fudhatan.Faashistii Xaaliyaaniin Garbii Bulttoo erga of bira tursanii booda akka inni magaalaa Shinoo keessa taa’ee jiraatu lafa haadha manaa isaa Aadde Ababaa Balaachoo irratti bakka yeroo ammaa Mana Barumsaa Garbii Bultoo jedhutti mana citaa ijaarsisaniif.Garbiin mana ijaarameef keessa osoo hin turin(hin bubbuliin)Faraanjoota harkaa baduun gara iddoo dhaloota isaatti deebi’un bara 1933tti qabsoo isaa gootota Aanaa Meettaa Roobii waliin bosonatti galuun eegalaan.Isaanis kan akka Aggaafarii Dhaabaa,Gonfaa Geergisii,Hayilee Baaldarasaa, Siwayya Bayyan,Hirphaa Bayyan,Meettaa Guuta ,Raggasaa Dagaagaa,Dabuushee Sarraxoo ,Damee Hurrisoo,Hurgee Bultoo ,Herbaa Bultoo ,Saggaa Dalachaa ,Ayyaanoo Mootichaa,Warqii Daadhii ,Abboyyee Buttaa,Mangistuu Hayila Mikaa’eel,Raggaasa Bulbuula ,Nagii Gondoolee ,Gadaa Fataansaa,Baruu Kabbadaa,Bayeessaa Dabaalee, DagaagaHoraa,Gonfaa Horaa,Damee Badhaadhaa ,Hirphaa Badhaadhaa,Idaa’ee Badhaadhaa ,Ligaabaa Filaa,Hurrisaa Gadaa ,Buttaa Shalaawwee ,Damee Guyyaa ,Dabaalee Bonfichaa,Dabaalaa Shukkaa ,Tulluu Bultoo ,Reebaa Ulataa ,Dabalee Masqalee,Tolaa Heeyyii ,Urga’aa Qorichaa ,Qanyaazmaach Tassammaa Galaan ,Dajjaazmaach Kabbadaa Buzunash, Waaqoo Heeyyii, Haayilee Tasfaa,Dhaabaa Fuullee…fi k.k.f namootaa lola kana irratti akka urjiitti beekaman malee gootonni A/M/Roobii hundaa barreessuun waraqaan kun hin ga’u.kana booda Ummanni naannoo gootummaa sabboontota Aanaa Meettaa Roobii mul’isuuf sirbamaa ture.sirbi kunis
Rafarafaa obboo maasii lafa shiroo(x2)
Rafarafaa Bultoo Garbii gaafa shinoo(x2)
Garbii abbaa gurree
Hiikkachiisaa surree
Garbii obboleessa Hundee
Ababaa wajjiin diinaa muddee
Garbii mudhii zinnaaraa
Garbii ija boba’aa
Faranjii mataa bichee
Yaa loluu Garbiin mataa jigsee: jechuun gootummaa saba kana hanga har’aatti Uummaanni naannoo sirbaan dinqisiffannoo isaanii ibsu.
Waalaloo kana keessatti: Faranjii mataa bichee
Yaa loluu Garbiin mataa jigsee; jedhu kana yoo ilaalle qabatamaan Garbiin mataan isaa Leencaa gama jiigaa fakkataa kanumaa irraa ka’uun dhimmaa dinqisiffannoo rifeensa Garbii ibsa ture Uummaanni.Garbii Bultoo fi gootonni Meettaa wal-qindeessuun bara 1933 ttii Aanaa Meettaa Roobii iddoo gara garaatti waraana Fashistii xaaliyaanii irratti gaggeessuun humna diina lafisuuniiru.fakkeenyaa Qacamaa ,Birbirsaa Irreessaa fi iddoo mishigii ykn shinoo jedhamuutti xaaliyaanoota baay’ee fixanii namoota 15(kudha shan) booji’aniiru,hojiiwwaan naannoo keenyaa hojjachiisuun,dallaa ijaarsisuu ,dhagaa tulchiisuu fi hojii humna hojjachiisaa turan.Garbii Bultoo namoota booji’amaan kana osoo hin ajjeessin waan dhiiseef akkas jedhamee:-Garbii ijji boba’uu
Lubbuu baasuu hin roora’uu
Dhugaa baasuuf hin qanaa’uu: jechuun ibsamaa ture.
Kana booda Garbii Bultoo Faranjootaa 15 (kudha Shan) fuudhanii Hoolotaa geessuun Mootii Abashaa Hayilaa Sillaseetti kennuun Garbiif Hayilaa Sillaseen Aangoo kabajaa Shalaqaa jedhamuu laateefii jira.Akkasumas, goota biyya keenyaa kan taate Shawaareg Gadilee gootota waggaa shan qabsaa’an Aanaa Ada’aa Bargaatti waaman irratti Garbii Bultoo hin argamne. Isheenis kanuma aaruudhaan Mootiin H/sillaasee waamicha Magaalaa Hoolotaattti akka godhu taasifte.Ammas Garbii Bultoo hojii waggaa shan hojjettan himadhaa jennaan himachuu didee faranjoota kudha-shan of duuba hiriirsisuun goofaree isaa leensaa sana harka isaatiin micciiraa mootii H/Sillaasee fuuldura darbe.Yeroo kana Shawaareg Gedilee ilaali kaa ilaali akkatti boonu jechuun mootii akka inni jibbu goote.Haata’umalee, mootiin H/Sillaasee dubbii dubbatan keessatti dhiisi daa’ima waan ta’eefi jechuun bira darbaniif.Aadde Ababaa Balaachoo waan hojjettan himadhaa jennaan injifannoo hunda himachuudhaan akkasumas miilla ishee kan rukutame agarsiisuudhaan mootii fuuldura dabarte…….itti fufaa…..

***Maddi***Hawaasa uummata Oromoo Naannoo MEETTAA’ti…..

Beekan Guluma Erena
Harvard University
50B Linnaean Street
Cambridge, MA 02138
Tel. No (617) 949-6489
Email.beekangulummaairranaa@gmail.com
beekanguluma@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

“Duumeeysaa rooba fida – roobaa badhaadha fida,” ja’u.

Ebla 30, 2020 Abbaa Urjii tiin: Kuni gaafajiruu fii jireenyi lammii dhunfata isaanii jala ture, …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *