Nuti miseensoniif deegartoota ABO kan kaaba
Norweyyiitti argamnu wal-gayii gaafaa guyyaa 22-08-
2015 gaaggeefanne irratti marii balla’aa waa’ee sochii
biyyaa keessaa qeerroo fi WBOn gochaa jiru
walumaagalatti haala yeroo irratti erga mari’anee booda
ibsa ejjenno armaan gadii dabarfanneerra:
1. Waraana bilisummaa Oromoo yeroo amma kana kan yeroo kamiyyuu caala tarkaanfii
boonsaa diina Oromoo irratti fudhachaa jiru baay’ee kan itti gammannu fi gara fuula
duraattis akka cimsee itti fuufu gargaarsa barbaachisaa ta’een akka cinaa dhaabannu
nimirkaneessina.
2. Addi Bilisummaa Oromoo kallachaa bilisummaa ummaata Oromoo ta’uu hubannee
gargaarsa nurra eegamu maraan bira dhaabachuuf waada keenyaa ni haromfannaa.
3. Qeerrooniif baratoonni oromoo biyyaa keessa hawwii bilisummaaf isaan qaban
abdachiisa waan ta’eef karaa barbaachisaa ta’ee hundaan bira ni dhaabana ni
deeggaraas.
4. Tumsaa ABOf gochaa tureef itti jiru gara fuula duraatti kan yeroo kamiyyuu caala daraan
ciimsinee itti fufnu ta’uu waada keenya ni haarofanani mirkaneesinas.
5. Kallachi qabsoo bilisumma oromoo kan tahee ABO qofa ta’uu hubannee itti amanna
waan ta’eef warreen nuti ABOdha jechuun maqaa ofitti moggaassuun ergama diina fi
dandaata yeroodhaaf bitamanii qabsoo bilisummaa oromoo laamshesuuf yaalani akka
irra of qusatanniif waan darbee irraa hubachuun gara QBO itti akka deebi’aniifi dantaa
ummataa isaani akka dursaan ciminaan ni hubachiifnaan.
6. Torbaan “Diaspora” jechuun waltajjii wayyaaneen gantootaf qopheesite keessatti
kanneen hirmaatan ummata oromoo biyya hambaa jiraatan akka bakka hin buune
ummaanni oromoo biyya keessa jiraatu akka nuuf huuf huubatu cimsinee ni beeksifna.