Oduu Haaraya

Gumaan Gootowwan Wareegamanii Walabummaa Oromiyaatiin Deebi’a.

Kabajamtoota Lammiilee Oromiyaa

Kabajamtoota Dhaabbiilee Siyaasa Walabummaa Oromiyaatii fii Firoottan QBO idil-addunyaarra jiran maraaf.
Bara dabre ji’a march 2013 keeysa yeroo tokkotti gameeyyii warraaqsa Q.B.Oromiyaa lama dhabuun keenya ni yaadatama.Isaaniis Angafaticha QBO J/l Jaarra Abba Gadaatii fii Gooticha Qabsaawaa J/Shaazalii Gaatuur Mahammad du’aan nurraa adda bahuun gadda Ulfaataan liqimsamnee turre. Dhugumatti yeroo tokkotti gameeyyii akkasii lama dhabuun salphaa miti.

Ji’a march 03-03-2013 Sooreysi keenya J/Jaarra Abbaa Gadaa wareegamuun gadda hamaa keeysa osoo jirruu march 06-03-2013 Qabsaawaa yeroo dheeraatiifii HD dhaaba ULFO/THBO kan tahe J/Shaazalii Gaatuur Mahammad wareegame. Gadda irratti gaddI nuuf dabalee ture.Gaddi mudate kun nu qofa osoo hin taane lammiilee keenya guutuu addunyaarra jiranii fii firoottan QBO maraaf gadda jabaa tahee ture. Osoo tahuu guyyaan kun hawaasa lammiilee oromiyaa biyya yaman jiraatan biratti bifa addaatiin yaadatama.

Kunoo Oolle bullee bara tokkoffaa du’a gameeyyii kanaa geenyee jirra. Yaadannoo guyyaa kanaatiif nuti hawaasni lammiileen oromiyaa biyya yaman jiraannu biratti march 07-03-2014 guyyaa yaadannoo Jaallan kanaa godhachuuf qophii keenya xumurree jirra. Kanaaf lammiileen oromiyaa idil addunyaarra jiraatan marti akkuma guyyaa hamaa san gadda gameeyyii kanaa nu bayyanachiiftan ammaas guyyaa yaadannoo isaanii kanarrtti qaamaaniis tahee qilleensarraan akka nu waliin hirmaattan yaamicha lamummaa isiniif dabarsina.carraa kanaan seenaan gootowwan wareegamanii danuun kaafamuudhaan ni yaadatama.

Galata:- Sabboontota obboleeyyan keenya nurra biyya fagoo jiraataniis milkaawina qophii kanaatiif nu gargaaraa jiranii fii miseensota koree qophii kanaa maraan Galanni isaanii walabummaa oromiyaa akka tahu hawwiin keenya guddaadha.
-Iddoon qophii kanaa yaman, sana’aa, 60 st.Qophii kanarratti yaada ykn qeeqa yoo qabaattan nu qunnamaa.
E-mail:- mhamza33@yahoo.com ykn bakaka12@yahoo.com
Koree Qindeeysituu qophii kana yaman,Sana’aa.
March 01/2014

Tokkummaan Humna !!!
Oromiyaan Ni Walaboomti !!!

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …