Oduu Haaraya

Guyyaa dheengaddaa irraa jaqlabee wal waraansa polisoota liyyuu Hayilii fi jiraattota godina Harargee bahaa aanaa Qumbii jiddutti geggeeffamaa jiruun, namoonni kudha jaha yoo ajjeefaman

Waggoota shanan darban irraa jalqabee poolisoonni Liyyuu Hayil kan mootummaa Itiyoophiyaatiin deeggaraman jiraattota godina Harargee bahaa aanaalee gara garaa irratti weerara geggeessaa akka turan beekkamaadha.
Poolisoonni Liyyuu Hayil kun wayta adda addaattii daangaa Oromiyaa seenuun tarkaanfii ajjeechaa raawwataa kan turan yoo ta u, ammas haala hamaa ta een namoota nagaa ajjeesaa jiran.
Guyyaa dheengaddaa irraa jaqlabee wal waraansa polisoota liyyuu Hayilii fi jiraattota godina Harargee bahaa aanaa Qumbii jiddutti geggeeffamaa jiruun, namoonni kudha jaha yoo ajjeefaman, qabeenyi hedduun poolisoota kanaan saamamee jira.
Lola geggeeffamaa jiru kana jalaa jiraattoonni hundi qe ee isaanii gadi dhiisanii baqatanii jiru.
Lolli jiraattota aanaa Qumbii irratti baname kun guyyoota sadii dura kan jalqabe yoo ta u, haga ammaatti akkuma itti fufetti jiraachuullee jiraattoonni dubbatan.
Wal waraansa achitti geggeeffamaa jiru kana keessaa mootummaan Itiyoophiyaa harka qabaachuu isaatis himame.
Lola ta e kanaan namoonni kudha jaha poolisoota liyyuu Hayiliin kan ajjeefaman yoo ta u, haga ammaatti reeffi namoota kudha shanii awwaalamee jira.
Reeffi nama tokkoo ammoo danqaraa keessatti waraabessaan yoo nyaattamu, namoonni jaha madaayuu isaanii namni kun mararfatanii dubbatanii jiru.
Akka isaan jedhanitti, gochaa mootummaan Ityoophiyaa nurratti raawwateen reeffa nama keennaa awwalachuu dadhabnee jirra.
Qabeenyi hedduun nu jalaa samaamee jira. Qe ee dhaloota keennaa dhiifnee lubbuu keennaan baqachuuf ammoo dirqamnee jirra jedhan.
Wayta lolli hamaan poolisoota Liyyuu Hayiliin nurratti raawwatamaa jiru kanatti qaama nuuf birmatu dhabnee ajjeefamaa jirra jechuun dubbatan.
Sababaan lolli kun jiraattota aanaa Qumbii irratti banameef maalii gaaffii jedhuuf namni kun yoo deebisan.
Bakki lillo kun ammaan kana haalaan jabaatee itti geggeeffamaa jiru aanaa Qumbii naannawa magaalaa Minoo akka ta es namni kun himanii jiru.
Haalli ammaan kana muldhataa jiru hedduu yaaddessaa ta uu kan nuuf himan namni kun, keessumattuu wayta poolisoonni naannoo shanii duula hamaa nurratti geggeessaa jiranitti, poolisoonni Federaalaa daanagaa lamaan jidduu jiran ammoo qaamota mootummaan nutti bobbaasee kanaaf tumsa ta anii jiru jedhan.
Itti dabaluun akka namni kun jedhanitti, lafaa fi qabeenya isaaniirratti ajjeefamuu qofa osoo hin taane, daangaan Oromiyaa poolisoota kanaan weeraramee jira.
Lola guyyoota sadiif geggeeffamaa jiru kanaan poolisoonni kun lafa baldhinni isaa kiilo meetira 40 ta u daangaa Oromiyaa ufi jalatti dhuunfatanii jiru.
Bulchiinsi mootummaa Oromiyaa ufiin jedhus haga ammaatti furmaata kenneef tokkos akka hin jirre himan.
Poolisoonni kun mootummaa Itiyoophiyaatiin leenjifamanii meeshaa waraanaa gurguddaa hidhachuudhaan kan jiraattoota irratti tarkaanfii ajjeechaa raawwaataa turan. Ammas akkasuma.
Maqaa babaldhifannaa lafaa jedhuun loltoonni Liyyuu hayil kun, daangaa Oromiyaa humnaan weeraruun qabeenya hedduu saamaa jiru.
Lola geggeeffamaa jiruun ammoo namoonni hedduun qe ee isaanii irraa baqatanii jiran.
Rakkoo kana furuuf qaamni birmateef tokkos akka hin jirre jiraattoonni dubbatan.
Wayta gara garaatti milishoonni mootummaa Itiyyophiyaatiin gargaaraman kun daangaa godina Harargee bahaa seenuun duula jabaa geggeessaa kan turan yoo ta u, inni ammaa kun haalaan yaadessaa ta uullee jiraattonni himanii jiru.
Usmaan Ukkumeetu gabaase.

GillaVisa fler reaktioner

Kommentera

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …