Oduu Haaraya

Ummanni Oromoo ABO malee Bilisummaa Fiduu Ni Danda’a, ABO’n Garuu……..

 

(Saphaloo Kadiir irraa)

“Waan sababsatu haa dhabuu jaarsa harree irra kaayi” jedha Oromoon. Ati hoo maaliif maakmaakte naan hin jettaniiree? Hoggantoonni ABO kanaan dura durii dur qabsoon ummanni keessa hin jirre akka galma hin geenyee himee, ummanni waan danda’uun ka’uu akka qabu dubbachaa ture. Gaafas dhuguma ummanni rafaa turan jechuu ni dandeenya. Dhuguma qabsoon ummanni keessa hin jirre gatii hin qabdu. Kanaaf ummanni fincilaa jechaa ture. Akka gabrummaa didaniis dur himaa turan. Kanumarraa ka’uun ayaanoota ABO kan akka dhaabaatti kabajamu keessaa guyyaan Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) wagga waggaan akka kabajamuus murteessan. Ayyaanichuma kabajuu malee osoo guyyaa tokko hojii ololaa irratti hin hojjatin ummanni dhaaba wal diiguu malee bisummaa isaatiif dhimma qabu dhabnaan ofuma isaatiif mudhii hidhatee ka’e. Kan gabrummaa jalatti if hidhuus kan of bilisoomsuus isuma mataa isaa tahuu waan hubateef ‘mudattee aayyoo bultee’ jedhe.

Duuba eega warraaqsi ummataa qabsoo keessatti gahee guddaa qabaachuu kan beekan tahee, yoo dhuguma san kaka’uumsaafi dammaqina ummataatti kan gammadan tahee bara 2014 irraa jalqabee fincilli ummataa kunoo hanga arraa itti jiraa maaliif haxuphsuu dhabanree? Duraan ummata keenyaatu rafe jennee shakkaa turre. Amma immoo ummanni dammaqnaan Hogganni ABO rafuu jalqabe fakkaata. Fincila diddaa gabrummaa duraanumaahu kan jalqabe barattoota dhaabbiilee ol’aanaa baratani malee hoggana ABO miti. Qabsoo godhamu keessatti fincilli diddaa barbaachisaa tahuu amanee ABO’n guyyoota ayyaanaa keessaa tokko godhee kabajachuu jalqabame. Kaayyoon ayyaanichaas kanneen fincila adda addaa irratti wareegaman yaadachaa ummanni bal’aan akka gabrummaa diduu qabu yaadachiisuufi dadammaqsuuf kabajama ture. Arra hoo ree? Yoo kaleessa ummanni Oromoo waan rincicaniif qabsoon kan laaffachaa turte tahe, arra hoo kan ummanni Oromoo harka duwwaa qabso jiran hoo maal sababsaturee? Waan sababsatu haa dhabuu jaarsa harree irra kaayi tan jedhan tana kunoo. Amma harree irra keenyee maal sababsatan?

Arra immoo ummanni fincila diddaa gabrummaa san gargaarsa tokko malee fuudhee kunoo fincila xumura gabrummaa (FXG) irraan gahee jala bultii bilisummaa jira. Laata kana booda hoo ayyaana fincila diddaa gabrummaa kan bara baraan Sadaasa 9 irratti kabajachaa turre san gara ayyaana fincila xumura gabrummaa jijjiirree kabajna moo maquma duraaniin kabajuu itti fufna? Ayyaanichi silaas hanguma Oromoon bilisoomtu malee san booda kabajuun gatii hin qabu. Eega bilisoomnee gabrummaa tam diduuf fincillaree? (Yoo warri amma ABO hoggana jedhu kun nu hogganan irraan oollu) Kanaaf maqaa duraaniitiin akka hin kabajne yeroon isaa dabree jira. Maqaa FXG jedhuun kabajuuf immoo kan galmeesse ummata malee ABO miti waan taheef FXG’n kabajna jechuun salphina. Kanaaf tahuus hin qabu. Sababniis injifannoo ABO’n galmeessuun ummanni kabajachuu qaba malee injifannoo ummanni galmeesseen kabajachuun qaani. Kaleessa ummanni bilisummaaf ABO eega ture. ABO’niis ummata eegaa ture yoo kan jennu tahe, amma ummanni qabsoo jalqabee ABO’n maal eegaa jiraree? Ummanni WBO, WBO’n ummata eegaa yoo ture amma Ummanni ka’ee WBO’n maal eega jira? Bilisummaa, akka naan hin jenne qofa hadaaraa! (Qis..qis…qis…. mataan gara hudduu, hudduun gara mataa.)

Dhaabni qabsoo tokko waggaa 25 guutuu if ijaaraa, haala mijjeeffachaa jiraachuu ibsaa ture ammallee qophaa’uuma jira. Kun hanqinaafi dadhabina hogganootaa irraa akka tahe beekkamaadha. Garuu dhaabichi ayyaana injifannoo namni biraa galmeesse maqaa moggaasee kabajachuu qofaa kaayyoon isaa? Ani akkaan beekutti kaayyoon ABO bilisummaa Oromoofi walabummaa Oromiyaati. Kaayyoo kana dhuguumsuuf immoo hidhannoon qabsaa’ee, wareegama qaalii kafalee malee taa’ee galmeessa kan jedhamu hin jiru. Injifannoo ummanni qabsaa’ee galmeesseen Oromiyaan walaboomtee, Oromoon bilisoomti hin jedhu kaayyoon ABO. Duuba mee gaafa ummanni harka duwwaa qabsaa’u taa’ee gaafa injifannoon galmaa’u maal nuuf godhan. Gaafa ummanni iyyatu didee eega ummanni moohate booda marqaa cidhaa nyaachuuf dhaquu hin qabu. Kanaafuu, ABO’tu ummata Oromoo malee bilisummaa fiduu hin dandeenye malee ummanni Oromoo ABO malees bilisummaa akka fiduu danda’u ragaan kan itti jiran caalaa hin jiru. WBO’n hangi jiru kan silaa ummataa waliin lolu hoggana cimaa murannoofi kutannoo oromummaa qabu dhabuun hojii malee ta’anii jiran. Yoo immoo haaluma amma jiran kanaan kan itti fufan tahe Hogganni ABO kun kaayyoo kaleessaa Ummata Oromoo bilisoomsuuf jedhu san osoo hin tahin kaayyoo haareya ummata Oromoo gabrummaa jalatti hidhuu jettu baafachuu isaanii qabatamaan ummataaf ni mirkanaawa. Kana hubatanii salphina seenaa jalaa of baasuuf yeroo gabaabaa keessatti hogganoota isaa jijjiiruun, jijjiirama bu’aa qabsoos qabatamaan mul’isuu qaban. Yoo hin taane immoo…..

“Arraas boruus ABO’n hafuus ummanni Oromoo bilisummaa isaa ni fida.”

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Adoolessa, 2016

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. maalii Hogganumaaaf iyyaataa jirtaa? Tooftaa duloomaa Hoggana abbaranii ittiin gura argachuu sana hordooftaa?