Oduu Haaraya

Hawaasni Oromoo biyya Ugandaa(O.C.U)guyyaa har’aa Muddee 20,2015 magaalaa kampaalaatti wal gahuun tarkaanfii…

#OromoProtests Hawaasni Oromoo biyyoota garaa garaa Muddee 10,2015 irraa eegalee hiriira mormii ajjeechaa fi mastar pilaanii mootummaa wayyaanee balaaleefachaa jiru.

Haaluma kanaan Hawaasni Oromoo biyya Ugandaa(O.C.U)guyyaa har’aa Muddee 20,2015 magaalaa kampaalaatti wal gahuun tarkaanfii gara jabeenyaa mootummaan wayyaanee ummata nagayaa irratti fudhachaa jiru balaalleeffachuun barattootaafi ummata Oromoo wareegamanis yaadatanii jiran.

Kana malees ibsa ejjennoo baafataniin barattootaa fi ummata Oromoo biyya keessaa mirga abbaa biyyummaa gaafachaa jiran cinaa waan barbaachisuun ni dhaabbanna jedhanii jiru.

ugandaa ugandaa1 ugandaa2 ugandaa3

Check Also

olla

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California …