Oduu Haaraya

Hayyamni Abukaatummaa Tamaam Abbaa Bulguu Dhorkame

(Oromedia, 10 Adoolessa 2015) Ministeerri Haqaa Itoophiyaa ogummaa Abukaatummaatiin kan jiraatan obbo Tamaam Abbaa Bulguu Abbaa Diikoo gara waggaa lamaaf dhorkee jira.

Xalayaan Ministeera Haqaa irraa ba’e akka mul’isetti, yaa’iin  namusaafi abukaatoota federaalaa eeruuwwan hanqina naamusaa abukaatichaa irratti dhiyaatan qorachaa tureera.

Akkaataa kanaan manni hojii ministeerichaa akkaataa labsii lakk.192/92 keewwata 24(3B2)’tiin obbo Tamaam baatii Waxabajjii bara 2015 irraa eegalee waggaa tokkoofi baatii torbaaf hayyama Abukaatummaa irraa fudhatee jira.

Xalayaan abukaatummaa isaanii dhorku kunis qaamolee dhimmi ilaallatu hundumaaf akka kennames xalayaan ministeerichaa ba’e mul’iseera.

Ob Tamaam Abbaa Bulguu abukaatoo beekamaa kan haqaa fi dhugaaf falman, horiif kan hin bololle akka taán namooti isaan beekan ragaa bahu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …