Oduu Haaraya

Afanfaajjii Hubannoo Tokkummaa.

 

Yeroo heduu waan dhageenyu Oromumaatu “Umman Oromoon tokkummaa hinqabuu ja’a” laata tokkummaa issaan ja’an kun tan akkam laata?

Seena saba tokko keessatti umman tokko ani saba akkanaatti yoon ifbeeke (Ani Oromo), Aadaa issaa qabatee (Aadaa Oromoo), Afaan issaattiin walhubatuu, ( Afaan Oromoo), seena akka tokkoti hubatuu (Seena Oromo), biyyaan qabaa beeku (Oromiyaa) akkasumaas gabrummaa jalaa bahuuf qabsoof ka’un ( Qabsoo Bilisummaa Oromoo), gaddaa fii gammachuus walibra dhaabachudhan
(akka Oromootti walgargaaru) yoon jiraate haawasin san tokkommaa qabaachu agarsiisa. Hayyee mee umman Oromoo waan asii oil kana hin qabu? Tokkumman biraa tan ummata kanara barbaanu tan akkam?

Tokko kan hubatamuu qabu yeroo waan Qabsoo Bilisummaa Oromoo dubanu waa sadii addaan baasun hindanda’amu issaanis waan walitti hidhaa qabaniif (interconnection)

>Oromoo<~~~>Qabsoo<~~~>Dhaaba Siyaasa<

Haatahu malee addeela issaattiin namuu dirqammaa, itti gaafatammaa fii hirmaanaa jojjii qanan ( Responsibility, Accountability and Transparency) kan ja’aninii. Kana jechuun maal? Saba gabrummaa jela jiru tahu keenyaan Qabsoo godhuu nutti jira bilisoomuudhaf, kana keessatti ammo ummataaf (The Oromoo people) dhaabnih Siyaasa (The Oromo Political Organisations) gahee hujjii tan adda adda qaban.

Akkamitti jechuun keessaa hin oolu? Dhaabnih Siyaasa akka dhaabaatti hujjii issaa tan keessaafii alaa ofii issaatti hoojachu qaba-waan sadeen olitti isinii hime san. Akkasumaa ummanih waan Qabsoon irra barbaadun gamma issaaniitin bira dhaabachudha, haa tahuu malee namuu gahee mataa issa qaba.

Ama mee bakka namoon tokko tokko Oromon tokkummaa hinqabdu ja’e yaadu kanattiin ifaa haa ibsinuu. Jalqaba barruu tiyyaa kessatti akka umman Oromodhaa tokkummaa qabu ragaa waliin lale jira- sabin tokko kan tokkummaa qabu maal akka qabaachu qabu yoon laaluu Oromoon tokkummaa niqaba jechuu nideenya.

Dubbiin eessa jirittii ree? Qabsoon Oromoo haaluma adda addaattin bubuluudhaan jaallan qabsoon deeman jiran gidduttii wal-hubannoo dhabuun dhalate, hooganoota keenya wal-hubatuu dhabuun dhaaboolleen adda addaa akka uumamman taasise. Gaafiin bakka kanattiin kaattuu yoon jaallan Qabsoon deeman elaalchaa siyaasarati wal-hubannoo dhaban umman Oromoo tokkummaa hinqabu jechuudha? Lakkii umman tokkummaa niqabaa garuu elaalchaa siyaasa irrat falmaa jiraachu nimala. Kun osso Oromoon tokkummaa dhabuu hintahin dammee xiqqoo siyaasaa keessatti wal-hubachuu dhabuudha hiikkan issah.

Karaa biraattin namoon tokko tokko akkana ja’an, dhaaba siyaasa Oromo jechuun Oromoo jechhudhaa, Oromoo jechuunis dhaaba siyaasa jechhudha. Garuu dhugaan jiru dhaaba siyaasa Oromo jechuun Oromoo jechuu mitti, Oromoota rakko Oromoottif Qabsoo godhuu (sabboontota) walitti dhufee dhaaba dhaabate malee dhaabin siyaasa mataa issattin Oromoo jechuu mitti. Oromoo jechuun ummata Oromoo balaadha (The entire Oromo Nation) jechuudha. Hojjii keessatti Oromoon Qabsoon ifirratti erkannon waan gootuf warra tokko kan waan takkaaf itti gaafatamma adda addaa jalatti waliin hoojatu.

Tokkummaan jechuun maal? Wantti tokkummaa ja’aninii tan lubbu qabaatee miila lamaan deemtu hin jirtuu namaatu wahirratti tokkooma malee (on event or ideology). Fakkiif gaafa obboleesi keenya Jawar Mohhamed Oromoon Media mata issiidha qabaachu qabdii ja’e gaddi bahe yaada ini fide sanirratti Oromoon tokko tahee waliin dhaabatee OMN dhaabe hanga ammaatti bira dhaabachudha jira. Kana jechuun maal umman Oromo tokkummaa qabaachu garsiisa. Bara 1991 Oromoon akka moora QBO itti duudee lubbura hanga lukkutti kantee yaadadhaa. Ama yeroo gabaaba keessa biyya keessa OFC waliin akkatti dhaabate laala, kana jechuun Oromoo tokkummaa qabaachu garsiisa hoon kan waa hoojame hojachiisu jiraate.

Ilimaan namaa yaada adda addaa qabaachuudhan akka tokkoti hin yaadan. Namoon Oromoon miliyoon 45 akka tokkotti yaadu qabdii, ija takkaan arguu qabu, gurra tokkoon yoon dhagesee malee akka Oromoon tokkummaa hin qabneetti hubattan yoon jiraatan dubbiin akkana.

Dhima sabaattiif kan biyyaa irratti haala keessa jiran keessatti wal-hubatanuu tola walii ooludha (tolerance among each other’s) kan ja’an. Kana jechuun maal waan ammaaf irrati walii galamuu danda’umu dantaa waloo tan taate (common interest) waliin hoojatamu, tan irratti waliif him galee boruuf kanyatuudha sabaafii biyyaa ofii baraaruudha waan dursuuf. Fakkiidhafii mee biyya ambaa tan keessa jiru tana laala dhibantaa 51% fii 49% wal-moohanii dantaa biyyaattiif tan sabaa dursuudhan walii galanii mootummaa dhabatanii nagayaan waliin jiraatan -(politics of tolerance).

Kan biraa dhaloonih amma (The New Generations) abbotti keenya himachuu dhiisudha. Hooganoottin Oromoo kan lubbun jira niif wareegamanlleen hamma dandeetti fii hubannoo issaaniitih waan dandayan hoojatan qabsoon dhaloota kanaan gayanii jiran. Dogogora kalee hujjii keessatti issaan hoojatan waa irra baratee waan ara’a harkaa qabnu sireefatee boru akka jabaane qabsoo galmaan geenyu taasisuudha.

Oromoo akka sabaati osoo tokkummaa qabuu
hubannaa tokko malee “Umman Oromoo miliyoon 45 tokkummaa hin qabu jechuu yakka dangaa hin qabnee hawaasa Oromoo guutu irratti hoojachuudha, qora-qalibii (phyglochgy) ummata keenya cabisuu akkasumaas tokkummaa dhoorkuu waan taheef haa irra iffi eeynuu.

Daraaraadha Araaf Nagaati!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …