Oduu Haaraya

Hiika dhabdee Abbaa murtii..


Imimmaan koo bara turtii..
Har’as kunoo cophaa Jirtii..
Hulaa haqaa cufee diinni..
Afaan sobaa damma dibee..
Baraa baraan teenyee booyuu..
Saba kiyyaaf Malli dhibee
Haa Galu wanti gale..
Ani hin laadhu Finfinnee..
Biyya Abbaa koo irratti..
Maaliifan Mormaa hin cinnee..
Dirree saba bal’aati..
Si hin Kennu lafa gootaa
Amaanaa ummataati..
Dhaloonni na komataa..
Jijjige dhiigni qeerroo..
Jiiseera haramayaa..
Qalatan Ilmaan ishee..
Harmeetoo Oromiyaa..
Hiriyee gaafa hundaa..
Obbolaa gaafa xiiqii..
Dubbiin diinaa xaxaadha..
Akkuma dhufteen hiikii..
Ni duune se’an hin duune..
Nutu jira ammallee..
Karoorri isaan baasan..
Finfinneedhaan hin mallee..
Arsiif baalerraan ka’aa..
Obbolaa gaafa rorroo..
Gantuu shurshuraa dhuftu..
Diinaaf baattee qorqorroo..
Oromo Hiddi Ejersaa..
Falmadhaa hanga dhumaa..
Fincilaa didaa Lolaa..
Abdii sabaatu numaa..
Amboo qabsoo finiinse..
Diina dura dhaabbatee..
Wallaggas kutateera..
Laaluuf Diina salphatee..
Harargee didne jedhee..
Wareege Ilmaan isaa..
Jimmaa leenci Baroode..
Waraabu Wal nyaachisaa..
Booranni hangafooman..
Irree irraaf keessaati..
Iluun ilaaleet qola..
Gantuun qixxee reeffaati…
Walloo Wallole taanaan..
Gorra’ee gata Diina..
Hattuun hatee qabamnaan..
Waakkii dhagaa ciniina..
Falmataa qeerroo kalee..
Awwaallee gubbaa teenya..
Yartuun San mi’eeffatte..
Har’as dabareen keenya..
Wayyaanee wayyoo hin qabne..
Dhageessaa yaa hin jirree..
Yartuu Akka keetitiif..
Sabni koo garaa hin hirree..
Saba sabatti bittee..
Walitti dulchisuun ala..
Raammoo jiidha keessaati..
humna maal qabdaa sila…???
Ni baya gumaan gootaa..
Beekachaa yaa goobanaa…
Fagaachuun bilisummaa..
Gaafa keeti maal goona..
Yaa gantuu Korma Saree..
ol qabatteetu fiigda..
Isa qomoon ijaare..
Kottoonfatteetoo diigda..
Sangaa qalmaataa goonee..
Foon kee allaattiif laanna..
Lammii lammiisaa nyaatu..
Hobolaadha siin jenna..
Falmadhu oromoo koo..
Biyya keessaa fi alaa..
Akka diinaa hin sarmu..
Sabni koo gadaan bulaa..
Harooreessa koo Mureen..
Sirreeffadhee qabadhaa..
Akka bobboca qilleen..
Konkolchee sin taphadhaa..
Tokko ta’aa ka’aa lammii..
Lolan malee falli hin jiru..
Eenyummaa kee itti himi..
Goobanticha qomoo ciruu…..×2

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …