Oduu Haaraya

Aanaa Gullisootti barataa Gutuu Abarraa ajjeefamuun polisiin Oromiyaa amane.

OMN:Oduu Mudde 03,2015 Godina Wallagga Lixaa aanaaa Gullisoo Magaalaa Calliyaatti Mormii Master pilaanii Finfinnee baratoota bahan keessaa barataan tokko rasaasaan  ajjeeffamuu Koomishiniin Poolisii Oromiyaa amane.

Reebichaa fi ajjechaa bakkeewwaan birootti raawwate garuu salphisanii ilaaluun to’anna jala olchuu isaanii himan.

Mormiin Master pilaanii Finfiinnee bifa haaraan  Manneen barnootaa fi Yunivarsitoota keessatti torbee darbe  irra  deebi’e ka’e  irratti gama Mootummaa Itoophiyaatiin//hanga ammatti  ibsii ifatti osoo hin kennamin kan ture yoo ta’u,  har’a garuu  to’anna jala ooleera jechuun koomishiniin poolisii Oromiyaa ibsa kenne.

Koomishinarri Koomishinii poolisii Oromiyaa Ibrahim Haajii akka miidiyaalee biyyattitti akka himanitti Yuunivarsitootaa Haromayaa fi Maddaa Walaabuu akkasumas Godiinaalee Shawaa Lixaa fi Wallagga Lixaa keessatti mormii Master pilaanii baratoonni kaasaniin wal qabatee lubbuu namaa fi qabeenyi barbadaa’uu himan.
Roobii kana Godina Wallagga Lixaa aanaaa Gullisoo Magaalaa Calliyaatti Mormii Master pilaanii Finfinnee  baratonni bahan irratti barataan tokko ajjeeffamuu  Koomishinarri Poolisii Oromiyaa kun amananiiru.

Rakkoon ka’e kunis qamoota misooma biyyatti hin feeneen akka ka’e kan dubbatan Aangawwaan poolisii kun dhaabbiilee barnootaatti fayyadamuun agandaa qaban raawchuu warra barbaadaniin qindaa’e jedhanii jiru.

Mormiin Godina Wallaggaa Lixaatti gahe gaggeesumma farreen nageenyaatiin waan ta’eef naannichatti hojiin ol aantummaa seeraa kabachiisuu itti fufa jechuun sodaachisaniiru.

Haa ta’u malee Mormii torbee tokko oliif itti fufee jiru kanaaf Deebiis ta’e yaada furmaata utuu hin kennin  qaammota biraa qofaa balaaleffachuun darbaniiru.

Ajjechaa fi hidhaa humnoota mootummaa meeshaa hidhatanii jiraniin  baratoota irartti raawwate eenyu  akka itti gaafatamummaa fudhatu waan jedhan hin qaban.

Yunivarsitti Haromayaatti ajjeechaa barata tokkoo irartti raawwatee fi hidhaa raawwachaa jirus utuu hin tuqin darbuun  isaanii taajabameera.

Alamaayyoo Qannaatiin.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …